Seenaan Oromoo Gullallee akkuma seenaa Oromoota kaanii nama gaddisiisa, nama boochisa, haaridhaan ilkaan nama ciniinnachiisee, xiiqii garaa nama kaayee, booree baafachuuf, jechuun biyya ofii deebisanii harkatti galfachuuf nama kakkaasa. Kanaafuu, nama boochisas nama boonsisasi!
Raasaa kana (jidduu kana) namoonni keenya tokko tokko waayee dhuma kanaa irratti yaada ciccimaa fi barreeffama (material) kana irratti argatan nuu dabarsaniiti jiru. Keessumaayyuu barreeffamni karaa Dr. Makuraa Bulchaa argame gammachiisaa dha. Waraqata isaa kana otoo namoonni yeroo qaban gara afaan Oromootti hiikanii, akkuma inni jedhe karaa beektaniin warra biyyaatii ergamee hedduu gaarii dha. Har’a ijoolleen Oromoo kan miliyoonaan lakkaawamantu dheebuu barreeffatoota afaan keenyaan bayanii qabu.
Gabaasa Seenaa
Amma ennaa warraaqaa jiran kana immoo kan akkanaa, kan namni oggaa warri Minilik biyya keenya gubu, nama keenya gorra’u, dachee barbadeessee loonillee gadoochuu wajjin deemee, argee barreesse kana argata! niitoo dubbisan baay’ee isaan gargaara.
Waan hundaafuu, akkuma obboleessi keenya kun jedhe, nuti “lamenting” guddifnee jirraa, mee kana dhiifnee karaa biyyaas karaa alaas warraaqnee, uummata keenya isa itti duulamaa jiru maddii ijaajjineetoo, haa sochoonu! Nuti hunduu akka kanaan duraatti qabsoo bilisummaa saba keenyaa adeemsisuu akka hin dandeenye, daran beekuu qabna.
Addunyaa geeddaramte tana keessatti nutis geeddaramuu qabna. Akkuma Dr. Asaffaa Jaalataa sirriitti kaaye, “the politics of common sense”-n bilisummaa keenya gonfachuu hin dandeenyu. Dammaqiinsa sabaa, Oromummaa, kan ammaa caala gabbifnee, tokkummaa ijaarsota keenya isa bu’ureeffame (ULFO) sirriitti cimsineetoo, qabsoo sirriitti ijaaramee qindeeffame adeemsisuun dirqama. Dirqama kana tahu waan karaan biraa hin jirreefi.
Hunduu akkanumatti harqoota koloneeffattootaa caccabsee of irraa darbate. Nutis harqoota kononeeffattoota Abas haa akkanumtti hurreessinee darbachuu qabna. Yoo akka kanaa olitti ibsame goone qofa, jara meeshaa waraanaa isa ammayyaa hidhatee nuttu duule, hammas ittuma fufee nutti duulaa jiru kana, kan of irraa faccisuu dandeenyu.
Shaggar-Finfinnee fi Oromoon Naannoo Isaa
Seenaan Shaggar-Finfinnee seenaa Oromoota isa marsanii jiran, keessumaayyuu seenaa Oromoo Gullallee wajjin walqabata. Oromoonni Shaggar marsanii jiran: Gullallee, Eekkaa, Galaan, Sulutaa fi Meettaa Aabbuu ti. Kana keessa Gullallee fi Eekkaan Shaggar keessas jiraatuyyu, jechuun akka biyya lammiin tokko irra jiruutti. Hammas isaan lafa irraa duguuganee fuxuun, koloneeffattoota keenyyaa hin taane, akka gurmee fi namtokkeettis Shaggar keessa ni jiraatu.
Dabaleesoo, kan buqqa’us kan bakka isaa buqqa’ee qubatus uummatuma tokko. Keenya garuu, kan buqqa’u ganda Oromoo ti; kan dhufee achi qubatu warra Abashaa ti. Gandi Oromoo tokko oggaa buqqa’u, aadaa fi seenaa Oromootu wajjin buqqa’a.
Silaa Shaggar dalgamalee, ol hin ijaaramu, manni dhoqqee Buraayyuu irraa kaasee Aqaaqii Basaqaa gayee jira. Kun immoo baatii baatiin Oromoo naannoo kanaa irratti raawwatamaa jira. Gullalleen fi Eekkaan buqqifama durattii irraa hafee, kunoo amma ijuma keenya duratti buqqifamaa jira. Kanas Oromoonni kun tole jedhanii hin fudhanne. Gara waggaa torbaatii kaasee ofi irraa faccisaati jiru. Ammoo kan isaan dhagawu, kan isanii birmatu, kan waayee kanaa illee addunyaa dhageessiseef hin jiru.
Uummanni kun waldaa gandaatiin ijaaramee, yaa’ii ofii irratti murtii dabarsee, mana marii Shaggar dura dhaabatee jira. Garuu, manni marii Shaggar kunis foolisii itti duulchisee isaan buqqiseeti jira. Kuni Oromoota Naannoo Buraayyuu (Gullallee), naannoo Garjii (Eekkaa), naannoo Boolee fi Laaftoo (Gullallee!) fa irratti raawwatamee jira. Ammallee ittima fufeetoo jira.
Kun cufti yommuu tahu, warri OPDO isaan hin gargaarre. Ilaa gandeen kun kan turan gariin hammas kan jiran “Bulchiinsa Shaggar” jala otoo hin tayin, Oromiyaa jala. Oromiyaan warra OPDO immoo, Oromiyaa uummata ofiitii dhaabattu otoo hin taane, Oromiyaa kophee koloneeffattootaa fi maxxantoota isaanii jala jirtuu ti.
Warri Amaaraa Shaggar yeroo duraa karaa mara hammaa kiilomeetira 50-tti babaldhisuuf, kan karoora baafatan jabana Darguu ti. Karaa hundaa kiilomeetira 50 jechuun: karaa Salaalee magaalaa Caancoo fi Sulultaa dabree hamma laga Dubar-itti, karaa Amboo hamma Ijeree (“Addis Alam”)-tti, karaa Walisoo hamma Tajiitti, karaa Sooddooo hamma Malkaa Qunxureetti, karaa Adaamaa hamma Bishooftuutti, karaa Abbichuu hamma Bakeetti.
Kuni sagantaa isanii isa duraati malee, booda babaldhisani “mootummaa naannoo Addis Ababa” jedhaniitoo, Shaggar-Finfinnee biyya Amaaraa isa Manjee (Manz) wajjin walqabsiisuufi. Ammaa egaa, oftuultonni Amaaraa isa bara Darguu galmee keessaa baasanii Wayyaaneetti kennaa jiru. Mallasis warra Amaaraa ofitti harkisuuf, dabalees fedhii warra isaatii eeguuf, kana haaromsee itti ka’e.
Ka’iisa Oromoo Gullallee Bara 1878
Oromoon Gullallee bara dheeraa waraanaa mootummaa Abashaa of irraa faccisaa ture. Isa xixxiqaa yoo dhiifne yeroo lama, waraana isatti duule of irraa deebisee jira. Ammoo dubbiin meeshaa waraanaa isa ammayyaa irratti kan hundaaye, waan tayeef, waraana isa sadaffaa irratti moyame.
Sana dura Goobana Daccee Minilik wajjin dhaabatee, erga Oromoo Abbichuu, Jirruu fi Galaan faa cabse, Oromoota Tuulamaa fi Maccaatti jaarsa ergee, akka Minilik dura hin dhaabanne gochuuf yaale. Kan inni jedhus: nuti fi warri Sidaamaa bara dheeraa wallollee, wal-madeessinee jirra. Isaan amma qawwee argatanii nuti garuu, homaa of harkaa hin qabnu. Nutumtuu gosa gosaan wallolaa jirra.
Kanaa mannaa koottaa nuti tokkummaa Oromoo dhaabaneeti, isaan wajjinis nagaan fi walqixxummaan jiraannaa! Ammoo durreewwan Oromoo baay’een tokkummaa Oromoo inni kaase, yoo jaalatan illee isa Amaara wajjin taana jedhu hin jaalanne. Isas amanuu hin dandeenye. Booda Oromoonni “yoo tokkummaa Oromoo feete kophaa kee koottu! Diina harkiftee nutti hin dhufini. Yoo isaan wajjin dhuftee, isaan jala nu galchuu barbaadde, nuti si dura dhaabanna.”, jedhaniini.
Innis gorsa isaanii hin dhageenye; isaanis dhaamsa isaa hin fudhanne. Warri Minilik in dhufu, Oromoon immoo of irraa deebisa. Kuni waggaa baay’ee fudhate. Minilik inni Oromoo Abbichuu bara 1868 keessa qabate, Oromiyaa guutuu qabachuuf waggaa 31 irraa fudhate. Kunis inni dhumaa Oromoo Booranaa isa bara 1899 qabatame.
Waraanni Minilik inni yeroo lama Oromoo Gullalleetin moyame, isa sadaffaa irratti akkaan hidhatee itti dhufe. Gullalleen waraanaa dhufaa jiru dhageyee, yaa’ii waame. Yaa’iin kun waltajjii Shaggar bakka yaa’iin isaanii durattumaa itti tahu, Tulluu Daalattii irratti. Bakki kun iddoo booda Minilik masaraa itti ijaarratee, “masaraa guddicha” jedhen, bakka amma Mallas Zenaa jiraatu. Yaa’iin seena-qabeessi kun guyyaa guutuu walmariyachaa oolee, booda sagalee tokkoon waraarana Minilik dura dhaabachuuf murtee dabarse. Murtee yaa’ii kanaa E. Cerulli: The folk-Literature of the Galla of Southern Abssinia: Cambridge, 1922, keessatti barreeffamee jira.