Kana Dubifneefi Kana Dhagenye Irra
Kutaa 1ffaa
SEENSA
Barruu kana keessatti seenaa, Finfinnee yaada baayyee gababdu irraa dubbadheen yaadan ka’efattin darba. Kun seensaaf seenaa, Finfinnee isin yaadachisuuf male seenaa, Finfinnee wali gala miti. Yoo seenaa, Finfinnee barressun jalqabame kitaaba gudda tokko ta’u danda’a.
Tarii bar-tokko barreffamu mala. Amma garuu rakko siyaasaa fi dinagdee ishe hudhe irraan waa xiqqo dubbadha.

Finfinneen haandhura Oromiyaati. Bara 1886 ykn dhufaati ilman garbboomfattu; Miniliki dura SIRNA GADAA MACCAA FI TUULAAMA tin hogganama turte. Finfinneen wiirtuu Maccaa fi Tuulaamati. Akkasumas magaalaa Gudditti Oromiyaati. Bakka harra masaraa biyyoleessa/ galmii, Miniliki itti ijaarame ilmaan, Abisiniyaa bara dhufaa darbaa irra ta’ani impayeera Itiyoophiyaa afaan qawween tiksaan sun galmaa Abba Gadaa Tuufaa Muunaa ture. Warri, Abisiniyaa dha beelaa fi lolan biyya isanirraa godaanani dhufaan. Lolaa fi afaan qawween, Finfinnee dhuunfatan. Sababiin isaas humnoota biyyota alaatin lenji’ani, meeshaa jabanaa bara sana hidhachiifamani jaarmiyaa siyasaa fi amantiitiin ijaaramun hoggansaa fi hoggana wal-ta’a qaban. Sadarkaa sanatti, Oromoon sirna Gadaa yoo qabatellee haggansa, hogganaa fi jaarmiyaa wal-ta’aa, Oromoo guutuu hammatu dhabuun sababii dadhabina keessa qabu ture. Deggersa humnoota alagaa dhabunis shora olana qabaatera.
Abbotin Gadaa Oromoo ballina lafaa fi lola guyya guyyaa irratti godhamurraan kanka’e sirna Gadaa fi bulchiinsaa gosaa gosaatti, Oromiyaa addan qoqqoaddatan. Kun immo kufaatii hamma harra, Oromoon keessaa dhidhitachaa jiruuf saaxile. Laalaa sana waan ofirra qabnuuf harra gosa, amantii fi naannoon ijaaramuun bu’a isarra balaa/ gaga’ama isatu caala jenne ifatti dubbacha jirra. Qabsoo waggota shantamaan goonee kana keessattis kanumatu mirkana’e. Harralle sadarkaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo QBO galma ishetti dhi’acha jirtutti gosummaa fi naannumman of-duuba deebisa jira. Kufaati keenya kaleessaa of booda yommu millannu fi dadhabina keenya yommu qorannu gosummaa fi naannumman gufuu keessaa, Oromoo ture dha. Harraas dhibdeen guddaan
keessa, Oromoo isuma kaleessa sana. Ilmaan garbbomffattu, Habashaa dadhabina keessa keenya kanattii daraan injifannoo gudda argatan. Harras rakko sana irra aanu dadhabne.
Miniliki Abba Gadaa Tufaa Muunaa afaan qawween akkuma injifateen, Oromoota; Abichuu fi Galaan ajjessu, harka muruu, jilba muruu, ciqilee muruu fi lafarra buqqisu hojii godhate. Lafa isaan irraa dhabamsiifaaman irra immo ilmaan, Abisiniyaa qubsiisu jalqabe. Kun Finfinnee qofaa osoo hin taane guutuu, Oromiyaa keessatti bifa wal- fakkataan itti fufe. Lafa Galmaa Abba Gadaa diiganitti galma mootummaa, bakka galma Qaalluu diiganitti immo mana sagadaa/ Bataskanaa ykn Orthodox dhaabbatan.
Bataskanoonni, Finfinnee keessa jiraan heeddun isaani galma Qaalluu fi Odaa Oromoo irratti ijaaraman. Galmi bulchiisa mootummaa fi waajjiroonni dur-dur ijaamani immo Dirree Muudaa, Irrechaa, Gumiigayoo, galma Caffee fi galmaa Abba Gadaa irratti ijaaraman. Guutummaa impaayeeraa Itiyoophiyaa keessatti haluma wal fakkataatu hojjetama ture hojjetama jiras. Akka qoratootni seenaa bara Sanaa barreessanitti, Miniliki, Oromoo kitila shan fixe. Isaan keessa gosti, Oromoo Abbichuu fi Galaan warra gosti isaani dugugga sanyii, Oromoo sanan dhabame keessa warra gosti guutun dhabamedha.
Sinitti tollaan Itti fufa.