Seenaa Oromoota Finfinnee

Seenaan Oromoo Gullallee fi Qabsoo Isaanii


Barreessaa: Darajjee Bahaaruu Margaa


Seenaan Oromoo Gullallee akkuma seenaa Oromoota kaanii nama gaddisiisa, nama boochisa, haaridhaan ilkaan nama ciniinnachiisee, xiiqii garaa nama kaayee, booree baafachuuf, jechuun biyya ofii deebisanii harkatti galfachuuf nama kakkaasa. Kanaafuu, nama boochisas nama boonsisasi!

Raasaa kana (jidduu kana) namoonni keenya tokko tokko waayee dhuma kanaa irratti yaada ciccimaa fi barreeffama (material) kana irratti argatan nuu dabarsaniiti jiru. Keessumaayyuu barreeffamni karaa Dr. Makuraa Bulchaa argame gammachiisaa dha. Waraqata isaa kana otoo namoonni yeroo qaban gara afaan Oromootti hiikanii, akkuma inni jedhe karaa beektaniin warra biyyaatii ergamee hedduu gaarii dha. Har’a ijoolleen Oromoo kan miliyoonaan lakkaawamantu dheebuu barreeffatoota afaan keenyaan bayanii qabu.


Gabaasa Seenaa

Amma ennaa warraaqaa jiran kana immoo kan akkanaa, kan namni oggaa warri Minilik biyya keenya gubu, nama keenya gorra’u, dachee barbadeessee loonillee gadoochuu wajjin deemee, argee barreesse kana argata! niitoo dubbisan baay’ee isaan gargaara.

Waan hundaafuu, akkuma obboleessi keenya kun jedhe, nuti “lamenting” guddifnee jirraa, mee kana dhiifnee karaa biyyaas karaa alaas warraaqnee, uummata keenya isa itti duulamaa jiru maddii ijaajjineetoo, haa sochoonu! Nuti hunduu akka kanaan duraatti qabsoo bilisummaa saba keenyaa adeemsisuu akka hin dandeenye, daran beekuu qabna.

Addunyaa geeddaramte tana keessatti nutis geeddaramuu qabna. Akkuma Dr. Asaffaa Jaalataa sirriitti kaaye, “the politics of common sense”-n bilisummaa keenya gonfachuu hin dandeenyu. Dammaqiinsa sabaa, Oromummaa, kan ammaa caala gabbifnee, tokkummaa ijaarsota keenya isa bu’ureeffame (ULFO) sirriitti cimsineetoo, qabsoo sirriitti ijaaramee qindeeffame adeemsisuun dirqama. Dirqama kana tahu waan karaan biraa hin jirreefi.

Hunduu akkanumatti harqoota koloneeffattootaa caccabsee of irraa darbate. Nutis harqoota kononeeffattoota Abas haa akkanumtti hurreessinee darbachuu qabna. Yoo akka kanaa olitti ibsame goone qofa, jara meeshaa waraanaa isa ammayyaa hidhatee nuttu duule, hammas ittuma fufee nutti duulaa jiru kana, kan of irraa faccisuu dandeenyu.


Shaggar-Finfinnee fi Oromoon Naannoo Isaa

Seenaan Shaggar-Finfinnee seenaa Oromoota isa marsanii jiran, keessumaayyuu seenaa Oromoo Gullallee wajjin walqabata. Oromoonni Shaggar marsanii jiran: Gullallee, Eekkaa, Galaan, Sulutaa fi Meettaa Aabbuu ti. Kana keessa Gullallee fi Eekkaan Shaggar keessas jiraatuyyu, jechuun akka biyya lammiin tokko irra jiruutti. Hammas isaan lafa irraa duguuganee fuxuun, koloneeffattoota keenyyaa hin taane, akka gurmee fi namtokkeettis Shaggar keessa ni jiraatu.

Oromoon Gullallee akkamitti waraana Minilik dura akka dhaabatee, of irraa ittisee, boodas humna qawwee ibiddaatiin akka moyamee, boodas Shaggar keessaa akka itti buqqifame, kanaa gaditti gabaabinaan addeeffama.

Oromoon Shaggar-Finfinnee irraa buqqifamee hari’amuun (ethnic cleansing) kan jalqabamee har’aa mitii waggaa dhibba dura. Inni har’aa kun yoo roorriftuuwwan Abashaatii fiixan baye, isa lammaffaa taha. Ammas taanan kan jalqabame, erga warri Wayyaanee “raroo keessan xaxaddhaatii nurraa bayaa!”, warra OPDO-tiin jedhaniiyyii miti.

Oromoon keenya kan dubbiin hin galleef, “Shaggar keenya babaldhate” jedheetoo, warra Abashaa wajjin burraaqa. Ammoo inni dubbiin ganamumaan galeef, akka jagnicha Oromoo isa durii, akka Abbishee Garbaa quba ofii nyaataa jira. Akkuma Shaggar babaldhaachaa deemu qeyeen Oromoota naannoo kanaa buqqaa’aa deema.

Dhuguma Londonis, Barliinis, Kaayiroonis, Waashingitan Diisiis … ganda qotee bulaa buqqiseeti babaldhate. Ammoo inni kun seeraan beekamee, namoonni buqqifamanis gaafatamanii, wanni hedduu kennameefiti.

Dabaleesoo, kan buqqa’us kan bakka isaa buqqa’ee qubatus uummatuma tokko. Keenya garuu, kan buqqa’u ganda Oromoo ti; kan dhufee achi qubatu warra Abashaa ti. Gandi Oromoo tokko oggaa buqqa’u, aadaa fi seenaa Oromootu wajjin buqqa’a.

Silaa Shaggar dalgamalee, ol hin ijaaramu, manni dhoqqee Buraayyuu irraa kaasee Aqaaqii Basaqaa gayee jira. Kun immoo baatii baatiin Oromoo naannoo kanaa irratti raawwatamaa jira. Gullalleen fi Eekkaan buqqifama durattii irraa hafee, kunoo amma ijuma keenya duratti buqqifamaa jira. Kanas Oromoonni kun tole jedhanii hin fudhanne. Gara waggaa torbaatii kaasee ofi irraa faccisaati jiru. Ammoo kan isaan dhagawu, kan isanii birmatu, kan waayee kanaa illee addunyaa dhageessiseef hin jiru.

Uummanni kun waldaa gandaatiin ijaaramee, yaa’ii ofii irratti murtii dabarsee, mana marii Shaggar dura dhaabatee jira. Garuu, manni marii Shaggar kunis foolisii itti duulchisee isaan buqqiseeti jira. Kuni Oromoota Naannoo Buraayyuu (Gullallee), naannoo Garjii (Eekkaa), naannoo Boolee fi Laaftoo (Gullallee!) fa irratti raawwatamee jira. Ammallee ittima fufeetoo jira.

Kun cufti yommuu tahu, warri OPDO isaan hin gargaarre. Ilaa gandeen kun kan turan gariin hammas kan jiran “Bulchiinsa Shaggar” jala otoo hin tayin, Oromiyaa jala. Oromiyaan warra OPDO immoo, Oromiyaa uummata ofiitii dhaabattu otoo hin taane, Oromiyaa kophee koloneeffattootaa fi maxxantoota isaanii jala jirtuu ti.

Warri Amaaraa Shaggar yeroo duraa karaa mara hammaa kiilomeetira 50-tti babaldhisuuf, kan karoora baafatan jabana Darguu ti. Karaa hundaa kiilomeetira 50 jechuun: karaa Salaalee magaalaa Caancoo fi Sulultaa dabree hamma laga Dubar-itti, karaa Amboo hamma Ijeree (“Addis Alam”)-tti, karaa Walisoo hamma Tajiitti, karaa Sooddooo hamma Malkaa Qunxureetti, karaa Adaamaa hamma Bishooftuutti, karaa Abbichuu hamma Bakeetti.

Kuni sagantaa isanii isa duraati malee, booda babaldhisani “mootummaa naannoo Addis Ababa” jedhaniitoo, Shaggar-Finfinnee biyya Amaaraa isa Manjee (Manz) wajjin walqabsiisuufi. Ammaa egaa, oftuultonni Amaaraa isa bara Darguu galmee keessaa baasanii Wayyaaneetti kennaa jiru. Mallasis warra Amaaraa ofitti harkisuuf, dabalees fedhii warra isaatii eeguuf, kana haaromsee itti ka’e.


Ka’iisa Oromoo Gullallee Bara 1878

Oromoon Gullallee bara dheeraa waraanaa mootummaa Abashaa of irraa faccisaa ture. Isa xixxiqaa yoo dhiifne yeroo lama, waraana isatti duule of irraa deebisee jira. Ammoo dubbiin meeshaa waraanaa isa ammayyaa irratti kan hundaaye, waan tayeef, waraana isa sadaffaa irratti moyame.

Sana dura Goobana Daccee Minilik wajjin dhaabatee, erga Oromoo Abbichuu, Jirruu fi Galaan faa cabse, Oromoota Tuulamaa fi Maccaatti jaarsa ergee, akka Minilik dura hin dhaabanne gochuuf yaale. Kan inni jedhus: nuti fi warri Sidaamaa bara dheeraa wallollee, wal-madeessinee jirra. Isaan amma qawwee argatanii nuti garuu, homaa of harkaa hin qabnu. Nutumtuu gosa gosaan wallolaa jirra.

Kanaa mannaa koottaa nuti tokkummaa Oromoo dhaabaneeti, isaan wajjinis nagaan fi walqixxummaan jiraannaa! Ammoo durreewwan Oromoo baay’een tokkummaa Oromoo inni kaase, yoo jaalatan illee isa Amaara wajjin taana jedhu hin jaalanne. Isas amanuu hin dandeenye. Booda Oromoonni “yoo tokkummaa Oromoo feete kophaa kee koottu! Diina harkiftee nutti hin dhufini. Yoo isaan wajjin dhuftee, isaan jala nu galchuu barbaadde, nuti si dura dhaabanna.”, jedhaniini.

Innis gorsa isaanii hin dhageenye; isaanis dhaamsa isaa hin fudhanne. Warri Minilik in dhufu, Oromoon immoo of irraa deebisa. Kuni waggaa baay’ee fudhate. Minilik inni Oromoo Abbichuu bara 1868 keessa qabate, Oromiyaa guutuu qabachuuf waggaa 31 irraa fudhate. Kunis inni dhumaa Oromoo Booranaa isa bara 1899 qabatame.

Waraanni Minilik inni yeroo lama Oromoo Gullalleetin moyame, isa sadaffaa irratti akkaan hidhatee itti dhufe. Gullalleen waraanaa dhufaa jiru dhageyee, yaa’ii waame. Yaa’iin kun waltajjii Shaggar bakka yaa’iin isaanii durattumaa itti tahu, Tulluu Daalattii irratti. Bakki kun iddoo booda Minilik masaraa itti ijaarratee, “masaraa guddicha” jedhen, bakka amma Mallas Zenaa jiraatu. Yaa’iin seena-qabeessi kun guyyaa guutuu walmariyachaa oolee, booda sagalee tokkoon waraarana Minilik dura dhaabachuuf murtee dabarse. Murtee yaa’ii kanaa E. Cerulli: The folk-Literature of the Galla of Southern Abssinia: Cambridge, 1922, keessatti barreeffamee jira.

Oromoon Gullallee yaa’ii kana irratti:

Koottu Dhufe
Akka ati dhuftee toltuun biyyattaa dhufu
Nagaan warrattaa dhudhu

Tume seera
Muree seeera
Seerri seera Gullalleeti
Seerri seera Tuulamaati
Seerri seera abbootii Oromooti

Luugama fardarraan baasin
Meendhacha harkarraan baasin

Jedhee kutannoo cimtuudhan waraana warra Abashaa isa meeshaa Oroppaa hidhatee, warra Oroppaatinis leenjifame dura dhaabate. Boodas akka uummanni keenya jedutti “qawwee ibiddaatin” gubatee, mo’ muu danadaye. Yeroon kun bara 1875 keessa.

Loltuu Minilik Oromoon Gullallee akka mana manaan hiratee, sooru abboomame. Lultuun kun mindaa hin qabuu, mindaan isaa qutee bulaa Oromoo taye. Gaangota isaatii okaa kan haamu, miila isaa kan dhiqu ijoollee fi dubartii Oromoo ti. Dabalees daakee, tolchee kan isaan sooru dubartii Oromoo ti. Kana keessaa warra “dabaloo”n isaanii dhume illee kan itti uffisu Oromoo dha. Jarri qawwee warra Faranjii irraa maqaa kiristaanatiin kennameef malee, biyya Amaaratii wanni qabatanii dhufan hin turre.

Oromoota Gullallee humna qawweetiin jilbeeffachiisan waan amanuu hin dandeenyeef, guyyaa guyyaa qawwee gateettii ofiitti rarraafatanii oolu. Halkan halkan immoo of bira kaayaniiti rafu. Yoo allaattiin bar jettellee waan Oromoon utaalee isaan qabatu itti fakkaata. Haalli kun gara waggaa lama fudhate.

Wiirtuu Shaggar keessaa garri amma “Filwuha”, “Biherawi”, “Masqal Addababy”, Istaadiyooma, Dhaaba Sangaa faa jedhamu yeroo gannaa ni dhoqqaawa. Kanaafuu, warri Gullallee ganna ganna gara naannoo baddaatti darabaa galu. Waxabajjii deemanii gara dhuma Fulbaana darabaa dhaa deebi’u. Darabaa jechuun immoo yeroof ganna horii ho offatanii bakka biraatti galuu dha.

Ganna oggaa abbootiin warraa kan Oromoota Gullallee darabaa dhaqan, loltuun Amaaraa dubartoota isaanii dirqisiisnii wajjin ciisu. Dubartoonnis otuma garaan isaanii gubatuu, silaawoo qawween isaan doorsisuu wajjin rafu. “Wajjin ciifnu diina, dinnu du’a” jettee dubartiin Gullallee bara durii jedhama. Kana dubartiin walitti himtee, ganda gandaan akkuma walbeektutti waliin mariyatte.

Yoo abbootii warraa isaanitti himan, dhiironni haaranii Amaara qawwee boraafatee ciisuun wallolanii, galaafatamu jedhneeti sodaatani. Booda itti himnaa irratti walii galaniitoo, haarii dhan itti himani. “Abbaa warraa lama qabna moo?”, jedhanii warra dhiiraa booree garaa kaayani.

Silaa yaa’iin dhoowwamee jiraa, dhiironni gurmuu gurmuun walgayanii mariyachuun qabsoo haddhooftuu gochuuf, walii galani. Dubbiin turte: nutoo meeshaa waraanaa hin qabnuu, akkamitti diina qawweetti rasaasa naqatee, nu jidduu taa’uun qabsaawuu dandeenyaa ti. Mariyatanii mala tokko irra gayani.

Kunis guyyaa murame tokkotti, halkan dukkanaayee oggaa waarii jala gaye, warri manneen isaanii tulluu fi koobii bira jiru, daamotii (ibsaa) qabsiisanii gadi bawuu dha. Ennaa kana Oromoon Gullallee mana manaa gadi bayee, “uu uu qabi, dhayi! Uu uu qabi, dhayi!”, jedhee iyyuu dha. Warri akkana godhus dukkanaa fi muka dayeeffachuu qaba.

Gullalleen akkuma waliigaletti sagantaa isaa hojii irra ooleche. Yoona loltuun Amaaraa wareeree, utaalee, kaan ofumaan Oromoo se’ee, walitti dhukaasuun walgalaafate. Kaan immoo shootalaa fi bakara Gullallee isa dukkana gaachana godhatee haleelutti dirmee, kaan hallayyaatti nam’ee dhume. Loltuu xiqqoo kana irraa hafee, oduuf Ankoobar, Minilik bira gaye.

Minilik gara ji’a sagalii itti qopphaayee, waraana cimaa ilma obboleessa isaatiin, Dajjaach Mashashaa Seefuu-tiin durfame, Oromoo Gullalleetti, bara 1878 keessa duulchise. Oromoon Gullallees qopphaayee, akka nama tokkoo tayee dura gore. Karaa onnee Oromoon yoo caale malee, Amaaraa gadii miti.

Karaa qopphiis sirriitti of ijaaree jira. Ammoo Oromoon meeshaa waraanaa: eeboo, shootala, wantaa, furrisa, ablee, billaa faa malee, kan ammayyaa waa tokkollee hin qabu. Warri Amaaraa akkuma Oromoo ofii lilmoo faa malee hin tolchine. Garuu, Oromoon “nu warra kiristaanaa fixuufi” jedhee, warra Faranjii irraa meehsaa jabanaa guurratee, ogeessa waraana Faranjitiinis leenjifamee jira.

Oromoon Gullallee akkuma Oromoo Arsii, Oromoo Harargee faa biyya ofii fi bilisummaa ofiitii ka’ee, diina itti dhufe dura dhaabate. Dacheen Gullallee, Shaggar gubattee guyyaa guutuu lolanii, Oromoon akka okaatti hamamee, kan hafe harka kenne.

San booda Minilik kun isa hanqatee, ammas haloo bawuuf, Oromoo Gullallee jiddugaleessa Shaggar keessa jiraatu, isaantu kana sade jedhee, kan dhumaatii irraa hafe buqqise. Gullalleen wiirtuu Shaggar, naannoo Hora Finfinnee faa jiru, mana manaan faffaca’ee, gara obbolaa isaa gara naannoo Oromoota birootti baqate. Kaan Meettaa, Sooddo, Bacho, Ada’a Bargaa, Waliso, Kuttaaye faatti baqatee, boodas isaanin moggaafamee hafe.

Waggaa kudhan booda (1887-1888) oggaa Minilik Inxooxxoo irraa gadi bu’ee, Shaggar magaalmataa impaayara isaa taasifatu, Oromoon Gullallee inni naannoo amma “Arat-Kilo”, “Siddis-Kilo”, “Lidata”, Markaatoo, Kasaanchis, Piyaassaa (Birbirsa) faa jiru, buqqifamee waraana Minilikiin oofamee, Arsii naannoo Asallaa qubachiifame.

Warri kana irraa hafes, akkuma Shaggar babaldhachaa deemu, innis buqqifamaa deeme. Tahus Oromoo Gullallee lafa irraa duguuganii fixuun daddhabamee, har’as Shaggar keessa fi naannoo isaas numa jira. Kan biraa hafee, ijuma keenya duratti: Boolee, Garjii, Bulbula, Laaftoo, Makkannisa, Kaarra Qoree, Buraayyuu, Askoo, Shoogalee, Qaallittii faa irraa qeyeen isaa buqqa’ee jirra.

Oromoon Gullallee hamileen isaa cimaa waan tayeef, har’uma illee akkuma Oromoota Warjii faa Shaggar keessatti aadaa fi afaan isaa gadi hin dhiifne. Walaloo dhan, sirba dhiichisaatiin, kan geerrarsaatiin, kan naannetiin — roorroo isa irratti hojjatamee fi ammas hojjatamaa jiru ibsata. Mee kana keessaa lamaan isaanii callaan isinii dhiyeessa:

a) Booleen dur qamadii magarsaa
Amma roopphalaat irra marsaa!
Irra marsee, irra marsee gadi bu’ee
Saani abbaa qabu du’ee!

b) Boolee yaa bishaan Boolee
Roopphilaan harra dirree oolee
Boru Jimmaan gaddabraa
Barri hamaan kun in dabraa
Gattaa’ii, gattaa’itii dhayi sarbaa!


Xumurtoo

Kanaa olitti ka’iifni Oromoo Gullallee fi diddaan qabsoo isaanii, gabaabin isinii dhiyeeffamee jira. Malaa fi tooftaa isaan diina isaaniitti ka’aniinis agarreetoo jirra. Uummata kutatee ka’e wanni isa duubatti deebisu hin jiru.

Qabsoo diddaa kana keessatti qoonni dubartoonni Oromoo Gullallee qaban daran nama gammachiisa. Kan nama boonsisusi. Har’as dubartoonni keenya didha (booree) garaa nu kaayanii, nu kakaasuu qabu. Siiqqee ofii qabatanii oggaa isaan ka’anii, biyya kaasan dhiyaachaa jira.

Roorriftoonni Abashaa uummata keenya ba’aa inni baatee deemuu hin dandenye, itti fe’aa jiru. Dachee teenya Shaggar-Finfinnee, handhuura biyya keenyaa irraayyi duguuganii nu haxaawuuf deemaa jiru. Shaggar – Finfinnee, nuuf asxaa biyyummaa keenyaa ti. Wiirtii aadaa fi taliiga keenyaa ti. Ayaa abbootii fi haadhotii Oromoo ti. Akka uummata Falastiinaa biyya keenya irraa nu buqqisaa jiru. Akka saba Falastiinaatti akka lollu nu gochaas jiru. “Ka’aa! Oromoo maal taatanii teessu!”, nuun jechaati jiru. Kana kan nuun jedhu sagalee isaanii otoo hin taane, gocha isaanii ti.

Nuti daangaa nama hin dabarre. Haqa namaa tokkollee hin tuqne. Tokkollee hin tuqnusi. Oromiyaa boruu, ishii bilisoomte keessatti immoo haqni fi mirgi ilmoo namaa guutuutti akka eegamu, agoobarri ijaarsota keenyaa, ULFO sirriitti kaaye jira. Nuti caalatti ijaaramnee, kan ijaaramnes ija arsota keenya caalatti cimsinee, achumaanis tokko goone, tokkummaa ijaarsota keenyaa fi kan saba keenyaa akka utubaa sibiilaatti jabeessinee, ibidda qabsoo isa qabsiifame kana akka sirriitti boba’u gochuu dha. Kana gaafa goone, eenyuyyuu qabsoo bilisummaa saba keenyaa dura dhaabachuu hin dandayu.

Leave a comment