Sirna Gadaa: Hiriira Oromoo fi Seenaa Karrayyuu

AMN PLUS- Sadaasa 24/2018
โBakka maluuf keessaa qooda dhabanii Gadaan isaanii xiyyeeffannoo dhabuu Roobaa Jiloo Luba Gadaa Dullachaa Karrayyuu AMN PLUS Roga Dubbiitti himan.
โโGadaan isaa akkuma Gadaa Oromoo biraa bakka argachuun wal nuuf qixxaatu barbaannaโ jedhan. Giddugala Aadaa Oromoo keessaalee Abbaan Gadaa Karrayyuu Waajjira akka hin qabne eeruun.

โโKarayyuun daangaa hin cabsu, Laga hin cabsu, nama hin miidhuโ kan jedhan Roobaa Jiloo, wal- dhabdee mudatus iccitiidhaan Gadaa keessatti ilaalee akka furu dubbataniiru.
โKarrayyuu keessatti Sirni Gadaa laafee akka hin beekne kaasuun, seenaa keessattis maqaa lafaatiin moggaasni namaa kan walitti dhufu Karrayyuu qofa keessatti taโuu ibsaniiru.
โโMaqaa lafaa, mukaa, Gadaa, maqaa keenyaan walitti hirkifnee daba nutti dhufu ittiin ofii fi biyya keenya falmina โ jedhan.

โGadaan bakka tokko tokkotti huuqqatee jiraโ kan jedhan Roobaa Jiloo, uummatni Oromoo, โDabballee irraa kaasee guutummaa guutuutti tartiiba Gadaa bakkatti deebisuu qabaโ jechuun dubbataniiru.
โโGadaan ilmoo rabbiiti, dhugaadhaโ jedhanii, Oromoon hundi kan wallaalee irraa alatti harkifatus taโe, kan beekee itti siqes Gadaa gabbisuu qabaโ jedhani
โAkkuma โwaan argan nyaatu malee waan argan hin dubbatanโ jedhamu Karrayyuun iccitii walii qabatu jedhani Fantaallee Hawaas Raaba Gadaa Baasoo Karrayyuu.

โSeenaa keessatti maqaan sanyii maatii ofii akka hin banneef maqaan waliin naannaโa, maquma akaakkayuutiin ilmi akka moggaafamu himaniiru.
โโMaqaa ilma angafaa akaakayyuu Karaa abbaatti akka moggaasan himanii, maqaa mucaa lammaffaa amma akaakayyuu Karaa haadhaatti moggaasuโ jedhan Fantaallee Hawaas Raaba Gadaa Baasoo Karrayyuu.
โโGadaa jechuun nagaadha, sirni keessatti raawwatamus karaa nagaan taโaโ jechuun, bara kanas sirna buttaa qaluuf Godaanuuf akka jiran himaniiru.
โBaatii 4 ffaa keessa godaansa warra baasuuf qophii irra akka jiran ibsaniiru.
โSirna sana keessatti namootni hirmaachuu qaban aadaadhumaan adda kan baafaman taโuu kaasanii, namoota gumaata gara godaansaatti geessaniifis uffannaan kan kennamuuf taโuu kaasaniiru.

โGadaan Diimookiraasii, akkuma cidhaatti eebbaafi gamnachuudhaan aangoon dabarfamee wal harkaa sina itti fuudhamu taโuu dubbatanii.
โGuyyaa godaansa Gadaa isaanii kanattis mootummaanis taโe, uummatni Oromoo biyya keessaafi alaa tumsa adda addaa akka taasisuuf turtii AMN PLUS Qophii Roga Dubbii waliin taasisaniin waamicha dhiyeessaniiru.
โDaraartuu Tarreessaatiin