
Isin Waa’ee Gootummaa Abbaa Biichee Maal Beektu?
Barreessaa: Malkaamuu Taarikuu Amoosaa
Walakkeessi Jaarraa 19ffaa seenaa uummata Oromoo keessatti yeroo itti uummanni Oromoo akka sabaatti falaasama sirna gadaa isaa humnaan molqame, yeroo weerarri maqaa babal’ifannaa lafaa kibba, kibba-dhihaafi baha Oromiyaa guutuu keessatti afaan nafxiin adeemsifamaa ture ta’uu seenaan dubbata. Yeroon kun yeroo Oromoon Arsii fi Harargee Aanolee fi Calanqootti harkaaf miilla, harmaaf qaamni saalaa aalbeen cirame ta’uu seenaan yaadata.
Mootonni kaaba Itoophiyaa yeroo sanii tooftaa gurguddaa lama baafachuun yeroo itti qabeenyaaf eenyummaa Oromoo saamuuf itti adeeman ture. Kunis, humnaan jiilchanii jilbeeffachiisanii bituufi hariiroo michummaa uumuu of keessaa qaba. Jiilchanii bituu keessatti taateen Aanolee, Azulee fi Calanqootti ta’e ragaadha. Hariiroo michummaa uumuu keessatti garuu waraanaa tokko malee abbootii waraanaa Oromoo gariin lola malee olaantummaa mootota warra Kaabaa fudhatan beekamtii kennanii of jalatti hiriirsuun gibira kanfalchiisuu, lola irratti hirmaachisuufi lafa fudhachuu of keessaa qaba.
Mootonni yeroos lola tokko malee karaa nagaa hariiroo jara waliin uuman hedduun akkuma jiran warri akka Waacoo Dabaloo, Abiishee Garbaa, Jorgoo Dagaagoo, Leenjisoo Digaa, Bakar Waaree, fi kkf kanneen olaantummaa mootota warra Kaabaa hinfudhannu jechuun waraanaan dura dhaabbachuu filatanis turaniiru. Gootawwan kanneen hunda guyyaa tokkootti ilaallee fixuu hindandeenyu kanaaf, warra hafe guyyaa biraaf beellama qabadheen keessaa waa’ee seenaa gootummaa Waacoo Dabaloo isiniif qooda.
Dhaloota Waacoo Dabaloo
Waacoo Dabaloo dhiha Oromiyaa, godina Wallagga Lixaa, Aanaa Jaarsoo (Gabaa Dafinoo) jedhamee beekamu keessatti dhalate. Bakki dhaloota isaa kun duratti “citaa Akkumaa” jedhamuun akka beekamu seenaan afoolaa hima.
Har’a Aanaan Jaarsoo magaalaa guddoo Finfinneerraa kiilo meetira 525 akkasumas, Magaalaa guddoo Godina Wallagga Lixaa Gimbiirraa gara Lixaatti kiilo meetira 103 fagaattee kan argamti. Yeroo ammaa Aanaa Jaarsoo karaa bahaan Aanaa Najjoo, karaa Lixaan Aanaa Baabboo Gaambel, karan Kibbaan Aanaa Gullisoofi karaa Kaabaan Aanaa Lataa sibuun kan daangeeffamteedha. Bal’inni lafa aanichaas iskuweer km 491,620 yoo ta’u, olka insa lafaan meetira 1300-2600 meetirakan taateefi teessuma lafaa %85 diriiraa, %10 lafa dachaafi %5 immoo garreen kan ta’eedha.
Waacoof bakki kun bakka ka’umsa qabsooti. Waacoo Dabaloo goota Oromoo dhaloota jaarraa kanaa biratti nama akka mallattoo gootummaa fi sabboonummaa ta’uun yaadatama. Waa’een gootummaafi seenaa jireenya isaa bal’inaan barreeffamee hinjiru, seenaan isaa caalaatti afoola akkasumas geerarsaan dhalootarra dhalootatti afaaniin darbaa dhufeen har’a dhaqqabuu danda’eera.
Hidda Dhalootaa fi Gosaa
Waacoo Dabaloo hidda dhaloota isaatiin Sibuu yoo ta’u lolee lolchiisaa goota jabaa fi hogganaa gosa Siibuuti. Sibuun hidda dhaloota Maccaa shanan keessaa kan Daallee ykn Daadhiiti. Daallee ykn Daadhii ilmaan torba hore. Isaanis Oboo (Leeqaa), Sayyoo, Sibuu, Tummee, Limmuu, Noonnoo fi Daannoo hore. Sibuun ilma sadaffaa Daalleeti. Lixa Oromiyaa keessatti bal’inaan qubatanii argamu.
Seenaa Sibuu dabalataan baruu yoo feetan barruu “Article” John Hultan waa’ee babal’ifannaa Sibuu irratti barreesse barbaaddaa dubbisaa.
Gootummaa fi Qabsoo
Waacoo Dabaloo yeroo saamichi qabeenya fi eenyummaa adeemsifamu san dhaabbatee hin ilaalle. Meeshaa waraanaa aadaa qabuun dura dhaabbate. lafa fi mirga uummata sanaa weerara waraana Miniilik irraa ittisuuf wareegama olaanaa kaffalluu filate.
Seenaan lolaa Waacoo Dabaloo caalaatti jaarraa 19ffaa gara dhumaa keessa, yeroo mootummaan Minilik II babal’ifannaa naannoo kibbaa fi dhiha Oromiyaa gaggeessaa tureetti kan raawwatedha. Lolli isaa amala ittisa biyyaa fi fincila mootummoota nafxanyaa gadootti bitamuu diduu qaba ture. Kanaafis, tooftaa waraanaa Riphee Loltummaa (Guerilla Warfare) fayyadamuun daggala seenee loltoota Miniiliikii Goobanaan hoogganamu waraanuu hoji manee godhate.
Waacoon dinagdee fi waraana kaabaa itti dhufe kiyyootti galchuuf (ambush)-tti dhimma ba’aa akka ture maanguddoonni argaa dhageettii himu. Waacoon bosona aanaa Jaarsoo, Siibu fi dhiha Wallaggaa sirriitti waan beekuuf, naannoo saniin loltoota Miniiliik saamicha lafaa gaggeessuu dhufan hedduu adaba itti tolchuun fi dhabamsiisaa ture jedhu.
Waacoon faayidaa fi angoo Miniiliik isaaf kenne fudhatatee gadootti galuu irra bilisummaa uummata isaatiif jecha daggala akkasumas naannoo keessa sosocho’uun loltuu kaabaa finciluu filate jechuun dubbatu. Meeshaa waraanaa ammayyaa dhabus, tooftaa waraana daggalaa (guerilla warfare) fi onnee gootummaatiin loltoota sirnichaa naannoo isaatti faca’aanitti adaba tolchuu akka danda’ellee seenaan hima.
Waacoo Dabaloo gootota naannoo sanaa kanneen akka Abishee Garbaa fi kanneen biroo waliin hidhata uumuun, Oromoon gidduu-galeessa fi dhihaa akka gurmaa’uufi saamicha lafaa mudataa jiru dura akka dhaabbataniif goota gahee guddaa taphachaa turedha. Tooftaa waraanaa cimaa gootummaan dabaalameen lola gaggeessuun gootummaa isaa mul’iseera. Lola kana keessatti fardaan lolaa akka tureefi maqaan farda isaa “Biichee” jedhamee akka waamamu maanguddoon seenaa dubbatu.
Geerarsa Gootummaa
Hawaasni naannoo sana waa’ee gootummaa Waacoo Dabaloo geerarsaan waan jedhu jedheera. Keessattuu, Wallagga Lixaa naannoo Jaarsoo fi gosni Siibuu gootummaa isaa beekan qubatanii jiran keessatti abboonni onnee dhalootaa qabsootti kakaasuuf dhimma itti ba’aa akka turantu himama. Yeroo baay’ee geerarsi isaa fardasaa “Biichee” fi lola inni diina waraaneen wal qabata.
Geerarsi gootummaa Waacoo Dabaloof geerarame baay’ee beekamaa keessaa muraasni kunooti:
“Waacoon daggala galee,
Daggallikoo hin qabiniin.
Inni farda koomfatee,
Mootichi hin dhabamiin!”
“Mee fardaan dhufe jedhaa,
Biicheen Waacoo Dabaloo.
Gootni eeboo luqqisee,
Diinaaf laatu gadoo!”
Akkuma Seenaa Gootota Oromoo kanneen akka Jeneraal Waaqoo Guutuu fi Abdiisaa Aagaa, seenaan Waacoo Dabaloo hidda dhiiga sabboonummaa Uummata Oromoo keessatti adda dureen kan ibsamudha. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti, maqaan Waacoo Dabaloo yeroo baay’ee yaadama “Gabarummaa fudhatanii jiraachuu caalaa fincilanii wareegamuun kabaja” jedhuun walitti hidhamee ka’a.
Hariiroo Gootummaa Waacoo Dabaloo fi Abishee Garbaa
Gootonni inni yeroo sana caalaatti itti dhihaatu fi michummaa hidhata qabsoo waliin qabaachaa ture keessaa inni beekamaan gooticha baddaa Horroo Abiishee Garbaa ture. Waacoon qabsoo isaa keessatti gootota akka Abishee Garbaa (Goodaa Kokoritti kan falme) gargaaruuf gurmaa’ina uumuuf akka yaalaa ture seenaan afoolaa ni ibsa.
Abishee Garbaa goota naannoo Horroo Guduruutti sirna nafxanyaa dura jabinaan dhaabbachaa tureedha. Waacoo Dabaloo fi Abishee Garbaa dhimma saamicha qabeenyaafi eenyummaa waliin ittisuu keessatti hidhata gootummaa guddaa waliin qabu turan. Ergaa walii erguu fi yeroo diinni naannoo tokko weeraru waliif dirmachuuf yaalii gochaa akka turan seenaan afoolaa ni dubbata.
Waacoon meeshaa ammayyaa dhabus onnee gootummaan eeboof gaachana qofaan diina qawwee ammayyaa qabu kuffisee meeshaa irraa hiikaa akka ture dubbatama. Kana malees Waacoon abbootii duulaa fi gootota gosa Siibu kanneen akka isaatti fincila filatan waliin loltoota gurmeessuun lolchiisaa tureera. Gootota naannoo Leeqaa keessatti bulchiinsa giddugaleessaa didanii daggala galan waliinis hariiroo guddaa akka qabaachaa ture seenaan dubbata.
Walitti Bu’iinsa Waacoo Dabaloo fi Kuumsaa Morodaa
Mootonni akka Kuumsaa Miniliik II waliin marii fi nagaan walii galuu yeroo filatanitti Waacoon akka malee morme. Akka seenaan barreeffamaa tokko tokko jedhutti Kuumsaan fa’aa “Yoo waraana Miniiliik waliin lollu uummata keenyatu dhuma, lafnis ni gubata” jedhanii waan yaadaniif akka sirna nafxanyaa fudhatantu himama. Akka yaada isaaniitti sirnichaaf bitamanii naannoo sana nagaatti eeguu barbaadu turan.
Waacoon Dabaloo garuu “karaa nagaan bitamanii mootummaa kaabaaf gibira ykn galii kaffaluun gabrummaadha; lafa abbaa keenyaa dabarsinee eenyuuf iyyuu kennuu hin qabnu” jechuun loltoota kaabaa yeroo sanii finciluu filate.
Kanaaf, yoggaa mootiin Kuumsaa maqaa Dejjaazmaach Gabre Igzihaabiheer gonfachuun beekamtii mootummaa Miniiliikii irraa argachuun bulchaa naannichaa ta’uun bakka bu’ee gibira sassaabee erguu jalqabutti Waacoon dura dhaabbachuun diddaa mul’isaa ture. Ilaalchi isaanii lamaan waan wal faallesseef wal loluu akka hin oolle seenaan dubbata.
Waacoo Dabaloo akka harka kennatuu fi mootummaa Miniiliikiif bitamu ajaja dabarsuus Waacoon ajaja kana tuffatee diduun eeboof gaachana isaan waraanuu filate. Haaluma kanaan, uummanni Oromoo Sibuu naannoo Jaarsoo jiraatu akka gibira mootummaa alagaaf hin kaffalleef inumaayyuu kakaasuun fincilsiisuu eegale.
Xumura
Akkuma Seenaa Gootota Oromoo kanneen akka Jeneraal Waaqoo Guutuu, Aliyyii Cirrii, Bakar Waaree…seenaan Waacoo Dabaloo hidda dhiiga sabboonummaa Uummata Oromoo keessatti tokko jedhamee kan ibsamudha. Waacoo Dabaloo har’as dhaloota jaarraa kanaa biratti asxaa kabaja mirga abbaa biyyummaa Oromootii fi mallattoo gootummaaf sabboonummaa akkasumas fakkeenya cichoominaa ta’uun kaafama.
Akkuma gootota Oromoo hedduu, Waacoo Dabaloo dirree lolarratti humnaan injifatamee osoo hin taane, shiraaf dabaan kiyyootti galuun akka qabamee achumaan akka wareegame dubbatama. Har’a uummati naannoo sanaa gootummaa isaa kanaan kan ka’e daggala fi lafa inni itti falme maqaa isaatiin yaadatu.
Har’a siidaan dhaabbachuufii baatus gootummaa fi guddummaa isaa dhaloota yaadachiisuuf maatii Waacoon gamoo guddaan tajaajila Hoteelaa kennu tokko magaalaa Jaarsoo keessatti akka yaadannoo Waacoo Dabaloof ta’utti ijaaramee jira.
Injifannoon Ummata Oromoo!
Gootummaa Waacoo Dabaloo haa jabaattu!
Galfata nurraa qabu! Hayyoota, beektoota akkasumas gootawwan qaqqaalii dilbii seenaa nu kudhaamuuf aarsaa qaalii kanfalanii darban maraaf ulfinaafi yaadatamuutu mala!