Category Archives: Uncategorized

Dubbii Dr. Gammachuu Magarsaa: Haqaa fi Hundaawaa Saba Oromoof

Dhimma Dr. Gammachuu Magarsaa irratti dubbachuun mirga saba Oromoo fi hundaawaa keenyaa ilaalchisee haala qabatamaa fi kabajaa waliin ilaaluu dha. Ammas, akkasumas, dandeettii fi gumaacha isaa Oromoof gaggeessan kanneen akka seenaa, aadaa, fi qabsaa’ummaa keessatti mul’atan yaadachuun barbaachisaa dha.

1. Dhimma Dr. Gammachuu: Maal Irraa Ka’e?

  • Seenaa fi Gumaacha Isaa:
  • Dr. Gammachuun qorannoo Oromoo, Gadaa, fi afaan Oromoo irratti hojjachaa ture.
  • Barruulee isaa (“Hundee Oromummaa” fi kitaaba barsiisotaaf) Afaan Oromoo keessatti qophaa’e.
  • Dargii bara 1979 keessatti hidhamee, du’aas itti murteeffame, garuu lubbuun isaa baafame.
  • Dhimma Hiree Biyyaa:
  • Wayyaanee fi mootummaan har’aa dhimma isaa dabarfachuu ykn xiqqeessuu fedhan.
  • Kun rakkoo saba Oromoo hunda keessaa tokko—namoota dandeettii qaban hamilee, hidhaa, fi ajjeechaan dhiibuu.

2. Haala Ammaa: Maal Irratti Xiqqaachuun Barbaachisa?

  • Hirmaannaa Saba Keenyaa:
  • Dr. Gammachuun akka qabsaa’aa, barsiisaa, fi haayyuu Oromoo ta’e, waamicha keenya hunda keessatti yaadatamaa ta’uu qaba.
  • Kanaaf, hamilee isaa fi gumaacha isaa akka seenaa keenyaa keessatti hin daganne gochuu qabna.
  • Dhiibbaa Siyasaa:
  • Namoonni Oromoo hamilee isaanii irratti dhiibbaa siyaasaa fudhatan (e.g., Prof. Asmarom Legesse, Obbo Jawar Mohammed) xiqqeessuu hin qabnu.

3. Yaada Dhiyaatan: Maal Gochuu Qabna?

Kabajaa fi Yaadannoo:

  • Barruulee, yuunivarsiitii, ykn mana barumsaa tokko maqaan isaa mudatu.
  • Guyyaa yaadannoo (e.g., “Guyyaa Dr. Gammachuu”) gaggeessuu.
    Qorannoo Fiixaa:
  • Barruulee isaa Afaan Oromoo fi Ingiliffaan maxxansuun dargaggootaaf qopheessuu.
    Hirmaannaa Walabummaa:
  • Kitaaba isaa, qorannoo isaa, fi yaada isaa akka qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti fayyadaman gochuu.

4. Dhiibbaa fi Furmaata

  • Dhiibbaa:
  • Mootummaan Ethiopia namoota Oromoo og-barruu fi qoratoonni xiqqeessuu fedha.
  • Saboonni biroo dhimma kana irratti duukaa baasuu yaalu.
  • Furmaata:
  • Waliin jirruu fi sagalee keenyaa ol kaasuun dhimma kana diinaaf rifachiisuu.
  • Qabeenya seenaa isaa (barruu, qorannoo) boonnaan nuuf qabuu.

5. Gorsa Waliigalaa

  • “Dubbii kana keessatti hamilee saba keenyaa eeguu, hirmaachuu fi kabajuu qabna.”
  • “Wayyaanee ykn namni biraa nu tuffachuuf yaalu, garuu seenaa keenya kan hin beekne yookaan daran nu xiqqeessuuf kan nu qopheessu ta’a.”

#DrGammachuu #SeenaaOromoo #KabajaaFiHundaa
“Namni seenaa isaa hin beekne, lafa isaa hin beeku.”

Dhiyaatan:

  • Qoratoonni Oromoo: Dr. Gammachuun akka fakkeenyaatti fudhatamaa haa ta’u.
  • Dargaggootni: Barruulee isaa dubbisaa, qorannoo isaa itti fufaa.
  • Hawaasa Oromoo: Yaada isaa akka hin balleessine fi seenaa isaa akka hin dhiifne.

Yeroo dhimma kana irratti haasofnu, ofii fi saba keenya kabajaa, hamilee keenya eegaa, fi qabsoo itti fufuu qabna!

Yaada Kitaaba J/Abbaa Caalaa Lataa: Seenaa Qabsoo Oromoo

Kitaaba kana baatii darben ( Fulbaana,2022) dubbisee fixe. Kitaabicha dubbisuu Jalqabnaan dhaabuun hin jiru waan taheef guyyaa lama keessattin xummure. Hunduu bitadhaa dibbbisaan jedha.

Qabiyyeen Kitaaba Jaal Abbaa Caalaa kuni seen-gulummoo matayyaa isaanii :-

a. Ijoollummaa- hanga barnoota jalqabanii

b. Haalaa baruu fi barsiisuu fi didhaalee hanga barnoota xummuranitti argan

c . Bara Yunibarsiitii turanii fi hirmaannaa sochii QBO jalqabaa keessatti taasisan

d. Duulaa barnootan Arsii deemuu fi muudannoolee achitti turan

e. Barnoota xummuruu fi jaarmaa laf-jalaa keessatti qooda fudhachuu

f . Qabsoo Qawwee jalqabuuf sochii Dambi Doolloo fi didamnaan imala Dambii Doolloo gara Mattuu – Finfinnee

g. Dirree Baha Oromiyaatti bahuu fi taajjabbii haala WBO dirree bahaa keessa ture. Keessatti amala fi dandeettii Jaarraa Abbaa Gaadaa, wareegama Qabsaahota Oromoo ( Wal ajjeechaa J/ Baaroo Tumsaa fi J/ Badhoo Dachaas)

h. Godaansa sadaffaa ( Baha Oromiyaa ti gara Ijabuutii

i. Ijabuutii gara Sudan deemuu

j. Qabsoo hidhannoof leenjii waraanaa fudhachuuf Eritrea deemuu fi imala gammoojjii Saahel akkasumas turmaata dirree leenjii

k. WBO lixa Oromiyaatti gadi dhaabuu hanga bara 1991( cehumsaatti)

l. Bara cehumsaa booddee qormaatalee hanga bara 1998 Eritreatti ABOn simatamutti

m. Bara 1998- hanga bara 2018

n. 2018 tti Oromiyaatti deebi’uu dhaabaa waliin Wal qabatee qooddannaa miiraa fi taajjabbii haala biyyaa…

Waan hunda dura Jaal Abbaa Caalaa Lataa, kitaabicha barreessuu qofaaf osoo hin taanee wareegama hadhooftuu tilmaamuu hin dandeenye saba kanaaf jecha umrii dargaggummaadhaa hanga yeroo hardhaatti baasaa jiraniif galanni dachaa haa tahuuf. Silaas galanni qabsaawaadhaa BILISUMMAA SABAA waan taheef Waaqayyoon umrii dheertuu haa laatufiitii daran sanyiin isaan facaasan margee bargaagee bilchoo tahee nyaatamuu isaa haa arganin jedha.

Abbaan Caalaa qabsaawaa qofa osoo hin taanee nama dandeettii barreessuutti ogummaa addaa qabuu dha. Seenaa guddaa waggaa 50tti dhiyaatu haala baayyee gabaabaa, bareedaa fi hawwataa taheen akkasitti dhiyeessuun ogummaa jabduu gaafata. Kanarraa wanti tilmaamuu dandeenyu Abbaan Caalaa dubbisaa jabaa tahuu isaaniti. Nama dubbisutu waan baroo fi dansaa akkasii seenaa xaxaamaa fi dheeraa kitraabni fuulli kumootaan irratti barreeffamu seecca’ee namaaf dhiyeessa. Dhugaa dubbachuuf haalli kitaaba kana itti barreessan waanuma ajaayibaati.

Akkumaa isaanuu jedhan seenaa mataa ofii barreessuun waan baayyee ulfaataa keessaa isa duraati. Waayee namaa kuultee kukkultee feetummoo ajeessitee barreessun salphachuu mala, waayee keetii barreessitee namaaf dhiyeessun akkaan ulfaata. Haa tahu malee seenaan Abbaa Caalaa, akkuma mata duree kitaabichaa, ‘Abbaa Caalaa Lataa, Jireenyaa fi Qabsoo ABO’ ti.

Waayee ABO kaaftee seenessita taanan, keessafuu kan dirree dhiyaa, akkan kitaaba kana dubbiosetti Abbaa Caalaa osoo hin kaasin seenessuus tahee himuu hin dandeechu. Wareegama hadhooftuu, aarsaa ulfaataa saba Kanaaf baasan. Silaa akka oolmaa isaan saba kanaa oolaniiti Sabni kuni mataatti baata ture. Garuu hamma Sabni keenya hubatutu ammayyuu diqqaa dha waan taheef hanga hunduu hubatutti yeroon ni tura.

Haa tahu malee qabsoo kanaaf waan qabsaahonni Oromoo akka J/ Abbaa Caalaa tahan kuni aarsaa duwwaa miti, Arjummaa, gootummaa, sabboonummaa,Oromummaa, obsaa fi qaroomina guddaa dha.

Abbaan Caalaa seenaan bara ijollummaa isaanii akka maq-balleessituun olola adda addaa irratti oofuudhaan ilmaan baal-abbataa kan rakkoo takkaa hin garree fi rakkkoonuu maal akka taate hin beekne jedhanii irratti ololan osoo hin taanee kanuma dhala ilmaan qote bulaa Oromoo hedduuti jechuu dandeenya. Yeroon waayee bara ijoollummaa isaanii dubbisu qe’ee dhaloota koon ija yaadan daawwachaa dubbise yoo illee haalli teessuma lafaa fi qilleensi baramaa wal fakkaachuu baatee wan godhamuu fi raawwatamu wal fakkaata waan taheef. Ijoolleen baaddiyyaa diqqeenyan dirqama fudhachuu eegalu. Akkuma isaanuu ”..sirni Gadaatis kanuma mitiiree ?” jedhan Ijoolleen Oromoo Dabballee (waggaa 09) irraa kaatee dirqama fudhachuu eegalti.

Haala akkasiin guddatanii, baratanii haala yeroo sanaan Yuunibarsiitii seenuun jabeenyaa fi qaxalummaa isaaniit agarsiisa. Keessattuu gad-qabbii nyaaphaa fi hamil-cabsa faranjittii bara isaan kutaa 12 sana injifatanii barnoota isaanii irra aanuun yuunibarsiitii seenun injifannoo guddaa dhuunfaa duwwaa osoo hin taanee bu’aa hardha akka sabaatti arganneef illee gumaata jabaadha.

Qeerroon bara sanaa, beektoonni fi bartoonni Oromoo bara sana ija banatan irra caalaatti Waayee Oromoo waan katabamte walitti coraa, galaa gamanaa walitti funaanaa seenaa Oromoo Hardha dhalooni ittiin boonu sararuu keessatti shoora guddaa taphatan.

J/ Abbaa Caalaa akkuma waayillaan isaa biroo bara qeerrummaa isaanii mana barnootaa fi iddoo itti dhalatan irraa hanga duulaa barnootaa Godina Arsii, Kofaleetti hojii Oromummaa ijaaruu fi deebisanii sabboonummaa gadi dhaabuu keessatti shoora guddaa akak bahan kitaabni kuni ni addeessa.

Akka Walii galaatti J/A bbaa Caalaa Lataa waan gurguddoo armaan gadii nutti himuu barbaadan jedheen yaada,.

  1. Lafa kaane, Amna dheertuu, ulfaattuu dukkana roobaa sana keessatti Abjuun hangafoota keenyaa guddaan suni abjuu bara dheeraa dura maseenee, lafa nyaaphni balleesineerra,saba abjuu mataa isaa hin qabne uumnerra jedhanitti raacitii xixiqqoo fi yaada miciree hundeeffamuu ABO dura ture walitti coraniit zeerroo irraa kahanii hardha wareegama guddaan gahuu ibsuuf natti fakkaata.
  2. Habalakaanis haa tahu hammeen Ulfaa’uu QBO baha Oromiyaa fi haala yeroofis tahu argan sana keessattimmoo wareegama guddaa keessoo keenyatti dhalate yoollee quubsaa tahuu baate dhaloota kanaaf afuura baafataniiru (keessattuu bara dheeraa iccitii fi hiibboo akkasumas madda olola diinaa fi gowwaa keenyaa tahee kan ture haala Wareegamuu ykn wal ajjeessuu qabsaahota keenyaa J/ Baaroo Tumsaa fi J/ Badhoo Dachaas) barreessaniiru. Garuu akka kootti ammallee gahaa natti hin fakkaatu wantoonni gaaffiilee xuxxuba nama dhiyeessisan ammayyuu banaa dha. odeessi fi ololli kanaan dura ture, af-gaaffii Miidiyaalee adda addaa irratti keessattuu hangafoonni akka Obbo Leencoo Lataa fi Jaarraa Abbaa Gadaa waayee taatee sanaa dubbatan irraa yoo kaane fi namoota yeros achi turre jedhan hedduu irraa wanti dhagahamu waldhahaa dha. Rakkoon hagamii dhalannaan Badhoon Baaroo ajjeesa? Waayee fayyaa dhabuu, sammuun jeeqamuun kaateen maalii? Hooggantoota jiran keessaa maaltu tahee jennaan J/ Baarootti qiyyaafate? Lolli yoo jiraatee bultee moo shamtee dha? Kanneen jedhan deebii barbaada. Haa tahuutii akka gara duraatti deemnuf j/ Abbaa Caalaa waan argan lafa nuuf kaahaniiru. Gara fuudluraatti yoomeessa qofa osoo hin taanee Maalakkamittiisaa fi maalifii qormaata gaafata taha.
  3. Qabsoon Bilisummaa Oromoo diina malee fira tokkollee kan qabne tahuu akka gaaritti nuuf himan. Imala isaan Baha Oromiyaatii gara Jibutii godhan mataansaa qofaatti kitaaba tokko. Jibutiinuu biyya taatee ilmaan oromoo akka raqaatti raqa gatamu waliin maktee bakka raqa gatanitti ilmaan Oromoo gatuun ishee tuffii isa dhumaa saba keenyaf qabdu dha.
  4. Adda Dureen J/Abbaa Caalaa QBO gama dhiyaa keessatti eenyumaa ol shoora guddaa fi addaa qabaachuu seenaan katabame kuni sirriitti ibsa. Barnoota kootiin mindaa nyaadhee magaalaa jiraadha osoo hin jenne. bultii dhaabeen jireenya sadoo jiraadha osoo hin jenne. kaayyoo ganama bakka guddaan gaha jedhanii kaahatan moggaatti gatuun warra jalqaba leenjii. Waraanaa fudhachuuf Eritrea deemuu irrayyuu garee duraa sna walitti qabuu fi qindeessuun salphaa miti. Sana booddee harka qullaa Oromiyaa karaa suudan seenuuf yaaliin godhamee,… walumaa galatti lafti kaanee fagoo fi akkaan gaddisiisaa tahuu hima.
  5. Ilmaan Oromoo qabsoo Oromoo ganan caalaa, sabni bicuun ollaa keenya turan warri Koomoo qabsoo bilisummaa Oromoof wareegama baasan waan ajaayibaa tahuu tuqan. Isaan osoo QBOf wareegama kaffalan Oromoonni kanneen qabsoo goona jedhanii qabsoo seenan haala hamtuu reefu qabsoo hidhannoo jalqabame sana keessatti Oromoonni leenjii fudhataniillee ganan jiraachuu…
  6. Wareegamuu saglii duraa, kan J/ Daawud qofti lubbuunWaaqayyoon oolche suni booree fi xiiqii itti horuun isaan yaadachaa gumaa isaanii bilisummaan baasuuf cichoomina ture akeekan.
  7. Hanqina hoogganummaa, muuxannoo dhabuu hooggantootaa, ammoo beekumsaa jabaa qabaachuu hooggantootaa bara sanaa, shira wallaaluu hooggantoota keenyaa gaafa diina waliin tumsa tolfatamuu fi diinni yoomuu amanamuu akka hin dandeenye, alagaan fira dantaa ofii eeggatee nama waliin socho’u malee fira maayii akka hin taane dhalootaf akeekan.
  8. Wareegamni ulfaatan bara 1991-1992 baafamu illee irra caalaa bu’aa qabsoon keenya yeroo gabaabduu sana keessatti buuse ibsan .
  9. Mootummaa cehumsaa keessaa bahuu ABO fi caccaabiinsa fi daddaaqamiinsa dhaaba keenya keessatti dhalataniif gaafatamni jiraannan kan hooggantoota hundaa malee kan nama tokkoo tahuu akka hin dandeenye ibsan. Egaa kunis yeroo hedduu Obbo Leencoo Lataa waan himatamaa turaniif gaafatamni kan isaanii qofa osoo hin taanee akka sirna jaarmiyaatti koree hojii raawwachiiftuu dhaabaa akka jechuu akeeka. ” bishaan mataa yaa’a” jedhama mitiiree.
  10. Rakinoota yeroo yeroonn ABO keessatti dhalachuun warri hooggana ofiin jedhan dhaabaa kana cabsachaa fi cabsiisaa as gahamee fi hanga yoonaalee itti jiru rakkina hooggansaa tahuu akeekan.
  11. Siyaasa keessatti Yaada adda addaa qabaannuyyuu yaadan wal dura dhaabbachuu fi falmii goonee saba hubachiisuu malee wal dinoomsuun gaarii akka sirrii hin taanee fi olola deemaa ture kan isaan irratti illee godhamaa ture hundeen isaa ilaalcha boodatti hafaa irraa madduu isaa ibsan.
  12. Eritiriyaa deemuun qabsoo keenyaa damdamachiisuu, bara hooggantoonni dhaabaa olloota Xoophiyaa hunda keessaa ari’atamaa fi iddoo homaa dhabanitti Eritrean dantaa isheefis jettu dhaaba simatuu gaarummaa fi galata saba irraa akka qabdu himan. Kana malees Wayyaanee hooggantoota Keessattuu Abbaa Caalaa, Suudan keessaa yeroo lama ariisisuu, Keeniyaa dhaa fi Yemen irraa illee akka ari’ame fi Muudannoo fi turmaata Eritrea tti ABO qunnamee fi haala ittiin gara biyyaa deemame keessatti hanqinoota argan ibsan
  13. Adeemsa dhaabni erga biyya galee booddee hojiiin sirnaa akka silaa marii dursaanii gaggeessitoonni duraanii fi kan ammaa waliin dursanii godhan hedduun sirnaan deemuu dhabuu fi sabni keenyaa ammoo dammaqinaa fi baayyinaan dabalu illee ammayyuu waan hedduun akak itti hanqatu waan taajjaban himan.
  14. Hojii dhabdummaa dargaggootaa, amala fi araada hedduun saaxilamuu dhalootaa ibsan

Akka dhaloota kanaatti hangafoonni keenya waan keessa lufan nuuf katabuun nuuf beekumsaa guddaa taha. Sana malee daawitii dhaloonni keessatti of ilaalaa duratti ittiin deemu waan taheef hangafoonnoi keenya adaaraa akkuma J/Abbaa Caalaa kanatti akak nuuf katabdan abdiin qaba.

Fayyaa tahaa;horaa bulaa deebanaa!

Caalaa Hayiluu Abaataa

ABO Konyaa Victoria: Kabaja Guyyaa Gootota

Adda Bilisummaa Oromoo Konyaa Victoria Guyyaa Gootota Oromoo Haala Addummaa Ta’een Kabajate

[Melbourne, Victoria, Australia] — Har’a, miseensonni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Konyaa Victoria galma Ross House Association jedhamu keessatti walitti dhufanii, Guyyaa Gootota Oromoo bara 2025 kabajuu fi yaadannoo wareegama qabsaa’ota Oromoo gaggeessan.

Haala Addaa Keessatti Kabajamu

✔ Dubbii fi Odeeffannoo:

– Dargaggootni fi qabsaa’ota dugdaagina ABO dhimma gootota Oromoo, wareegama isaanii, fi karaa bilisummaatti fufuuf dubbatan.

– Seenaa qabsaa’ota kanneen akka Geneal Tadesse Birru, Elemo Qilxuu, fi Maatii Baaroo Tumsaa fa’aa yaadatame.

✔ Aadaa fi Duudhaa Oromoo

– Weelluu, walaloo, fi dhaaduu Oromoo kanneen akka Abbaa Muudaa, Saba Oromoo, fi Bilisummaan Nuti geggeeffaman.

– Eebba Goototaaf (candlelight vigil) gaggeeffame, maqaa gootota dhumarratti dubbatame.

✔ Murtii Fincila:

– ABOn Bilisummaa Karaa Nagaa fi Waraanaatti akka fudhatama ture mirkaneessee, Oromoon mirga ofii ofii kabachiisuu qaba jedhee ibsame.

Gootonni keenya du’anii hin banne; jireenya keenya keessatti ni jiraatu!

Kabajni kun gootota Oromoo yaadachuudhaan kan ofii ta’e mirga bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa akka jabaatu gochuu ture.

**#GuyyaaGoototaOromoo#ABOVictoria#BilisummaaOromoo**

✊🏾“Wareegamni gootota keenya kan keenya; bilisummaan kan Oromoof!”

👉 Fuula Duraa: ABOn Victoria guyyaa gootota kabajuuf qabsoo bilisummaa Oromoo akka itti fufu murteessee jirti.

Yeroo hundaa, gootota Oromoo yaadachuun—qabsoo haqa ofii irratti akka jabaatu yaadachiisa! 🔥

Professor Moosisa Agaa: Hayyuu, Qabsaa’aa, fi Barreessaa Oromoo

Professor Moosisaa Agaa, hayyuu Oromiyaa, qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti shoora guddaa taphataa turanii fi jiran, har’a biyya Ameerikaatti barnoota Herreegaa (Mathematics) keessatti Piroofesara guutuu (Full Professor) ta’uun xumuranii jiru. Kanaafuu, seenaa Oromoo keessatti namni tokkoffaa akka ta’eetti galmaa’uu isaanii Oromoof gammachuu guddaa ti.

Jireenyaa fi Qabsoo Barnootaa

Ilmi Oromoo baadiyyaa, kan daandiin konkolaataa hin jirre fi barnootaaf mijataa hin taane keessaa ka’ee, qabxiilee jireenyaa hunda qaxxaamuree, barnoota sadarkaa tokkoffaa irraa kaasee hanga Yuunivarsiitii guddaatti ol aanaa geessee, har’a professorummaa guutuu argate. Kana malees, hanga ammaatti namni Oromoo tokko barnoota herreegaatiin PhD (Doctor of Philosophy) fi professorummaa guutuu hin argatin jedhamee yaadamu, garuu Professor Mosisaan seenaa kana bal’isaniiru.

Gumaacha Barumsaa Afaan Oromoof

  • Bara 1991/92 keessatti, kitaaba herreegaa sadarkaa tokkoffaa hanga lammaffaa (Grade 1–8) fi kitaaba barsiisota TTI (Teacher Training Institute) gara Afaan Oromootti hiikee hojiirra oolche.
  • Bara 1994tti, kitaaba “Geometrii Oromummaa” jedhamu barreessuun Afaan Oromoo keessatti herreegaa dandeettii qabeessa ta’uu isaa agarsiise.

Gumaacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo

Professor Moosisaan qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti:

  • Dargaggoota Oromoo (Qeerroo) biyya alaatti argaman wajjin walqabatee, sochii bilisummaa Oromoo irratti ragaa (data) qabuun dhalootaaf dabarsaa ture.
  • Mootummaa Wayyaanee irraa dararaa fi hidhaa of keessaa qabu, garuu kan hin dhiifne.
  • Barruulee fi galmee seenaa qabsoo Oromoo barreessuun gargaaramuu isaanii guddaa.

Bu’aa Qabsaa’aa fi Barnootaa

Har’a, Professor Moosisa Agaan Auburn University, USA keessatti professor guutuu ta’uun, ilmaan Oromoo addunyaa maraaf fakkeenya guddaa ta’uu isaanii mul’ise. Kanaafuu, Oromoon hundi isaanii “Fakkeenya kana hordofaa!” jechuuniin akka jabaatan dhaamuuun barbaachisaa dha.


“Barnootni bu’aa qaba; Qabsoon bilisumaa argamsiisa!”

Oromia #OromoPride #ProfessorMosisaAga #Mathematics #OromoExcellence

Dhiittaa Mirga Namoomaa Oromiyaa: Gabaasa Ebla 10

Gabaasni Ebla 10 Garee Deeggarsa Oromiyaa irraa bahe nama rifachiisa. Dhiittaa mirga namoomaa sadarkaa kanaan dura hin argamne keessaa, ari’atamni dargaggoota Oromoo, dhaloota Qeerroo Abiy Ahmad aangootti ceesise irratti dabalaa dhufuun, ajjeechaa fuula fuulatti galmaa’ee galmeessa.

Humni tikaa Ministira Muummee Abiy Ahmad – ENDF, humni poolisii naannoo fi milishoonni leenjii gaarii hin qabne – tarkaanfii adabbii lammiilee Oromoo nagaa irratti fudhachaa, dargaggoo fi maanguddoo ajjeesuu, qe’ee barbadeessuu fi horii saamuun ummanni Waraana Bilisummaa Oromoo akka hin deggerre duubatti deebisuufi.

Gabaasni 69 odeeffannoo waa’ee naannolee yeroo baay’ee xiyyeeffannoo xiqqoo argatan kan akka zoonii Gujii fi Gujii Dhihaa of keessatti qabata. Garuu Naannoo Oromiyaa bakka kam iyyuu nageenyi ykn nageenyi hin jiru.

Namoonni idilee magaalaa fi baadiyyaa keessatti gibiraa fi miidhaa sadarkaa itti fufiinsa hin qabneen rakkachaa jiru. Qonnaan bultoonni midhaan isaa gatii gabaa gadi ta'een mootummaatti akka gurguran taasifama. Jiraattonni gandaa qawweedhaan ijoollee isaanii akka waraana waraanaatti dhiyeessu, gibiraa fi kaffaltii ijaarsaa kaffaluuf, akkasumas sadarkaa aanaa fi kebeletti waraanaa fi milishaa federaalaa hidhachiisuu fi itti fufsiisuuf dirqamu. Milishoonni naamusa hin qabne ummata irraa kan jiraatan yoo ta’u, kaffaltii sobaa miseensummaa dhaabaa, uffata, rasaasaa fi ‘inshuraansii fayyaa’ dabalatee maallaqaa fi meeshaalee gaafatu.

Seera dhabdummaa fi sammuu saree nyaattu baadiyyaa Itoophiyaa babal’atee jira. Jiraattonni gandaa fi magaalaa naannoolee Naannoo Amaaraatti dhihoo jiran, keessattuu Horoo Guduruu fi Wallega Bahaa, garuu zoonii Showaa fi Naannoo Amaaraa Zoonii Addaa Oromiyaa keessa jiranis, hidhattoota Faanoo, jalqaba Naannoo Amaaraa irraa dhufan garuu amma buufataalee Oromiyaa keessa jiran irraa socho’an, ajjeechaa garee fi saamicha irra ga’aa jiru.

Yaadni Faanoo ‘Ammaaraa deebisee guddifachuuf’ jedhu seenaa haaluu fi mootummaan Paartii Badhaadhinaa akka ‘mootummaa Oromootti’ fakkeessee gocha sabaa fi sablammoota Naannoo Oromiyaa keessatti raawwateef sababa ta’a. Gama biraatiin, ummanni Naannoo Amaaraa erga hundeeffamee kaasee impaayera Itiyoophiyaa bedeviled tapha zero-sum domination absolute domination keessatti humnoota ENDF fi Faanoo irraa haleellaa fi ajjeecha haaloo bahuun rakkata.

Tasgabbii dhabuu fi jeequmsi amma jiru itti fufiinsa hin qabu. Itiyoophiyaan akka mootummaatti jiraachuun nagaa mootummaa, Amaaraa fi humnoota Oromoo gidduutti mariin uumamu irratti hundaa’a.

Dr Trevor Trueman, Dura Taa’aa Garee Deeggarsa Oromiyaa, Ebla 10, 2025.

የኦሮሚያ ድጋፍ ቡድን አስደንጋጭ የኢትዮጵያ ወቅታዊ ዝርዝር

የኤፕሪል 10 የኦሮሚያ ድጋፍ ቡድን ዘገባ አስደንጋጭ ነው። ከዚህ ቀደም ታይቶ በማይታወቅ ደረጃ ከደረሱ የሰብአዊ መብት ረገጣዎች መካከል፣ በኦሮሞ ወጣቶች ላይ እየደረሰ ያለውን ስደት፣ አብይ አህመድን ለስልጣን ያበቃው የቄሮ ትውልድ፣ በሰነድ የተደገፉ ግድያዎች ከገጽ በገጽ ይመዘገባል።

የጠቅላይ ሚንስትር አብይ አህመድ የጸጥታ ሃይሎች - ENDF፣ የክልል ፖሊስ ሃይሎች እና በደንብ ያልሰለጠኑ ታጣቂዎች በኦሮሞ ሰላማዊ ዜጎች ላይ የቅጣት እርምጃ እየወሰዱ፣ ወጣት እና ሽማግሌ እየገደሉ፣ ቤት እያወደሙ እና ከብቶችን እየዘረፉ ህዝቡ የኦሮሞ ነጻነት ሰራዊትን እንዳይደግፍ ለማድረግ ነው።

ሪፖርቱ 69 እንደ ጉጂ እና ምዕራብ ጉጂ ዞኖች ያሉ ብዙም ትኩረት የማይሰጣቸው አካባቢዎች መረጃን ያካትታል። ነገር ግን በኦሮሚያ ክልል ውስጥ የትኛውም ቦታ ደህንነቱ የተጠበቀ እና አስተማማኝ አይደለም።

በከተማ እና በገጠር ያሉ ተራ ሰዎች ዘላቂነት የሌለው ግብርና እንግልት እየደረሰባቸው ነው። አርሶ አደሮች እህላቸውን ከገበያ ዋጋ በታች በሆነ ዋጋ ለመንግስት እንዲሸጡ ይደረጋል። የመንደር ነዋሪዎች ልጆቻቸውን ለውትድርና እንዲያቀርቡ፣ ለግንባታ ግብርና ክፍያ እንዲከፍሉ፣ በወረዳና በቀበሌ ደረጃ የፌደራል ጦርና ሚሊሻዎችን አስታጥቆ እንዲደግፉ ይገደዳሉ። ለፓርቲ አባልነት፣ ለዩኒፎርም፣ ለጥይት እና ለ‘የጤና መድህን’ ከሚከፈለው አስመሳይ ክፍያ በተጨማሪ ዲሲፕሊን የሌላቸው ታጣቂዎች ከህዝቡ ውጭ የሚኖሩ፣ ገንዘብና እቃ እየጠየቁ ነው።

ህገ ወጥነት አስተሳሰብ በገጠሪቷ ኢትዮጵያ ሰፍኗል። ከአማራ ክልል አጎራባች አካባቢዎች በተለይም በሆሮ ጉዱሩ እና በምስራቅ ወለጋ እንዲሁም በሸዋ ዞኖች እና በአማራ ክልል ኦሮሚያ ልዩ ዞን ውስጥ የሚገኙ መንደርተኞች እና የከተማ ነዋሪዎች ቀደም ሲል የአማራ ክልል ተወላጆች አሁን ግን በኦሮሚያ ከሚገኙት የጦር ሰፈሮች በሚንቀሳቀሱ ፋኖ ታጣቂዎች በቡድን ግድያ እና ዝርፊያ እየተፈፀመባቸው ነው።

የፋኖ 'አማራን እንደገና ታላቅ ማድረግ' የሚለው አስተሳሰብ ታሪክን በመካድ የብልጽግና ፓርቲን መንግስት በኦሮሚያ ክልል እየፈጸመ ያለውን የዘር ማጽዳት ወንጀል ለማስረዳት 'የኦሮሞ መንግስት' አድርጎ ያቀርባል። ይህ በንዲህ እንዳለ የአማራ ክልል ህዝብ የኢትዮጵያ ኢምፓየር ምስረታ ከጀመረበት ጊዜ አንስቶ ባዳነው የዜሮ ድምር የፍፁም የበላይነት ጨዋታ ከኢህአዲግ እና ከፋኖ ሃይሎች ጥቃት እና የበቀል ግድያ እየደረሰባቸው ነው።

አሁን ያለው አለመረጋጋት እና ግርግር ዘላቂነት የለውም። የኢትዮጵያ እንደ ሀገር ህልውና የሚወሰነው በመንግስት፣ በአማራ እና በኦሮሞ ሃይሎች መካከል በሚደረግ ድርድር ላይ ነው።


ዶ/ር ትሬቨር ትሩማን፣ የኦሮሚያ ድጋፍ ቡድን ሊቀመንበር፣ ኤፕሪል 10፣ 2025።

Ethiopia’s Crisis: Human Rights Violations in Oromia

The 10 April report from the Oromia Support Group is shocking. Among unprecedented levels of human rights violations, it documents increasing persecution of Oromo youth, the Qeerroo generation which propelled Abiy Ahmed to power, with page after page of documented killings.

Prime Minister Abiy Ahmed’s security forces – the ENDF, regional police forces and poorly trained militia – are taking punitive measures against Oromo civilians, killing young and old, destroying homes and looting livestock to deter the population from supporting the Oromo Liberation Army.

Report 69 includes information about areas which usually receive little attention such as the zones of Guji and West Guji. But nowhere in Oromia Region is safe or secure.

Ordinary people in urban and rural settings are suffering unsustainable levels of taxation and abuse. Farmers are made to sell their grain to the government at prices below market value. Villagers are forced at gunpoint to provide their children as conscripts, to pay taxes and fees for construction, and to arm and sustain the federal army and militia at district and kebele levels. Undisciplined militia live off the populace, demanding money and goods in addition to spurious fees for party membership, uniforms, ammunition and ‘health insurance.’

Lawlessness and a dog-eat-dog mentality pervades rural Ethiopia. Villagers and townsfolk in areas adjacent to Amhara Region, especially Horo Guduru and East Wallega, but also zones of Showa and within the Oromia Special Zone in Amhara Region, are also subjected to group killings and looting by Fano militants, originally from Amhara Region but now operating from bases in Oromia.

The ideology of Fano ‘to make Amhara great again’ denies history and portrays the Prosperity Party regime as an ‘Oromo government’ to justify its acts of ethnic cleansing in Oromia Region. Meanwhile, the populace in Amhara Region suffers attacks and reprisal killings from ENDF and Fano forces in the zero-sum game of absolute domination which has bedevilled the Ethiopian empire since its formation.

The current instability and mayhem is unsustainable. Ethiopia’s survival as a state depends on a negotiated peace between the government, Amhara and Oromo forces.

Dr Trevor Trueman, Chair, Oromia Support Group, 10 April 2025.

Bu’aa Siyaasaaf Jecha Lubbuu Lammiilee Nagaa Gaaga’uun Gar-jabummaa fi Maal Na Dhibdee Irraa Madda.

Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Mootummaan Itoophiyaa naatoo fi marartee ummata Oromoof dhabuun haaraa ta’uu baatus, sana irra darbee inumaa lubbuu lammiilee nagaa akka baalaa harca’uuf dantaa dhabuun, dhiiga ummata qulqulluu dhangala’u kana irraa callisuu fi dhoksuu filachuun isaa hammeenyi inni qabu hagam ulfaataa ta’uu kan agarsiisuu dha.

Waggoota Shanii oliif ajjeechaan qe’ee ummata nagaa Oromoo keessatti raawwatamaa ture har’as furmaata dhabee itti fufee argama.

Ajjeechaawwan fuula garagaraa qaban, kan kaayyoon isaanii bu’aa siyaasaa irraa maddu kun akka dhaabbatu yeroo hedduu gaafatame. Gaaffii ummatni nageenyi isaa akka tikfamuu fi bakkatti deebi’uuf gaafatu garuu deebii gahaa argatee hin beeku. Gaaffii ummataa kanaan alatti, dhaabotni/paartileen siyaasaa kan akka ABO faa danqaa siyaasaa biyya kana mudate dabalatee dhibdeelee adda addaa kanaan walitti hidhatanii dhufanii fi ummatoota gatii kafalchiisaniif furmaatni akka barbaadamu gaafatuu qofa osoo hin taane, ogguu yaada furmaataa dhiheessaniif mootummaan biyya bulchaa jiru PPn gurra hin laatneef. Kana irraa miidhaan dhaqqabu guddaa dha. Addatti akka sabaatti roorroo, ariisaa, ajjechaa jimlaa fi buqqaatiin ummata keenya irra dhaabbatummaan karaa garagaraan gahu ammoo rifaasisaa dha. Kun har’allee dhimma cal’isanii ilaalan, bira darban osoo hin taane, kan furmaata hatattamaa barbaaduu dha.

Ummatni keenya daangaa irraa akka qabdiitti dhimmi itti bahamuun, yeroo barbaadanitti Jimlaan hidhuu, Jimlaan ajjeesuu, mana isaa irratti gubuu, qabeenya irraa saamuu fi jireenya isaa dhabamsiisuun jiitessuun hararaafamaaf oolchaniiru. Keessayyuu ganna 7n darbaniif jiruu fi jireenya dhabee korkodamee taakalamee akka jiru ragaa guutuu waliin argaa jirra.

Humni shororkeessaa maqaa Faannoo jedhuun waggootaaf ummata nagaa irratti roorrisu, shororkeessuu fi jireenya isaa mancaasaa jiru hojii gooltummaa isaa kana hunda kan raawwataa turee fi jiru bakka caasaan mootummaa federaalaa fi naannoo jiru jalatti. Caasaan bulchiinsaa, caasaaleen nageenyaa, humni waraanaa RIB iddoo jiranitti ummatni keenya qubsumaan daangaa irra jiraatu salphinaa fi dhumaatii jaarraa kana keessa isaaf hin malle keessummeessaa jira.

Ajjeechaan maqaa humnoota shororkeessaa Faannoo jedhu kanaan Oromoo irratti raawwataa turee fi jiru kan mootummaan bobaa baneefii daangaa Oromiyaa haga barbaadanii fi karaa fedhan cabsanii seenanii yakka raawwatan kana irraa bu’aa siyaasaa argachuuf akka tooftaatti kan dhimma itti bahu tahuun haala turee fi jiru irraa ni hubatama.

Mootummaan dararaa fi miidhama hawwaasaa kana dhaabsisuu dadhabee osoo hin taane, bu’aan karaa kana argadhu ni caala ejjennoo jedhu qabatee, humnoonni hidhatan wayita hawwaasatti dhukaasa banan akka nama hin arginee ija irraa qabatuu filate kan jedhutti amanna. Haalli kun sabaa fi saba gidduutti dhibdee kan uumu, du’a lammiilee nagaa kan babal’isu ta’uu mootummaan hubatuudhaan itti gaafatama nageenya ummataa mirkaneessuu of harkaa qabu hojiitti hiikuutu irra ture. Kana gochuu hanqachuun isaa ummata keenya gatii kafalchiisaa jira.

Waggoota shanii oliif walitti fufiinsaan daangaalee Oromiyaa Godinoota Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Kaaba, Bahaa fi Lxia Shaggar akkasumas Godina Walloo fi kkf keessatti, iddoo iddootti finxaaleyyii Faannoon, bakkaa bakkatti ammoo hidhattootumti mootummaa humna finxaalessaa kanaan walkeessatti ijaaramuudhaan ummata keenya irratti yakka seenaan hin irraanfatne dalaganiiru. Kanaanis yeroo irraa gara yerootti lammiileen jumulaan ajjeefamuuf dirqamaniiru. Bakkoota naannoo Amaaraa daangessan cufa keessatti haalli kun hammaatee itti fufeera.

Ajjeechaan Ebla 06, 2025 galgala Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Jaardagaa Jaartee ganda Haroo Habootti raawwate kunis faana ajjeechaawwaan kanaan duraa irraa adda kan ta’e miti. Ummatni keenya xiqqaa hanga guddaatti, Jaarsoleen osoo hin hafin maatiidhaan jimlaan ajjeefamanii iddoo tokkotti awwaalaman. Kaan iddoon buufaman hin baramne; qabeenyaan ummataa saamameera.

Naannoo yakki kun itti raawwate keessa loltootni mootummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi milishaan lakkoofsaan hedduu ta’an qubatanii akka jiran ni beekama. Loltootni mootummaa naannicha qubsiifamanii jiran kunniin wayta finxaaleyyiin Faannoo hawaasa nagaa meesha-maleeyyii haleelan irraa ittisuu osoo danda’anii callisa akka filatan ummatatu ragaa dha. Goolessitootni kunniin milishaa naannoo Amaaraa fakkaatanii sossohu kan jedhu odeessi ummataa, gaafa barbaadan RIB waliin sossohu, gaafa RIB biraa deemu ammoo qofaatti ba’anii hojii ummata gooluutti bobba’u jedha ummatni naannoo.

Qonnaan bultoonni Oromoo qonna isaanii fi ilmaan isaanii barsiisuu malee waa’ee siyaasaa keessa galanii hin beekne bifa kanaan qumaara siyaasaa keessatti dhiigni isaanii dhangala’uun, lubbuun isaanii ba’uun hedduu garaa nama nyaata. Mootummaan nageenya lammiilee eeguuf dirqama olaanaa osoo qabuu, kana irraa dhimma dhabuun kan nama gaddisiisuu dha.

Dhumaatii deddeebi’ee golgaa humna goolessaa Faannootiin ummata keenya nagaa daangaalee Oromiyaa naannoo Amaaraatiin waldaangessan jiraatu irra gahaa turee fi jiruuf kan itti gaafatamu Mootummaa Federaalaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa ti.

Dhuma irratti ummatni keenya balaa hamaa deddeebi’ee Finxaaleyyiin irra gahaa turee fi jiru kana jalaa bahuuf tokkummaan dura dhaabbachuu fi sagalee waliif tahuu akka qabu dhaamaa, haleellaan akkanaa waytaa irratti raawwatamutti hawwaasni keenya of ittisuuf mirga guutuu qabaachuu isaas cimsee hubachuu fi wal hubachiisuu qaba jenna.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Ebla 08, 2025

Finfinnee

Ayyaana Oromtittii 2025: Gammachuu fi Galata Hawaasa Oromoo

**Guyyaan Oromtittii Australia, Victoria, Braeside Park jedhamutti kabajame**

Guyyaan Oromtittii Sanbata Ebla 5, 2025 bakka Braeside Park, Victoria, Australia jedhamu keessatti haala gammachiisaa fi miidhaagaa ta’een kabajame.

Dura Taa’aa Hawaasa Oromoo Melbourne, Ob. Alemayehu Qubeen, kaayyoo ayyaanaa “dubartoota Oromoo ba’aa maatii fi aadaa Oromoo jaalalaan eeguuf galata galchuu” akka ta’e ibsaniiru.

Kunis hawaasa Oromoo keessatti dubartoonni akka haadha, hojjataa, fi eegduu aadaa ta’anii maatii fi ogummaa Oromoo jabeessuuf qooda guddaa qaban agarsiisuu fi galata isaanii argamsiisuu tajaajila.

**Seenaa fi Qabiyyoota Ayyaanaa:**

1. **Ulfina Aadaa**: Dubartoonni Oromoo uffannoo aadaa Oromoo (akka *horo* fi kkf) miidhagaa fi ijoollee isaanii waliin hirmaatan. Kuni aadaa fi seenaa Oromoo dhaloota itti aanuuf akka eegamu agarsiisa.

2. **Waliin Jireenya Hawaasaa**: Walitti dhufeenya kana keessatti hiree fi gammachuu gidduu hawaasa jabeessuuf tattaaffii godhamuun isaa mirkaneessa.

3. **Dhimma Diaspora keessatti**: Hawaasa Oromoo Australiyaa keessatti aadaa fi afaan Oromoo akka hin balleessine fi jijjiiramaa jiru keessatti akka eegamu taasifama.

**Madda Muuxannoo:**

– **Aadaa fi Jaalala**: Ob. Alemayehu Qubeen himiinsa keessatti, “Dubartoonni Oromoo maatii fi hawaasa keessatti *qabeenya uumamaa* ta’anii tajaajiluun aadaa keenya eegumsa gootummaa isaanii ti” jedhan.

– **Ijoollee Aadaa**: Ijoollee uffannoo aadaa Oromoo miidhagaa hirmaachuun dhaloota itti aanuuf aadaa akka guddifamu gargaara.

**Tarkaanfiiwwan Jireenyaa:**

Ayyaanni kun sirboota aadaa, weellisaa, faaruu, fi nyaata aadaa Oromoo (akka *buna danfisuu* fi *caccabsaa*) waliin dabarsuu danda’a. Kana malees, dubbiiwwan seenaa, qoosaa, fi ogbarruu Oromoo himuun mirga fi murteessina dubartootaa dabaaludhaan hawaasa jajjabeessuu danda’a.

**Kaayyoo Guyyaa Oromtittii:**

Kabajanni kun akka agarsiisaa ta’e, **dubartoonni Oromoo** qabeenya hawaasaa fi aadaa Oromoo akka *qalbeeffattoota* fi *eegduwwan* ta’anii bulmaata gabrummaa fi diinaan ala jiraachuuf tarkaanfiiwwan adda addaa keessatti qooda guddaa fudhachaa jiru. Ayyaanni kunis hawaasni Oromoo Australiyaa keessatti **”tokkummaa, jaalalaa, fi kabajaa”** akka jabeessu taasisa.

**Eegumsa Fi Qabannoo**: Guyyaan Oromtittii kun hawaasa Oromoo biyya alaa jiraatu keessatti *aadaa fi ogummaa* isaanii akka jijjiiramaa jiru hin dhiifne agarsiisuuf yaalii guddaa ta’uu isaa mirkaneessa. Haala kanaan, akka dhalootni itti aanu aadaa isaa beekuuf, hawaasni Oromoo Australiyaa **”keessa fi ala”** aadaa isaaniif akka qabsaa’an taasisa.

Oromtittii 2025: Ijaarsi Walitti Dhufeenya Dubartoota Oromoo

Guyyaan Oromtittii Ebla 5, 2025 Australia,Victoria bakka Braeside Park jedhamutti haala hedduu miidhagaa fi gammachiisaa ta’een kabajame.

Kaayyoon ayyaanichaa dubartoota Oromoo karaa hedduun ba’aa maatii battachuun jaalalaa fi kabajaan aadaan Oromoo akka eegamu godhaniif galata galchuu akka ta’e Dura Taa’aa Hawaasa Oromoo Melbourne Ob Alemayehu Qubee ibsaniiru.

Sirna guyyaa Oromtittii kana irratti dubartooti Oromoo fi ijoolleen Oromoo uffannaa aadaa Oromoon miidhaganii kan hirmataan yoo ta’u, hiree kanaanis walitti dhufeenyi gidduu isaanii jiru akka jabbatu kan taasifame ta’uun hubatameera.

Ka’uumsi yaada kanaa hirmaannaa dubartootni Oromoo hawaasa Oromoo keessatti qabaniin ofii miidhamanii milkiilee isaa argamsiisaniif (jiruu fi jireenya hawaasummaa keessatti, daa’imman aadaa fi dhuudhaa Oromoo akka guddatan gahee olaanaa qabaniif akkasumas dhalootni labata akka darbuuf wareegama ulfaataa isaan baasanii fi kkf) beekmtiin kennamee galateeffachuu dha.