Monthly Archives: February, 2025

ABO fi KFO: Furmaata Nageenyaa Oromiyaa

Kora Waliinii irratti Ibsa Waloo ABO fi KFO irraa Kenname.

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Jila jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa wajjiin taanee rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiruu fi jiruuf-jireenya ummataa irratti danqaa ta’erratti yaada furmaataa barbaachuuf marii taasisneerra. Mariin godhames baatii lamaa ol kan lakkoofsise yoo ta’u, hangaa guyyaa Guraandhala 18, 2025tti mariiwwan xixxiqqoo hedduu gochaa turuun gaafa guyyaa Guraandhala 19, 2025 hanga Guraandhala 22, 2025tti kutaa hawaasa Oromoo garaa garaa ofitti dabaluun Magaala Finfinnee Hoteela Ililliitti guyyaa afuriif kora guddaa geggeessineerra. Koricharrattis rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiru fi rakkoolee adda addaa furuuf waliigalteerra geenyee, wantota hedduu nageenya Oromiyaa fi Oromoo waliin walqabatan irratti mootummaa waliin walii galteerra ga’uun akka danda’aamu hubannee mootummaa waliin mari’achuuf qophiilee barbaachisoo gochaa jirra.

Kaayyoon ijoo marii kanaa rakkina nageenya Oromiyaa keessa jiru furuudhaaf qaamota waraana irra jiran waraana dhaabuun rakkina jiru karaa nagaa furuuf irratti hojjachuu dha. Dhimma ijoo nagaa waaraa buusuu kana waliigaltee fi murtii Kora Walinii Guraandhala 22, 2025 ibsame karaa miidiiyaa hawwasummatiin qoodame hordoofe midiyaaleen garaa garaa akeeka fi kaayyoo marichaan ala hikkaa adda addaa itti kennuun ibsuu isaanii hubachuun ibsa bal’aa sirrii ta’e sabahimaalee garaa garaatiif kennun barbaachisaa tahe mul’ateera.

Akka kanaan kaayyoo ijoo marii Kora Waliinii:

1. Egeree ummata Oromoo fi naannoo Oromiyaaf yaadessaa kan tahe mari’aatanii karaa nagaa fi sabatiinsa qabuun furuu akka ta’u cimsinee hubachiifna.

2. Gaaffilee ummata Oromoo ilaalchisee kanneen bakka adda addaatti kaka’an hunda Mootummaa fi qaamootni dhimmi ilaallatu waliin marii gochuun furmaata kan argatan ta’uu beeksifna.

3. Rakkoolee jiraniif gaaffilee deebii barbaadaniif karaa nagaatiin furmaata akeekuun erga mari’atamee booda yaadni furmaataa irratti waliigalame hojiitti hiikama.

4. ‘Nageenyi furmaata hundaati’ jennee waan amannuuf, marii fi sochiin amma eegalame qaama nageenya kanaa ta’uu beeksifna; kanaan walqabatee sochii jalqabame kana gufachiisuuf carraaqqiin godhamuu fi ololli adeemsifamu kamuu irratti hirmaachuu irraa qaamootni adeemsa nagaa kana keessatti qooda fudhachaa jiran hunduu of qusatuu fi qoqqobuudhaan kaayyoo nageenyaaf tumsa barbaachisu akka godhan cimsinee hubachiifna.

Haala qabatamaa nageenyaan wal qabatee Oromiyaa keessatti adeemaa jiru bu’uura godhachuudhaan qaamni dhimmi isaa ilaallatu hundi tumsa yoo godhe nageenyi waaraan dhufuu waan danda’uuf barbaachisummaan Kora Waliinii Oromiyaa keessatti nagaa buusuuf qabu olaanaa akka ta’e ABO fi KFO’n guddaa itti amanu. Kanarraa ka’uun, ejjennoon Waloo Kora Waliinii ABO fi KFO akka armaan gadiitti ibsamaniiru:

1. Nageenya waarawaa Oromiyaa keessatti fiduuf qaamni dhimmi ilaallatu hunduu furmaata kennamuuf hojii hojjatamu tumsuu qaba.

2. Qaamonni Oromiyaa keessatti kan wal waraanan waraana dhaabuun rakkina jiru karaa nagaan furuuf jecha hojii hojjatamu qaban keessatti qooda irraa eegamu bahachuuf dirqama ofitti fudhachuu qabu.

3. Olaantummaa Seeraa kabachiisuu keessatti qaamoleen dhimmi ilaallatu hunduu qooda irraa barbaachisu bahachuun nagaa buusuuf hojjachuun dirqama hundaa tahuu hubachiifna.

4. Dhimma nageenya Oromiyaa fi dhimmoota adda addaan walqabatee, dhimmoonni mootummaa waliin irratti walii galuun danda’amu hedduun waan jiraniif, mootummaa waliin atattamaan mariitti seenuu irratti hojjatamaa jiraachuu hubachiifna.

5. Paartileen Siyaasa ABO fi KFO’n dhimma nageenya Oromiyaa irratti mootummaa waliin mariihatuun furmaataa waaraa argamsiisuuf hojjatna.

6. Mariin kun yoom, eessatti fi akkamitti akka eegalu dursa qaamota sadan jiddutti waliigaltee ta’uun mari’atamuun kan murtaa’u ta’a.

7. Rakkoo fi garaagarummaa siyaasaa qabnu kamiyyuu mariidhaan hiikuun barbaachisummaa inni nageenya ummata keenyaaf kan qabu tahutti amanna.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO)

Guraandhala 26, 2025

Finfinnee!

Waliigaltee Kora Waliinii: Furmaata Rakkoolee Oromoo

RAKKOON OROMOO OROMOODHAAN FURMAATA ARGATA!

Waliigaltee “MARII KORA WALIINII” jila Jaarmayaalee hawaasaa Oromoo adda addaa fi jaarmayaalee siyaasaa Oromoo ABO fi KFO ilaalchisee ibsa deggarsaa fi ejjennoo miseensota ABO Tibba kana jilli jaarmayaalee hawaasaa Oromoo fi jaarmayaalee siyaasaa Oromoo(ABO fi KFO) marii kora waliinii Gurraandhala (19 -22) bara 2025 guyyoota afuriif taasisaniin murtoolee gurguddoo dabarsuun milkiin goolabuu isaanii ibsaniiru.

Nuyi miseensonni fi deggartoonni ABO biyyaa keessatti argamnu , mariin kun ajandaa Oromoo fi lammiilee Oromiyaa qabatee bahuun waliigaltee irra gahuu isaa fi milkiin xumuramuu isaa gammachuu guddaan simanna.

Addi Bilisummaa Oromoo rakkoon siyaasaa biyya kanaa karaa nagaan furamee sirni ummataa akka diriiruuf tattaaffii walirraa hin citne taasisaa tureera. Har’as nagaan waaraan akka dhufuuf rakkoon siyaasaa dursa furamuu akka qabu jabinaan hojjechaa jira. Waligalteen marii kora waliinii kunis kanuma mirkaneessa.
Haaluma kanaan nuti miseensonni fi deggartoonni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waliigaltee kora waliinii deggaruun ejjennoo keenya akka armaan gadiitti ibsanna:

1) Rakkoolee ulfaataa fi walxaxaa ummati Oromoo keessa jiru furmaata itti soquuf waliigaltee kora waliinii jaarmayaalee hawaasaa Oromoo fi jaarmayaalee siyaasaa Oromoo(ABO fi KFO) ni deggarra.

2) MOOTUMMAA CEHUMSAA WALOO korri waliinii labse kana lafarratti dhugoomsuuf yeroo kamiyyuu caalaa jabaannee ni hojjenna.

3) Ummati Oromoo fi lammiileen Oromiyaa MOOTUMMAA CEHUMSAA WALOO OROMIYAA qaamota dhimmi ilaalu hunda hammataa tahee labsame ofitti fudhachuun dhugoomsuuf deggarsa barbaachisu akka taasisan dhaammanna.

4) Waliigaltee marii kora waliinii kana gufachiisuuf biyya keessaa fi biyya alaa irraa olola sobaa facaasaa kan jiran gochaa isaanii kanarraa akka dhaabbatan akeekkachiifna.

5) Osoo hin beekiin, olola sobaa karaa miidiyaa garagaraa deemaa jiruun afaanfaajjii keessa seentanii kan waahila gufachiistotaa taatanii jirtan irraa deebitanii , rakkoo ummataaf dursa kennuun ABO fi KFO bira dhaabbachuun Mootummaa Cehumssa Waloo dhugoomsuuf akka hojjettan waamicha isiniif taasifna.

Injifannoon ummata Oromoof!

Miseensota fi deggartoota Adda Bilisummaa Oromoo
ABO) biyya keessaa!

Gurraandhala 25/2025

Finfinnee, Oromiyaa

ABO fi KFO: Murteelee Kora Waliinii Guraandhala 2025

Ibsa Deggersaa Kora Waliinii (Joint Conference) ABO fi KFOn qindeeffame fi murtiilee fudhataman ilallata

Jaarmiyaan ABO Caasaa biyya alaa waggoota soddomaa oliif sochi Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuf lafee dugdaa ta’uun daddaaqaminsa isa mudatan hunda irra aanee hanga harratti hamileen deggersa wal irra hin citne gochaa jiraachuun ifaa dha.

Caasaan kun addatti baroota jahan darban keessa balaa fi rakkoo ala kanatti itti aggaammatame hanga dhabamsiisutti itti duulame dandamatuu irra darbee haala danqaa Dhaaba keenya guddicha ABO biyya keessatti mudateen kan ka’e yeroo sochiin heddun biyya keessatti uggurametti itti fufinsa hoji Jaarmiya mirkaneessuun dandamachiisee bakka harra jirruun ga’uu keessatti shoora olaana taphateera.

Kanumaan wal qabatee haala rakkisa ta’e keessatti Hojii Hogganni ABO biyya keessatti hojjeetu qabeenyaan, beekumsaan, hamilee fi bifa hundaan deggeeruu dhan sochii mumullatoo Dhaabichi biyya keessatti godhuuf utubaa ta’e hojjetas jira.

Sochillee taasifaman keessaa Kora waliinii ABOn waa’illaan isaa kanneen akka KFO fi bakka bu’oota Jaarmayoota Hawaasummaa, Amantii fi Aada Oromoo guutummaa biyya Oromoo keessa jiran qindeessuun maree ballaa Guraandhala 19 hanga Guraandha 22, 2025 tti geggeesse boonsaa dha. Haala Kanaan wal qabatee murteelee Korri kun egeree QBO fi Ummata Oromoofis murteessoo ta’an irratti fudhate Caasaan keenya deggersa guutuu akka kennuuf murtee dabarfachuu isaa asumaan ifa goona.

As irratti hojiilee bu’uraa hojjetaman fi itti fufinsaanis deggersa barbaadan tilmaama keessa galchuuf hubannootni nu gargaaran jannu qabxiilee armaan gadiiti.

• ABOn haala marfamaa fi akkaan rakkisaa ta’e keessatti baroota jahan darbaniif hidhaa fi ajjeechaa keessumsiisaa hojii Qabsoo karaa Siyaasaa, Diplomasii fi ijaarsa Jaarmiyaa Hawaasaa baballisuun Waltajii Kora Waliinii amma argine kana mirkaneesuun waan dinqiisifamaa ta’uu hubatne

• Korri bakka bu’uoota Haawaasaa tasifame kun itti bahinsa ifaajjii hojii bara dhiphinnaa keessttille utuu hin nuffamiin taasifame ta’u hubannoo keessa galchine.

• Hojiin Siyaasaa fi Hawaasummaa Daandi Qabsoo Karaa Nagaan taasifamu adda durumaan Ummata Oromoo qaqqabuu fi dubbisuu, gurmeessu, hubachisuu fi Kayyoo jalatti hiriirsu waan ta’eef haala rakkisaa ta’e kana keessatti sochi ABOn Ummata isaa qaqqabuuf taasiisee fi gaaddisa maree tokko qophheesuun hanga waltajji maree gudda kana qindeessutti itti milkaawe kun waan nama boonsuu fi abdachiisu waan ta’eef

• Murteeleen amma fudhataman hojii irra ooluuf sochii taasifamu keessatti wareegama jiraachu malus beeknee sanaaf of qopheessuuf alaa fi keessaan tokkummaa qabsaa’ootaa tikfanne qindoominaan akka hojjennuuf wal dhagahuun murteessaa ta’uu hubannee.

• Nagaa fi Tasgabbiin Oromiyaa keessatti uumamuu qabu bu’ura hunda keenyaa ta’ee sochi siyaasaa sana booda taasifamuufis biyya nagaa qabu keessa socho’omee rakkoolee dhawaataan hiikamu malan irratti hojjeechuun yoomu adeemsa hin dhaabbanne ta’u hubannee:

Murtiilee Korri Waliigalaa ABO, KFO, fi Jila bakka bu’ootaa Jaarmiyaale Hawaasumma Oromoo, Jaarmiyale Amanti, Aaadaa Oromoo fi kkf waliin ta’un dabarfate qabeenyaan, beekumsaan, Humna namaa ti fi Hamileen guutummatti ni deggerra. Adeemsa murtiile kana dhawaatan hojiirra oolchuuf taasisamus bifuma kanaan deggersa guutu akka kenninuuf irra deebine ifa goona.

Haala kana keessatti deggertootni, mararfattootni ABO fi Sabni Oromo waliigalaa afaan-Faajji Media halagaa irraa bifa duulaatiin ABO irratti deemaa jiruuf akka gurra hin kennine hubaachisaa yaaddoo fi yaada qabdaan Caasaa ABO nannawa keessanii ykn kan qunnamtiif isiniif mijjatu qaqqabuun akka gaafattan dhaamna.

Qabsaa’ootni fi Jaarmiyaaleen Oromoo bifa adda addaanis qabsootti jirtan daandii ABOn fudhate yoo isiniif hin taanelleen murtee Jaarmiya kanaa kabajjanii balaalleffannaa fi arrabsoo hin feesisne keessa galtani halagaaf karaa banuun fafa waan ta’eef akkuma ABOn adda addumma isin waliin qabu isiniif kabajjetti isinis murte Jarmiya keenyaa kabajuun safuu Oromoo akka eegdan isin yaadachiisna.

Waluma galatti murteeleen fudhataman ulfaatoo waan ta’aniif hojii irra oolchuu irratti gufuun hedduun akka mudatu beekamaa dha. Gaaffiin sammuu haawaasa Oromoo keessa deemaa jiruus akkataa hojii irra oolma (Implementation) murteele kanaa ta’un Dhaaba Keenyaaf akka gaaritti hubatammaa dha. Akkuma Oromoon makmaakutti “Abjuu Sodaatanii hirriba hin lagatan” jedhamu waan ta’eef murteen Qabsoo keessatti fudhatamu bu’urri isaa Dantaa fi Egeere Saba Oromof siirri ta’uutu ilaalama malee gufuulee akkamiitu nu mudata inni jedhu hin dursu.

Kanaaf deggersa barbaachisu kennaa Dantaa Saba Oromoo fi Biyya Oroomoof murteesso ta’an bakkan ga’unn dirqamaa fi itti bahinsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuti waan ta’eef Hojii fi murteelee dhaaba keenya yoomu ni deggerra.

Injifatnoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo – Casaa Biyya Alaa

Guraandhala 24, 2025

Guddina Ummata Oromoo: Hiree fi Walii Galaantummaan

Konfaaranseen waloo ABO (Adda Bilisummaa Oromoo) fi KFO (Kongiresii Federaalaa Oromoo) gidduutti taa’ame, hireen barootaaf dhoggamee ture, garuu kan saboota akka Oromoo seera looogii fi cunqursaa jalatti hiraarfamaa turaniif karaa fayyinaa ta’uu danda’uu dha. Hireen kun, jaarraa hedduu keessatti eegamaa ture, kan ummata Oromoo bilisummaa, nagaa, fi mirga ofii ofii murteeffannaa argachuuf gumaacha guddaa ta’uu danda’a. Garuu, milkiin argame akka laayyootti ilaalamuu miti; haala qabsoo fi dhimma baay’ee barbaachisaa ta’e keessatti eegumsa guddaa fi tattaaffii sirrii ta’uu qaba.

Sababoota Hiree Kanaatti Advocacy for Oromia Deeggaree Jiru:

  1. Ummata Oromoo Bilisummaaf: Hireen kun ummata Oromoo bilisummaa fi mirga ofii ofii murteeffannaa argachuuf gargaarsa guddaa ta’uu danda’a. ABO fi KFO walii galuun, qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti mormii fi walqoodinsa dhabuu danda’a.
  2. Nagaafi Heera Oromiyaa: Hireen kun nagaafi heera Oromiyaa keessatti gumaacha guddaa ta’uu danda’a. Walii galaantummaan ABO fi KFO, dhimma nagaa fi heera Oromiyaa keessatti tattaaffii waliin hojjechuuf dandeettii uumu.
  3. Seera Looogii fi Cunqursaa Dhabamsiisuu: Ummata Oromoo seera looogii fi cunqursaa jalatti hiraarfamaa ture. Hireen kun seera looogii fi cunqursaa dhabamsiisuuf karaa banuu danda’a.
  4. Gadaa fi Siinqee: Hireen kun aadaa fi seenaa Oromoo, akka Gadaa fi Siinqee, deebisuuf gargaarsa ta’uu danda’a. Kunis, ummata Oromoo aadaa fi seenaa isaa keessatti of ijaaruuf gargaara.
  5. Misooma fi Mirga Ummataa: Hireen kun misooma fi mirga ummata Oromoo kabachiisuuf gargaarsa guddaa ta’uu danda’a. Kunis, ummata Oromoo mirga ofii ofii murteeffannaa kabachiisuuf gargaara.

Haala Milkiifachuuf Eegumsa Guddaa Qaba:

  1. ABO fi KFO Walii Galaantummaa: ABO fi KFO walii galaantummaan tattaaffii hojjechuun milkiifachuu danda’a. Walii galaantummaan kun, qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti mormii fi walqoodinsa dhabuu danda’a.
  2. Ummata Oromoo Waliin Hojjechuu: Ummata Oromoo waliin hojjechuun milkiifachuu danda’a. Kunis, ummata Oromoo hiree kana keessatti hirmaachuuf gargaara.
  3. Mootummaa Federaalaa fi Oromiyaa Waliin Hojjechuu: Mootummaa Federaalaa fi Oromiyaa waliin hojjechuun milkiifachuu danda’a. Kunis, dhimma nagaa fi heera Oromiyaa keessatti gumaacha guddaa ta’uu danda’a.
  4. Deeggarsa Aanaa fi Addunyaa: Deeggarsa aanaa fi addunyaa argachuun milkiifachuu danda’a. Kunis, qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gargaarsa guddaa ta’uu danda’a.

Dhimma Advocacy for Oromia:

Advocacy for Oromia hiree guddaa ummata Oromoof baname kana deeggaree jira. Kunis, hireen kun ummata Oromoo bilisummaa, nagaa, fi mirga ofii ofii murteeffannaa argachuuf gargaarsa guddaa ta’uu danda’a. Advocacy for Oromia hiree kana deeggaree jiraachuun, qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gumaacha guddaa ta’uu danda’a.

Yaada Xumuraa:

Konfaaranseen waloo ABO fi KFO gidduutti taa’ame, hireen barootaaf dhoggamee ture, garuu kan saboota akka Oromoo seera looogii jalatti hiraarfamaa turaniif karaa fayyinaa ta’uu danda’a. Hireen kun, ummata Oromoo bilisummaa, nagaa, fi mirga ofii ofii murteeffannaa argachuuf gargaarsa guddaa ta’uu danda’a. Garuu, milkiin argame akka laayyootti ilaalamuu miti; haala qabsoo fi dhimma baay’ee barbaachisaa ta’e keessatti eegumsa guddaa fi tattaaffii sirrii ta’uu qaba. Advocacy for Oromia hiree guddaa ummata Oromoof baname kana sababoota kanaaf sagalee guutuun deeggaree jira.

Yaada Furmaataa Marii Waliinii Oromoo

Marii bal’aa kana keessatti, haala siyaasaa, waraanaa, fi jireenya ummata Oromoo irratti danqaa ta’e kan ilaalan yaada furmaataa barbaaduu fi waliigaltee ABO fi KFO wajjin dhimma baay’ee murteessaa ta’an irratti marii gaggeeffameera. Haala amma Oromiyaa keessa jiru fi rakkoolee ummata Oromoo irratti raawwatan ilaalchisee gadi fageenyaan hubachuu fi furmaata argachuu irratti xiyyeeffannoo kennamuu isaa ibsa. Kana keessatti, dhimmiwwan murteessaan akka armaan gaditti ibsamu:

  1. Nagaa Buusuu fi Nagaa Tiksuu: Ummata Oromoo haqaa fi bilisummaa isaa akka argatu, waraanni Oromiyaa keessaa dhaabatee nagaan akka bu’uu, fi nageenyi ummataa haala amansiisaa ta’een akka tikfamuu qabu waliigaluun ABO fi KFO irratti amaanaa kennamuu isaa mirkaneessuun, rakkoo siyaasaa fi bulchiinsaa Oromiyaa keessatti jiruuf furmaata maayii akka kennu fi Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa akka hundeessan ibsuun, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) nagaa amansiisaa Oromiyaa keessatti buusuuf qooda olaanaa akka qabu amanuu isaa mirkaneessuun, ABO fi KFO akka qindeessanii fi guutaniif amaanaa itti kennamuu isaa ibsuu.
  2. Rakkoo Magaalaa Finfinnee fi Daangaa Oromiyaa Furuu: Magaalaan Finfinnee seenaanis ta’e seeraan qabeenya ummata Oromoo fi Magaalaa guddoo Oromiyaa akka taate guutummaatti amanuu fi daangaaleen Oromiyaa karaa adda addaatiin irraa ciccitanii mootummaa naannoolee adda addaa Oromiyaa daangessan keessatti akka hafanii jiran amanuu, ABO fi KFO itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii seera addunyaa fi seera biyyi qabdu irratti hundaa’uun akka Oromiyaa keessatti dachaasan amaanaa itti kennamuu isaa ibsuu.
  3. Tokkummaa fi Ijaarsa Ummata Oromoo Cimsuu: Sirni Gadaa/Siinqee hundee tokkummaa fi ijaarsa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, aadaa fi nageenya Oromootiif qabaachaa ture sirriitti hubachuu, ABO fi KFO sirni Gadaa/Siinqee kun gadi fageenyaan qoratamee, ummata wajjin marii bal’aan taasifamee haaromsi jaarraa keessa jirru wajjin walmadaalu itti taasifamee sirna Oromoon itti bulu akka ta’uu danda’u waan barbaachisu hunda akka taasisan amaanaa itti kennamuu isaa ibsuu.
  4. Mirga Sabaa fi Sab-lammoota Oromiyaa Keessa Jiraatan: Sirni Gadaa ummatni Oromoo akkamitti akka kanneen Oromoo hin taane wajjin kabajaa fi michummaan jiraatamu haalaan kan barsiisee fi muuxannoo itti qabu ta’uu isaa hubachuu, ABO fi KFO haala ummatni Oromoo sabaa fi sab-lammootni sodaa tokko malee mirgi isaanii guutummaatti kabajamee wajjin jiraatamuu danda’u irratti hojjatanii fi dhugoomsan amaanaa itti kennamuu isaa ibsuu.
  5. Hariiroo Mootummaa Oromiyaa fi Mootummaa Federaalaa Jidduu Jiraachuu Qabu: Mootummaa Federaalaa keessatti olaantummaan seeraa kabajamaa akka hin jirre, ummatni Oromoo akka baay’ina isaa fi gumaacha isaatti jaarmiyaalee mootummaa Federaalaa keessatti bakka bu’umsa akka hin qabne, walabummaan dhaabbattoota (institiyuushiinii) kanneen akka Mana Murtii, Polisii Federaalaa, Humna Ittisa Biyyaa fi kkf akka hin jirre, qabeenya waloo Federaalaatti gaheen ummata Oromoo xiqqaa ta’uu hubachuu, ABO fi KFO wantota daddaban kana haala sirreessuu fi dantaan ummata Oromoo mootummaa Federaalaa keessatti kabajamuu qabu irratti itti gaafatamummaan akka hojjatan amaanaa itti kennamuu isaa ibsuu.

Dhuma irratti, jilli hawaasa Oromoo adda addaa kora waliinii kana irratti argamne waadaa ABO fi KFO amaanaa itti kennamuu akka seeraa fi sirnaan raawwatan deggersa nu irraa barbaadamu hunda kennuuf waadaa seenneerra.

Marii Waliinii Oromoo: Furmaata Rakkoolee Siyaasaa

Waliigaltee Marii Kora Waliinii

Jilli jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) rakkoolee siyaasaa fi waraanaa Oromiyaa keessa jiruu fi jiruuf-jireenya ummataa irratti danqaa ta’e irratti yaada furmaataa barbaaduuf Gurraandhala 19, 2025 kaasee hanga Gurraandhala 22, 2025tti guyyoota afuriif marii bal’aa Hoteela Ililliitti taasifneerra.

Marii taasifame kana keessatti haalli amma Oromiyaa keessa jiruu fi ummatni Oromoo itti jiru haala lubbuun namaa guyya guyyaan itti badaa jiru, haala namni hojjatee jiraatuu itti dadhabe, haala ummatni wabii jireenyaa itti dhabee waan godhu wallaale keessa jiraachuu isaa gadi fageenyaan hubachuu dandeenyeerra.

Ummata Oromoo rakkoolee fi danqaa hamaa kana keessaa baasanii nagaa waaraan akka bu’uu danda’uuf akka armaan gadiitti irratti waliif galleerra.

1. Nagaa buusuu fi nagaa tiksuu ilaalchisee

a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne ummatni Oromoo haqaa fi bilisummaa isaa dhabee erga Sirna Naafxanyaa jalatti kufee kaasee hanga har’aatti qe’een isaa akka nagaa dhabee fi jeequmsa keessa akka jiru hubannee; nagaa waaraa jiruu fi jireenya ummataatiif barbaachisu buusuuf bilisummaa fi haqi ummata Oromoo sarbame guutummaatti deebii argachuu akka qabu amannee; waraanni Oromiyaa keessaa dhaabatee nagaan akka bu’uu fi nageenyi ummataas haala amansiisaa ta’een akka tikfamuu qabu waliigaluun dhimma kana ABO fi KFOn dirqama ofitti fudhatanii wantoota humni isaanii danda’e hunda akka raawwatan amaanaa itti kennanneerra.

b. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne rakkoo siyaasaa fi bulchiinsaa Oromiyaa keessa jiraniif furmaata maayii kennuun barbaachisaa akka ta’e hubannee ABO fi KFOn, ummatni Oromoo mootummaa isaa haala dimokratawaa fi bilisa ta’een hanga filatutti akkasumas tajaajila ummataa barbaarbachisu kan kennu Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa, Paartilee Oromiyaa fi qaama dhimmi ilaallatu hunda hammate yeroo murtaa’eef akka hundeessan amaanaa itti kennanneerra.

c. Jilli Jaarmayaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n nagaa amansiisaa Oromiyaa keessatti buusuuf qooda olaanaa akka qabu amanuun, ABO fi KFOn waraanni kun bulchiinsa siyaasaa Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa hundeeffamu jalatti itti gaafatamummaa fudhatee seera, nagaa fi dangaa Oromiyaa akka tiksuu danda’u haala barbaachisaa akka qindeessanii fi guutaniif amaanaa itti kennanneerra.

2. Rakkoo Magaalaa Finfinnee fi Daangaa Oromiyaa furuu ilaalchisee

a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Magaalaan Finfinnee seenaanis ta’e seeraan qabeenya ummata Oromoo fi Magaalaa guddoo Oromiyaa akka taate guutummaatti amanuun Magaalaan kun itti waamamni ishii akka mootummaa Oromiyaatiif taatu ABO fi KFOn itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii akka mirkaneessan amaanaa itti kennanneerra.

b. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Walloo, Dirre Dawaa, Matakkal, Moyyaalee, Madda Walaabuu fi kkf dabalatee daangaaleen Oromiyaa karaa adda addaatiin irraa ciccitanii mootummaa naannoolee adda addaa Oromiyaa daangessan keessatti akka hafanii jiran amanuun ABO fi KFOn itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii seera addunyaa fi seera biyyi qabdu irratti hundaa’uun akka Oromiyaa keessatti dachaasan amaanaa itti kennanneerra.

3. Tokkummaa fi Ijaarsa ummata Oromoo cimsuu ilaalchisee

a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Sirni Gadaa/Siinqee hundee tokkummaa fi ijaarsa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, aadaa fi nageenya Oromootiif qabaachaa ture sirriitti hubannee ABO fi KFOn sirni Gadaa/Siinqee kun gadi fageenyaan qoratamee, ummata wajjin marii bal’aan taasifamee haaromsi jaarraa keessa jirru wajjin walmadaalu itti taasifamee sirna Oromoon itti bulu akka ta’uu danda’u waan barbaachisu hunda akka taasisan amaanaa itti kennanneerra.

4. Mirga Sabaa fi Sab-lammoota Oromiyaa keessa jiraatan ilaalchisee

a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Sirni Gadaa ummatni Oromoo akkamitti akka kanneen Oromoo hin taane wajjin kabajaa fi michummaan jiraatamu haalaan kan barsiisee fi muuxannoo itti qabu ta’uu isaa hubachuun fuulduras ABO fi KFOn haala ummatni Oromoo sabaa fi sab-lammootni sodaa tokko malee mirgi isaanii guutummaatti kabajamee wajjin jiraatamuu danda’u irratti hojjatanii fi dhugoomsan amaanaa itti kennanneerra.

5. Hariiroo Mootummaa Oromiyaa fi Mootummaa Federaalaa Jidduu jiraachuu qabu ilaalchisee

a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Mootummaa Federaalaa keessatti olaantummaan seeraa kabajamaa akka hin jirre, ummatni Oromoo akka baay’ina isaa fi gumaacha isaatti jaarmiyaalee mootummaa Federaalaa keessatti bakka bu’umsa akka hin qabne, walabummaan dhaabbattoota (institiyuushiinii) kanneen akka Mana Murtii, Polisii Federaalaa, Humna Ittisa Biyyaa fi kkf akka hin jirre, qabeenya waloo Federaalaatti gaheen ummata Oromoo xiqqaa ta’uu hubannee ABO fi KFOn wantota daddaban kana haala sirreessuu fi dantaan ummata Oromoo mootummaa Federaalaa keessatti kabajamuu qabu irratti itti gaafatamummaan akka hojjatan amaanaa itti kennanneera.

Nuti jilli hawaasa Oromoo adda addaa Kora Waliinii kana irratti argamne

1. Jila Waltajjii Qabaa Abbootii Gadaa Oromiyaa (Hojimaata Gumii Abboota Gadaa Oromoo),

2. Jila Yaa’ii 1966 (Waldaa Maccaa fi Tuulamaa),

3. Jila Irkoo 1976, (Hojimaata Idilee Addaa Duraanii)

4. Jila Yaa’ii Ganyaa Harooreessaa (Haadha Siinqee),

5. Jila Abbaa Dhugaa (Hojimaata Abbaa Muudaa/Ayyaantuu ),

6. Jila Wayyooma Anaajinaa (Hojimaata Dirree Sheek Huseen)

7. Jila Wayyooma Soof Umar (Abbaa Murtii),

8. Jila Nagummaa Dambii (Hojimaata Sayidii Alfaqii /Yaa’a Danbii)

9. Jila Jaarroollee Biyyoolessaa Oromiyaa, (Bakka buutota Lammiilee Oromiyaa),

10. Jila Og-afaanii (Hayyoota Yunivarsitii),

11. Jila Teessoo Magarsaa Badhaasaa (Hojimaata Qulqulluu Sinodoosii Oromiyaa Teessoo Pheexiroos)

12. Jila Waldaa Makaana Iyeesuus Itoophiyaa (Jila Sadaasa 24, 2023),

13. Jila Dhugeeffannaa Uumaa (Dhaabbata Hordoftoota Amantaa Waaqeffannaa)

14. Jila Yuuba 1ffaa (Dhimmoota Mirga Namoomaa fi Sivilii Oromoo)

15. Jila Waahilan Waltajjii (Yuba 4ffaa),

16. Jila Yaa’aa Haaromsa Finfinnee (Hawaasa Finnaa Finnee)

Dhuma irratti Jilli Guula Waliinii ABO fi KFO amaanaa itti kenname kana akka seeraa fi sirnaan raawwatan deggersa nu irraa barbaadamu hunda kennuuf waadaa seenneerra.

Jila Jaarmiyaalee Hawaasaa Oromoo fi Jaarmiyaalee Siyaasaa Oromoo ABO fi KFO

Gurraandhala 22, 2025

Finfinnee

Robera Abdeta’s 18th Birthday: A Cultural Celebration

Robera Abdeta’s 18th birthday marks a significant milestone, not only for him but also for his family, friends, and the broader Oromo community. Turning 18 is often seen as a transition into adulthood, a moment filled with hope, responsibility, and celebration. For Robera, this day was made even more special by the presence and blessings of his loved ones, including his family, siblings, friends, and relatives.

In Oromo culture, such celebrations are deeply rooted in communal values, where the collective joy of the community amplifies the significance of individual milestones. The blessings from Oromo elders and fathers carry profound cultural and spiritual weight, symbolizing the passing of wisdom, guidance, and good fortune to the younger generation. These blessings are not just personal but are seen as a way to strengthen the bonds within the community and ensure its continuity.

The presence of family, brothers, sisters, and friends highlights the importance of kinship and solidarity in Oromo society. Such gatherings are not merely social events but are also opportunities to reinforce cultural identity and shared values. For Robera, this day likely represents a moment of reflection on his journey so far and the responsibilities that come with adulthood.

The celebration also underscores the role of the Oromo community in nurturing and supporting its youth. By coming together to celebrate Robera’s 18th birthday, the community reaffirms its commitment to guiding and empowering the next generation. This day, therefore, is not just about Robera as an individual but also about the collective aspirations of his family and community for his future.

In essence, Robera Abdeta’s 18th birthday is a celebration of growth, unity, and cultural heritage. It is a day that encapsulates the love, hope, and blessings of his family and community, marking the beginning of a new chapter in his life as a young adult within the Oromo tradition.

Tips for Supporting Children After School Holidays

Here in Victoria, kids are turbid back to school from the school holidays. This is a happy situation for many families. At such times, the role of many families is crucial to make the fate of our children happier. When children come home from school, what should families do to encourage their children?

When children come home from school, it’s an important time for families to create a supportive and nurturing environment that encourages learning, emotional well-being, and family bonding. Here are some practical and meaningful ways families can encourage their children after school:

1. Create a Warm and Welcoming Atmosphere
Greet Them Positively: Welcome your children with a smile, a hug, or a cheerful greeting. This helps them feel loved and valued after a long day.

Provide a Snack: Offer a healthy snack to refuel their energy. This can also be a great time to sit together and chat about their day.

2. Engage in Meaningful Conversations
Ask Open-Ended Questions: Instead of just asking, “How was school?” try questions like:

“What was the most interesting thing you learned today?”

“Did anything make you laugh or feel proud today?”

“Was there anything that was challenging for you?”

Listen Actively: Show genuine interest in their responses and avoid interrupting. This helps build trust and encourages them to share more.

3. Encourage Relaxation and Downtime
Allow Time to Unwind: After a busy day at school, children need time to relax. Encourage activities like reading, drawing, or playing outside.

Limit Screen Time: While some screen time is okay, encourage activities that promote creativity and physical activity instead of excessive TV or video games.

4. Support Homework and Learning
Create a Homework Routine: Set aside a quiet, well-lit space for homework and establish a consistent routine to help them stay organized.

Offer Help, Not Answers: Be available to assist with homework, but encourage them to solve problems independently. Ask guiding questions like, “How do you think you can approach this?”

Celebrate Effort: Praise their hard work and effort, not just the results. This helps build confidence and a growth mindset.

5. Promote Physical Activity
Encourage Outdoor Play: Physical activity helps children release energy, reduce stress, and stay healthy. Encourage them to play outside or participate in sports.

Join Them: If possible, join your children in physical activities like walking, biking, or playing a game. This strengthens family bonds and sets a positive example.

6. Foster Emotional Well-Being
Check In on Their Feelings: Ask how they’re feeling emotionally and validate their emotions. For example, “It sounds like you had a tough day. Do you want to talk about it?”

Teach Coping Skills: Help them develop healthy ways to manage stress, such as deep breathing, journaling, or talking to a trusted adult.

7. Encourage Responsibility and Independence
Assign Age-Appropriate Chores: Involve children in household tasks like setting the table, tidying their room, or helping with dinner. This teaches responsibility and life skills.

Let Them Make Choices: Allow them to make small decisions, such as what to wear or what snack to have. This builds confidence and decision-making skills.

8. Spend Quality Time Together
Family Activities: Plan activities that the whole family can enjoy, such as board games, cooking together, or watching a movie.

Read Together: Reading aloud or discussing books can strengthen literacy skills and create special bonding moments.

9. Encourage Social Connections
Playdates and Friendships: Encourage your children to maintain friendships by organizing playdates or allowing them to connect with friends after school.

Family Bonding: Use after-school time to strengthen family relationships through shared activities and conversations.

10. Model Positive Behavior
Show Enthusiasm for Learning: Share your own interests and hobbies with your children. For example, talk about a book you’re reading or a project you’re working on.

Demonstrate Kindness and Respect: Treat your children and others with kindness and respect, setting an example for how they should interact with the world.

11. Prepare for the Next Day
Organize Together: Help your children prepare for the next school day by packing their bags, laying out clothes, and reviewing their schedule.

Set a Bedtime Routine: Ensure they get enough sleep by establishing a consistent bedtime routine that includes calming activities like reading or listening to soft music.

12. Celebrate Achievements
Acknowledge Successes: Celebrate both big and small achievements, whether it’s finishing a project, making a new friend, or showing kindness to others.

Create a Reward System: Use a sticker chart or other incentives to motivate and reward positive behavior and effort.

Conclusion
Encouraging children after school is about creating a balanced environment that supports their academic, emotional, and social development. By fostering open communication, providing structure, and spending quality time together, families can help their children feel loved, supported, and motivated to thrive. Every child is unique, so tailor these suggestions to fit your family’s needs and dynamics.

A Legacy of Empowerment: Oromo Inauguration Day Insights

The inauguration day is a profoundly significant and honorable occasion, not just for the immediate family but for the entire Oromo community. It is a celebration of sacrifice, resilience, and the collective effort to uplift future generations. Specifically, honoring families like Latii Habte Tolessa Bechere’s, who have dedicated their time and resources to educate their children despite not having the opportunity to educate themselves, is a powerful testament to the values of perseverance, love, and community.

Why This Inauguration Day is a Great Success:

  1. Celebration of Sacrifice:
  • Families like Latii Habte Tolessa Bechere’s represent the countless parents who have prioritized their children’s education over their own aspirations. Their sacrifices are the foundation of this success, and the inauguration day is a moment to honor their selflessness.
  • This day serves as a reminder that education is a collective journey, often built on the sacrifices of those who came before.
  1. A Milestone for the Family:
  • The inauguration day marks the culmination of years of hard work, dedication, and perseverance. It is a celebration of the family’s unwavering commitment to ensuring their children’s success.
  • For the children, it is a moment of pride and achievement, knowing that their accomplishments are a direct result of their family’s support and sacrifices.
  1. A Victory for the Oromo Community:
  • The success of one family is a success for the entire Oromo community. It demonstrates the power of education as a tool for empowerment and progress.
  • This inauguration day inspires others in the community to value education and invest in the future of their children, reinforcing the idea that collective effort leads to collective success.
  1. Preserving Cultural Values:
  • The Oromo community places great importance on family, community, and education. This inauguration day is a reflection of these values, showcasing how cultural traditions and modern achievements can coexist and strengthen one another.
  • It is also an opportunity to celebrate Oromo identity and resilience, reminding the community of their shared history and aspirations.
  1. A Legacy of Empowerment:
  • Families like Latii Habte Tolessa Bechere’s are creating a legacy of empowerment. By prioritizing education, they are breaking cycles of poverty and opening doors for future generations.
  • This inauguration day is a reminder that education is not just an individual achievement but a communal one, with the potential to transform entire communities.

A Message to the Family and Community:

To Latii Habte Tolessa Bechere and the family, this inauguration day is a testament to your unwavering commitment, love, and sacrifice. Your efforts have not only brought success to your family but have also inspired the entire Oromo community. This day is a celebration of your resilience and a reminder of the power of education to create lasting change.

To the Oromo community, this inauguration day is a call to continue supporting one another, valuing education, and working together to uplift future generations. It is a reminder that every sacrifice made for the sake of education is a step toward a brighter, more empowered future.

In conclusion, this inauguration day is not just a personal milestone but a communal triumph. It is a celebration of the past, present, and future—a day to honor sacrifices, celebrate achievements, and inspire hope for generations to come. Fayyaa fi nagaa! (Health and peace!)

Badhaasa Maanguddoota 2024 Mootummaa Viktooriyaa

Obbo Tesfaayee Deefaa, Barreessaa Waldaa Maanguddoota Oromoo Awustiraaliyaa badhaasa maanguddoota bara 2024 Mootummaa Viktooriyaatiin badhaafaman.

Galanni Obbo Tesfaayee Deefaa, Barreessaa Waldaa Maanguddoota Oromoo Awustiraaliyaa, badhaasa maanguddoota bara 2024 Mootummaa Viktooriyaatiin badhaafamuun isaa haala gammachuudhaan simatame.

Obbo Tesfaayee Deefaa, akka barreessaa waldaa maanguddoota Oromoo Awustiraaliyaa, hojiiwwan isaa fi qabsaa’ota isaa tajaajila gargaarsaa hawaasaaf gaggeessuuf kan kennaman ta’uun beekameera.

Badhaasa maanguddoota bara 2024 Mootummaa Viktooriyaa kana kan argatanii jiran, akkaataa hojiiwwan isaanii fi qabsaa’ota isaanii hawaasa Oromoo fi hawaasa Awustiraaliyaa waliin hirmaachuuf gumaacha guddaa gaggeessanii jiranuuf ta’uun hubatameera.

Badhaasa kana argachuun, akkaataa hojiiwwan isaanii fi qabsaa’ota isaanii hawaasaaf gaggeessanii jiranuuf kan gumaacha guddaa ta’uun isaa agarsiisa.