Hawaasa Oromoo Melbourne: Ayyaana Irreecha Arfaasaa

🌿 Hawaasi Oromo Melbourne Irreecha Arfaasaa Miidhaginaan Kabaje – Waamicha Aadaa Damboobummaa fi Naamusa Lammummaa Jabeessuuf 🌿

MELBOURNE, Awustiraaliyaa – Hawaasi Oromo Melbourne ayyaana Irreecha Arfaasaa, kan galata fi fooyya’ii, Tulluu Dandenong irratti bifa hoo’aa fi miidhagaan kabajan.

Ayyaanni kun akka aadaa Oromootti eebba maanguddotaan jalqabame. Uffannaa aadaa Oromoon faayamanii fi sirba, faarfannaa, fi sagalee baay’inaan hawaasi Oromoo Melbourne miidhagina aadaa Oromoo addunyaatti agarsiise.

Garuu waggaa kana, ayyaanni kun gochaalee dhoksaa morman. Hirmaatonni ayyaanichaa gochaalee saamichaa, malaanmaltummaa, fi seer-dhalbummaa Oromoo gidduutti biqilaa jiraachuu isaa hubachiisuun hawaasti akka gochaa badaa san morman yaadachiisan.

Akka hawaasi Oromoo gochaalee ukkaamsaa fi saamichaa kana gogsuu fi aadaa damboobummaa, amantaa, fi naamusa lammummaa jabeessuuf akka hojjatan waamichi godhan.

Dubbiin Jaarsolii fi Hawaasaa:

🗣 Obbo Abdataa Homaa wayituma kana dubbii baga nagaan dhuftanii keessatti “Irreechi galata qofa miti; inni yaadachiisa hawaasa Oromoo aadaa isaanii, amantaa isaanii, fi kabaja isaanii deebisanii cimsachuu ti,” jedhan.

Itti dabaluunis, “Yeroo qabsooni Oromoo injifannoo siyaasaa goonfachaa jirutti, murnoota saamichaa, malaanmaltummaa, fi seer-dhalbummaan ummata hiraarsan arguun aadaa ta’uu hin malle. Damboobummaa jabeessuu qabna,” jedhaniiru.

🗣 Obbo Dhaabasaa Waaqjiraas wyituma kana dubbii dubbatan keessatti aadaa Oromootti deebi’uun gochaalee fafaa maksuun akka barbaachisu himan.

“Gochaan ukkaamsaa fi saamichaa Oromoo keessatti yeroo ammaa kana mul’achaa jiru akka hin babal’anneef, aadaan damboobummaa fi naamusa lammummaa akka guddatu jabeessinuun akkaan barbaachisaa dha. Walgargaarri fi naatoon waliif qabaachuun bu’uura aadaa Oromooti – kana irratti akka jabaannu gorsa dabarsina.”

🗣 Miseensi hawaasaa, Ob Aliye Geleto, gama isaaniin Irreechaan guyyaa galata qofaa otuu hin taane, mallattoo eenyummaa Oromoo addatti beeksisu waan ta’eef jaalachuu fi kunuunsuun akka barbaachisu dhaaman.

“Irreechi identity dha. Waan Oromoo adda baasee beeksisuu dha. Waan Oromoon walitti qabuu dha. Waan Oromoon eeguu fi guddisuu qabu.”

🗣 Miseensi hawaasaa, Ad Lalisee Wadaajoos Irreechi aadaa jaalalaan guddifamuu qabu akka ta’e himan.

“Ergaan kun daa’imman keenyaaf fakkeenya ta’uu qaba. Aadaa keenya jaallanne, amala gaarii agarsiisuu qabna.”

Waamicha dhuma irratti:

👉 Aadaa keenya kabaji – hattoomina fi soba didaa

👉 Damboobummaa (amantaa aadaa) jabeessi

👉 Naamusa Lammummaa (ulfina lammummaa) cimsi

👉 Walgargaarri fi tokkummaa jabaatti

👉 Naannoo keenya eegi – akka Irreechi nu barsiisu

Lakkaddaa: #IrreechaArfaasaa#MelbourneOromo#Damboobummaa#NaamusaLammummaa#OromoUnity#HawaasiOromo

Leave a comment