Koreen Hooggansa Olaanaa Godinaalee Haaraa Oromiyaa Ramadame

Finfinnee — Mootummaan Naannoo Oromiyaa murtee seena qabeessa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu danda’u murteessuun rifoormii haaraa ijaarsa sirna cimaafi mootummaa jabaa bu’uuressuuf ooluu taasiseen caasaa Godinaalee Oromiyaa 21 gara caasaa Godinaalee 6tti fiduun hundeesseera. Haaluma kanaan koreen hooggansa olaanaa Godinaalee kanaas ramadameera.

Tajaajilli Kominikeeshinii Oromiyaa ergaa kana ifoomseera. Rifoormiin kun sirna bulchiinsaa fooyyessuu fi tajaajila uummataaf dhiyaatu saffisiisuuf kan qophaa’e ta’uu ibsameera.

Godina Oromiyaa Bahaa

Godina Oromiyaa Bahaa kan teessoon isaa Harar ta’eef, Obbo Abdurrahmaan Abdallaa sadarkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Godina Oromiyaa Bahaa ta’anii ramadamaniiru.

Aadde Miski Muhammad sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aantuu Bulchaa Damee Misoomaa Godina Oromiyaa Bahaa ta’anii, teessoon isaanii Ciroo ta’a. Obbo Anas Aliyyii sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Oromiyaa Bahaa ta’anii, teessoon isaanii Galamsoo ta’a.

Obbo Jaarsoo Boruu sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Olaanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Oromiyaa Bahaa ta’anii, teessoon isaanii Gurawaa ta’a. Obbo Fiqaaduu Miiliyoon fi Aadde Saamiyaa Abdallaa sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Oromiyaa Bahaa ta’anii ramadamaniiru.

Godina Oromiyaa Giddu galeessaa

Godina Oromiyaa Giddu galeessaa kan teessoon isaa Shaggar fi Adaamaa ta’eef, Dr. Mangistuu Baqqalaa sadarkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Bulchiinsa Godina Oromiyaa Giddu galeessaa ta’anii ramadamaniiru.

Obbo Abbaabbuu Waaqoo sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Misoomaa Godina Oromiyaa Giddu galeessaa ta’anii, teessoon isaanii Waliso ta’a. Obbo Kifalaw Adaree sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Oromiyaa Giddu galeessaa ta’anii, teessoon isaanii Fiichee ta’a.

Obbo Makkonnin Baay’isaa sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Olaanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Oromiyaa Giddu galeessaa ta’anii, teessoon isaanii Ambo ta’a. Obbo Ashannaafii Ajjamaa fi Obbo Taaddalaa Diriirsaa sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Oromiyaa Giddu galeessaa ta’anii ramadamaniiru.

Godina Oromiyaa Kibba-Lixaa

Godina Oromiyaa Kibba-Lixaa kan teessoon isaa Jimma ta’eef, Dr. Rashaad Kamaal sadarkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Bulchiinsa Godina Oromiyaa Kibba-Lixaa ta’anii ramadamaniiru.

Obbo Indaalkaachaw Tafarii sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aantaa Bulchaa Damee Misoomaa Godina Oromiyaa Kibba-Lixaa ta’anii, teessoon isaanii Beddellee ta’a. Obbo Amaan Danuu sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Oromiyaa Kibba-Lixaa ta’anii, teessoon isaanii Limmuu Gannat ta’a.

Obbo Didhaa Guddataa sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Olaanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Oromiyaa Kibba-Lixaa ta’anii, teessoon isaanii Mattuu ta’a. Obbo Muhaammadxaahaa Abbaa Fiixaa fi Obbo Moosisaa Lammeessaa sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Oromiyaa Kibba-Lixaa ta’anii ramadamaniiru.

Godina Oromiyaa Kibbaa

Godina Oromiyaa Kibbaa kan teessoon isaa Yaabeelloo ta’eef, Obbo Ahmad Haajii sadarkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Bulchiinsa Godina Oromiyaa Kibbaa ta’anii ramadamaniiru.

Obbo Adulaa Hirbaayyee sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Misoomaa Godina Oromiyaa Kibbaa ta’anii, teessoon isaanii Adoolaa ta’a. Obbo Liiban Areeroo sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Oromiyaa Kibbaa ta’anii, teessoon isaanii Nageellee Booranaa ta’a.

Obbo Wandimmuu Roobee sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Ol’aanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Oromiyaa Kibbaa ta’anii, teessoon isaanii Bulee Horaa ta’a. Obbo Ibraahim Abdii fi Obbo Isaaq Xaachoo sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Oromiyaa Kibbaa ta’anii ramadamaniiru.

Godina Oromiyaa Lixaa

Godina Oromiyaa Lixaa kan teessoon isaa Naqamte ta’eef, Obbo Masfin Malaakuu sadarkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Godina Oromiyaa Lixaa ta’anii ramadamaniiru.

Obbo Mirreessaa Fiixee sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Misoomaa Godina Oromiyaa Lixaa ta’anii, teessoon isaanii Gimbii ta’a. Obbo Gammachuu Gurmeessaa sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Oromiyaa Lixaa ta’anii, teessoon isaanii Shaambuu ta’a.

Obbo Taliilaa Tarrafaa sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa olaanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Oromiyaa Lixaa ta’anii, teessoon isaanii Dambii Doolloo ta’a. Obbo Badhaasaa Dhaabaa fi Obbo Dassuu Lammii sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Oromiyaa Lixaa ta’anii ramadamaniiru.

Godina Oromiyaa Kibba Bahaa

Godina Oromiyaa Kibba Bahaa kan teessoon isaa Roobee ta’eef, Obbo Ahimad Idriis sadarkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Godina Oromiyaa Kibba Bahaa ta’anii ramadamaniiru.

Obbo Asaffaa Tolasaa sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee MisoomaaGodina Oromiyaa Kibba Bahaa ta’anii, teessoon isaanii Gindhiir ta’a. Obbo Abdurrazaaq Huseen sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Oromiyaa Kibba Bahaa ta’anii, teessoon isaanii Asallaa ta’a.

Obbo Ibraahim Kadiir sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Olaanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Oromiyaa Kibba Bahaa ta’anii, teessoon isaanii Shaashamannee ta’a. Obbo Izzaddiin Abuubakar fi Obbo Birhaanuu Arfaasaa sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Oromiyaa Kibba Bahaa ta’anii ramadamaniiru.


Rifoormiin caasaa Godinaalee Oromiyaa 21 gara 6tti fiduun hundeessuun sirna bulchiinsaa fooyyessuu fi tajaajila uummataaf dhiyaatu saffisiisuuf kan qophaa’e ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Oromiyaa ibseera. Koreen hooggansa olaanaa Godinaalee haaraa kanaas ramadamaniiru.

Leave a comment