
Fulbaana 12/2019(ENA):Itoophiyaan dhala namaaf kabaja isa xumuraa kan kennamu naaf laachuun na kabajjeetti;anis Biyya koo Itoophiyaaf waanan waakkadhe tokkollee hin jiru jedhan Itaamaajooriin shuumii walii galaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa.
Fiildi Maarshaal Birhaanuun kana kan jedhan sagantaa eebba kitaaba mata dureen isaa “Dil Qursuu” jedhu, seenaa jireenyaafi imala loltummaa isaan keessa darban irratti xiyyeeffatee barreeffamuun galgala kana eebbifameerrattidha.
Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humna Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan saganticharratti ergaa dabarsaniin biyyi koo na kabajjeettii kaasuun anis biyya koof waaniin qusadhu hin qabu humna koo guutuun nan tajaajila jedhaniiru.
Kitaabni mata dureen isaa ‘Dil Qursuu’ jedhu bu’aa ba’ii jireenya dabarsan wal duraa duubaan hanga seenaa gootummaa isaanii kan qabate yoo tahu Yuunivarsiitiwwaniifi qorattoota seenaa raayyaa ittisa biyyaaf kan fayyadu ta’uu Fiildi Maarshaal Birhaanuun eeraniiru.
Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Itoophiyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juullaan seenaa goototaa barreessuun dhalootaaf olkaa’uu irraa eegalee maqaa gootota leellisuun dhalootni biyya isaaf dhaabbatu akka baay’inaan horatamaa deemus taasisa jechuun hubachiisaniiru.
Kitaabni mata duree “Dil Qursuu” jedhun bu’aa ba’ii jireenyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juullaarratti xiyyeeffachuun ijoollummaa isaanii irraa eegalee hanga sadarkaa olaanaa ga’anitti keessa darban bal’inaan kan ibsu yoo tahu boqonnaa 8’tti qoodamuun fuula 355 akka qabu ibsameera.
Kitaabochi Gootota Raayyaa egeree ijaaruuf gargaara kan jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan,biyya ijaaruuf dhaloota ceesisuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru.