Artiin kan qabsoofte, geerarsasaan kan baroodde Maaramee Harqaa eenyu?

Zelalem Tadesse Duressa (BBC Afaan Oromoo)
Gahee,Senior Broadcast JournalistGabaasni irraati,Nairobi

Fo’ii loli ……goonni haa baruudu…

Fo’ii loli, goonni haa baroodu… jechuun weellisuun beekamti. Qixa isa hidhatee loleetti sirbaan qabsoofteetti jedhu warri ishee beekan.

Bilisummaan tola hin dhufu sirbi ishee jedhus haalaan beekama. Maaramee Harqaa Kaasaa akkamiin yaadatamti?

Dubartummaa, Mirga, Finfinnee weelluuwan isheen ittiin beekamtu keessaa muraasa.

Barsiiftuu qofa osoo hin taane qabsooftuu mirga namoomaa jabduudha. Weellistuu Maaramee Harqaa. Xiiqiin kan isheen ittiin beekamtudha, Jagnadha. Garuu gara laafettiidha. Amala qabeettii ammoo saba isheef akka malee quuqamuun beekamti.

Uuummata Oromoof aarsaa kamuu kaffaluuf yeroo hundaa qophooftuu turte. Gochaanis agarsiifteetti. Hojii barsiisummaa ramadamte keessattis waan irraa eegamu bahatteetti jedhu namoonni Maarameetti dhiyaataa turan.

Maaramee Harqaa uummata Oromoof akka malee quuqamti ture. Dubartoo onnee guutuu fi uummanni Oromoo akka baratuuf tattaafataa turtedha jedhe barreessaan kitaaba Seenaa Qabsaa’ota Dubartoota Oromoo Baqqalaa Warquu.

Cunqursaa uummata isheerra gahu jibbuun lubbuu fi jireenya ishees nama mararsiifataa ture miti jedhu namoonni waa’ee Maaramee Harqaa dubbatan. Maaramee Harqaa Ijoollee ishee lamaan Gammachuu fi Lalisee dhiistee yeroo waraana Bilisummaa Oromootti makamuuf turtes ni jira. Sanuu erga abbaan warraa ishee irraa du’ee ture.

Dubartii beekamtuu maatii qabsaa’otaa irraa dhalatte tokkotu akka isheen haftu gorse.

Silaa sirbi Gundoo Booree kan isheen ittiin beekamtudha. Kitaaba Gundoo Booree jedhus uummata isheef gumaachiteetti. Gundoo Booreen sirna fuudha afi heerumaa uummata Wallaggaa biratti bakka olaanaa qaba.

Maaramee Harqaa eenyu?

Xumura bara 1950 keessa abbaashee Obbo Harqaa Kaasaafi haadhashee aadde Geexee Baloo irraa godina Wallaggaa Bahaa, Aanaa Gobbuu Sayyoo, ganda Qeejjoo jedhamutti dhalatte.

Obboleewwan dhiiraa 5 fi dubara 1 waliin gara addunyaa kanaa, kan dhufte gootittiin kun, umrii daa’imummaa isheetti amala qabeettii, dhugaa dubbattuufi karaa dabaan ammoo tole kan hin jenne, kan xiiqii hin dandeenye, waan hundi kan irraa miidhagu faaya Oromoo turte jedhe barreessaan kitaaba Seenaa Gootota Dubartoota Oromoo Obbo Baqqalaa warquu.

Barnootashee sadarkaa 1ffaa Baakkotti, sadarkaa 2ffaa ammoo Ambootti kan baratte gootittiin kun, yeruma barattus qaama Oromoof hojjatu waliin hojjachaa kan turteefi quuqama Oromoof qabdu karaa addaatin agarsiisaa nama turte, sabboontuu Oromooti.

Barnootashee sadarkaa lammaffaa akka xumurteenis gara Koolleejjii Dabra Birhaanitti imaluun leenjii barsiisummaa (TTI) fudhattee gara Amboo deebi’uun magaalaa Amboo naannawa Awwaaroofi achuma iddoo garagaraa barsiisaa turteetti.

Bara Dargii keessas Miseensa ABO ta’uun, Amboofi naannawa sanatti, Jajjabeef barnootaafi leenjii jajjaboo kennaa akka turtetu himama. Keessattuu qabsoo qubee barsiisuu keessattis adda duree ta’uun, shamarran hedduu dirree barnootaatti waamteetti.

Kana malees, gootota dubartoota Oromoo kanneen akka Ilfinash Qannoo, Angaatuu Baalchaafi kkf danuu waliin ta’uun qabsoo walleefi weelluu Oromoo keessatti ashaaraa mataashee keesseetti.

Addi Bilisummaa Oromoo erga mootummaa ce’umsaa keessaa bahees, bara 1984 sirna mootummaa yeroo sanaan dhiibbaa isheerra gahaa tureen baqachuun gara Finfinneetti galte.

Haa ta’u malee, erga gara Finfinnee dhuftees mootummaan yerosii hordoffii ishee dhiisuu waan dideef, tasgabbiin taa’uu hin dandeenye.

Gidiraan ittuu hammaachaa dhufnaan hojii barsiisummaa dhiistee dhaabbata dhuunfaa Oromo Relief Association (ORA)tti qacaramtee hojjachuu eegalte jedhe Baqqalaa Warquu.

Utuu gara barsiisummaa hin dhufin yeruma barattuu turtetti baay’ee cimtuu turte.

Kanarraa ka’uun, hawwannaafi cimina isheen gama kamiinuu qabdu ilaalee, qalbii isaa fudhattee yeroo kutaa 9ffaa barattu barsiisaashee kan ture nama jabaafi seenaa qabeessa ta’e, barsiisaa Jifaara Qarneessaa jedhamuun gaa’elaaf gaafatamtee itti heerumuun ijoollee lama horataniiru.

Ijoollee Leellisee Jifaaraa fi Gammachuu Jifaaraa jedhamu horatanii jiru.

Baqqalaan ilma Maaramee wabeeffachuun kitaaba isaa keessatti akka ibsetti, Maarameen uummatni Oromoo lafa utuu qabu, biyya utuu qabu, mirga bilisummaan jiraachuu utuu qabuu, maaf lafasaa dhaba?

Maaf namasaa dhaba? Maaf gootasaa dhaba? Maaf biyyasaa dhaba? Maaf mirgasaa dhaba? Maaf alagaan gidirfamee jiraata? Jechuun gaafattee deebii dararaa ittuu jabeessu erga argiteen booda, jajjabee Oromoof qabsaa’u faana taatee cichoominaan falmuuf kaate jedha.

Barreessituun dubartii qubeetiin barreessuun hangafa taate kun, walleewwan hedduus weellistootaaf barreessuun ofiifis weellisuun haadha ogummaa baayyee tahuu hime.

Biyyoo biyya lafaa eenyut sirratti hafaa

Du’a biyya lafaa eenyu irraa hafaa? jettee akkuma weelliste Maarameen bara 1995 boqatte.

Sirba kana abbaa warra isheef weellisuu hin hafne. Sababni isaa ammoo erga inni boqatee baay’ee miidhamtee turte jedhan namooni Maaramee beekan.

Jabaatanii dhukkubaa fi du’arraa wal hin hanbifannu, Dabareen kiyya na gahee hanga sibira gahuttii, nagaatti jettee kan sirbite kaasseta ishee tokko keessa jira.

Maarameen yeroo adda addaatti hidhamtee, reebamtee dararaa arguun erga dabarsitee booda, uummata isheef jiraatte bara 1995 dhukkubsatee utuu yaalamaa jirtuu lubbuun dabarte.

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa badhaasa ogbarruu Gaaddisaa bara 2022 qopheeserratti, barreessituu hangafa kanaaf badhaasa beekamtii bakka isheen hin jirretti yaadannoodhaaf kennameera.

Gudoo Booree
Oromoota Maccaa keessumaa ilmaan Jaawwii biratti yeroo cidhaa sirbi Gundoo Booree bakka olaanaa qaba.

Fuutuu….. eenyu isheen dhuftee fuutu……

jechuun hiriyyoonni misirrittii xiiqiidhaan qabatanii warra waayillan gurbaatti sirbu. Aarii qabu. Hiriyyaa isaanii waan jalaa fudhataniif aarii fi xiiqiidhaan sirnuma gammachuu kana irratti sirbama.

Yeroo waayillan gurbaa Gundoo Booree fudhachuu dadhaban Gundoo Booree… Dhiistee galta mooree? Gundoo dhiigaa….. Gurroo dhiiraa dhiistee galta mooree? jedhanii sirbu.

Gundoon Booree aadaa jabaa uummata Oromoo yoo ta’u, gootittii Maaramee Harqaan ammoo mata duree kitaabashee godhattee taateewwan akka aadaa, siyaasa, safuufi seenaa danuu achi keessatti dibdee agarsiiste jedhe Baqqalaan.

Gundoo Booree

Booree Gundoo Booree kan jedhan

Missirroof hodhama meeshaa isaa kaan wajjin

Hanga gundoo addooyyee hin ga’u Gundoon kaan

Feetus addooyyeen ishee hodhitee ni fiddi

Bareedina intalaa kuftee kaatee eegdi

Addooyyee jechuun hiika aadaa keenyati jechuun Maarameen kitaaba ishee keessatti walaleesiteetti.

Kitaaba Maarmee Harqaa, Gundoo BooreeMadda suuraa,Kitaaba Maarmee Harqaa
Sirboota Maaramee Harqaa
Maaramee Harqaa walumaa gala kaasseta afur maxxansiifteetti.

Kaassettaa is ajalqabaa A.L.Atti bara 1997 mana muuziqaa Zeddiitti maxxansiiste. Kaassetti jalqabaa kun sirboota kudhan qaba.

Boonaa warraa

Fandishee Alaa’ee

Asham Baabee

Ishoo loli yaa durbee

Hin booyin golloo

Qarree durbaa baali hinhaadu

Bilisummaan tola hin dhufu

Harcumme yaa looyye

Si hin waamne yaa seesaa

Yaa Sharrittii koo Jedhan ni argamu.

Akkasumas, kaassetta isa biroo bara 2000 A.L.A. mana maxxansaa muuziqaa Kiiloleetti maxxansite keessaas mata-dureewwan kudhan

Finfinnee, Kuufama kee yaa garaa, Geerarsa,Faaruu Oromiyaa, Ongololi, Falmadhu addooyyee, Yoona malee yoomiree jedhan jiru.

Maaramee Harqaa barsiiftuu fi weellistuu qofa hin turre. Qabsooftuu mirga namoomaa fi ambaasadara aadaati jechuun danda’ama.

Leave a comment