Celebrate Oromtittii’s Day: Honoring Women’s Contributions

Save the Date!
Oromtittii’s Day Celebration
Date: Saturday, April 5th
Time: 1:00 PM
Location: Braeside Park, Lower Dandenong Road, Vic, 3195
Join us as we come together to celebrate Oromtittii’s Day, a special occasion dedicated to honoring the strength, resilience, and invaluable contributions of Oromo women to our culture, community, and history. This day is a time to reflect, rejoice, and renew our commitment to equality, peace, and unity.
What to Expect
- Cultural Performances: Traditional music, dance, and poetry celebrating Oromo heritage.
- Guest Speakers: Inspiring words from community leaders and elders.
- Traditional Attire: A showcase of beautiful Oromo cultural clothing.
- Food and Refreshments: Enjoy traditional Oromo dishes and beverages.
- Community Bonding: Connect with fellow attendees and celebrate our shared identity.
Why Attend?
Oromtittii’s Day is more than just a celebration—it is a reaffirmation of the vital role women play in our society. It is an opportunity to:
- Honor the legacy of Oromo women as leaders, peacemakers, and caregivers.
- Celebrate the Siinqee institution, a symbol of women’s strength and unity.
- Strengthen community bonds and inspire future generations.
RSVP
Please confirm your attendance by 31/03/025 to help us make the necessary arrangements. You can RSVP by contacting Advocacy for Oromia at 0466 521 524 or info@advocacy4oromia.org.
Dress Code
We encourage attendees to wear traditional Oromo attire to celebrate our rich cultural heritage.
Join Us
Your presence will make this celebration even more meaningful. Let us come together to honor the past, celebrate the present, and inspire the future. We look forward to celebrating this special day with you!
With warm regards,
Oromo community in Melbourne/Oromo Women Association/Advocacy for Oromia
For more info Ob Oluma on 0421 639 679
Feel free to customize this announcement further to suit your event’s specific details and tone. Let me know if you need additional assistance! Nagaa fi bilisummaaf! (For peace and freedom!) 🌍✨
Kabajaa Guyyaa Dubartoota Addunyaa: Damee Dubartoota fi Daa’immaan ABO
CBB: 02/08/2025 Kabajaa Guyyaa Dubartoota Addunyaa- Damee Dubartoota fi Daa’immaan ABO
Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa: Walqixxummaa fi Guddina
Bitootessi 8 Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa ti
Ibsa Damee Dantaa Dubartootaa fi Daa’imman (DDD) ABO
Bitootessi 8 guyyaan Dubartoota Idil-Addunyaa biyyoota hedduu keessatti kabajamee oola. Guyyaan kun guyyaa itti dubartootni milkaa’ina gama hawaasummaa, siyaasaa, aadaa fi dinagdeen argamsiisaniif beekamtiin kennamuuf tahee kabajama. Guyyaa itti walqixxummaan saalaa fi nageenyi dubartootaa caalaatti xiyyeeffannoon itti kennamuu dha.
Dameen Dantaa Dubartootaa fi Daa’imman (DDD) ABO baga guyyaa kana geessan, walumaan geenye jechuun gammachuu isaa dabarsa.
Bitootessa 8, 2025 guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa yeroo kabajnutti falmaa bu’a qabeessaa fi jijjiirama hundee warraaqsii fi sochiin dubartootaa sadarkaa idil-addunyaatti fide daran ajaa’ibsiifachaa, bu’aan carraaqqii fi warraaqsa isaanii har’a firii gaarii horachuun, dubartootni loogii fi jibbiinsa irraa bilisa ta’anii, wal-qixxummaan dhiirota waliin qaban hubatamee hawaasaa keessatti karaa dinagdee, siyaasaa fi aadaa qaban akka ifee mul’atu ta’eera.
Warraaqsi dubartootaa akka eegaluuf wantoota sababa ijoo turan keessaa wal-qixxummaan dhiirotaa fi dubartoota gidduutti dhabamuu, mirgi dubartootaa sarbamuu fi sa’atiin hojii akka fooyya’u sagalee isaanii bifa qindaa’een dhageessisuu eegaluun oolee bulee akkuma fudhatama argataa dhufeen, adeemsa keessa Bitootessi 8 Mootummoota Gamtooman (UN) biratti guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa jedhamee akka yaadatamuu fi kabajamu beekamtii argate.
Guyyaan Dubartoota Idil-Addunyaa, Bitootessi 8 kan bara kanaa 2025, yeroo kabajamee oolutti, Addunyaan wal qixxummaa saalaa mirkaneessuun qootni dubartootaa fi dhiiraas hawaasa keessatti ija sirriin akka ilaalamu irratti sududaan hojjataa jirti.
Guyyaan Dubartoota Idil-addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uun dhaadannoo “Collectively, we can Accelerate Action for gender equality. Step forward in solidarity for International Women’s Day (IWD) 2025 on March 8 to help Accelerate Action/Waliin taanee, saffisaan walqixxummaa saalaa haa mirkaneessinu.” jechuun guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa Bitootessa 8, 2025 bara kanaa hawwii walqixxummaa saalaa kabajuu agarsiiseera.
Guyyaan Dubartoota Idil-Addunyaa ganna 114ffaa, akka Itoophiyaatti 49ffaa tahee kabajamu kun, guyyaa addunyaa bu’aa hawaasummaa, dinagdee, aadaa fi siyaasaa keessatti qooda mul’ataa akka qabaataniif akeekatee dha.
Akka Oromoottis dubartootni Oromoo rakkoo walfakkaataa dubartoota biyyoota biroo mudachaa tureen addaa miti. Akkaataan dubartootni dhiirota biratti ilaalaman walqixxummaan kan keessatti hundee horate akka hin taane wantootni hawaasa keessatti raawwatamaa fi mul’achaa turan ija hawaasichaa duraa dhokatoo miti.
Qormaatni dubartoota Oromoo mudachaa ture kunis aadaa hawaasicha keessatti fudhatamuun hamilee fi mirga dubartootaa hubanii, akkuma waliigalaatti ammoo dhiibbaa karaa sirnoota dhufaa darbaa biyyi tun ittiin bulaa turte keessatti irra dhaqqabaa turee dha.
Haala kana keessatti dubartootni Oromoos barteewwan hawaasicha keessatti babal’achuun hamilee fi mirga isaanii tuqaa turan karaa barnootaa fi seeraan akka itti hin fufneef hojiin kaka’umsaa hojjatamaa ture akkaan ol’aanaa dha.
Akkasumas, dhibdee akka sabaatti karaa sirnootaa Oromoo mudates yoo ilaallu, saamichaa fi cunqursaa keessa turree fi jirru jalaa bilisa ba’uuf qabsoo dubartootni Oromoo qixxee dhiirotaa taasisuun wareegama hanga lubbuutti baasan firris ta’e diinni kan beekuu dha. Dubartootni Oromoo falmaa hadhaawaa utuu taasisanii baddaa fi gammoojjii keessatti kufanii hafan seenaan haa lakkaawu.
Damee Dantaa Dubartootaa fi Daa’imman Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hawaasa bal’aa keessatti qootni dubartootaa mana ijaaruu irraa hanga biyya ijaaruutti akkaan ol’aanaa tahuu amana. Dubartootni hawaasa keessatti karaa siyaasaa, dinagdee fi aadaa wal qixxummaa dhiira waliin qabaachuu malan akka kabajamu, fuula hojii hundaa irratti hirmaannaan isaanii bifa loogii fi miidhaa hin qabneen cimee akka itti fufu namni martuu qooda isaa bahachuu akka qabu hubachiisaa, addatti miidhaa daa’imman irratti sirnoota abbaa irreen raawwatamaa turee fi jiru dura dhaabachuun yeroon itti mirga keenyaaf falmannu amma.
Hundaa ol ammoo, dubartootni Oromoo mirga isaanii tikfachuuf akka dhuunfaattis tahe waloon sadarkaa waldaatti ijaaramanii aadaalee fayyaa dubartootaa huban hambisuu, kanneen kabajaa fi mirga isaanii faallomsan dura dhaabachuu, barsiifata hawaasa keessatti mirga dubartootaa huban adeemsa seeraa fi barnootaan akka hafan taasisuu keessatti yeroo kam illee caalaa jabaatanii hojjachuu qabu. Dabalataanis, Dameen Dantaa Dubartootaa fi Daa’imman (DDD) ABO aadaa ummataa keessaa kanneen mirga dubartootaaf bu’aa buusan dhiibbaa tokko malee duudhaa sabichaa eeganii akka itti fufan jabaatee hojjeta.
Wantoota hubama lubbuu, qaamaa-qalbii fi fayyaa dubartootaa irratti yaaddoo yookiin siqiqii uuman xiqqeessuu fi hanqisuuf adda durummaan kan hojjetu tahuu mirkaneessaa, egereen dubartoota Oromoo bifa duudhaa sabichaa bu’uura godhatee fi karaa barnoota ammayyaa fi tekinoloojiitiin beekumsa, dandeettii fi ogummaa akka horatan jabaatee ni hojjeta.
Maayii irratti, Dameen Dantaa Dubartootaa fi Daa’imman ABO Bitootessa 8 guyyaa Dubartoota Iddil-Addunyaa kan Bara 2025 kana yeroo kabajatu dubartoota qaqqaalii quuqama saba isaaniif qaban, kanneen qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo keessattis tahe, warraaqsa ummataa keessatti kabajamuu mirga saba isaaniif wareegama hadhooftuu qaamaa-qalbii hanga lubbuutti baasaa turanii fi amma illee baasaa jiraniif kabajaa fi jaalala qabu ibsaa, dabalataan daa’imman ol guddattuu bifa suukanneessan yakki waraanaa irratti raawwatamaa turee fi jiru balaa isaan irra gahe cufa balaaleffachaa fi duras dhaabbachaa, imaanaa jaallan wareegamanii galmaan gahuuf kan hojjetnu tahuu murannoo qabnu ifa goona.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Damee Dubartootaa fi Daa’imman ABO
Bitootessa 08, 2025
Finfinnee



Abbaa Gadaa 72ffaa: Sirna Walharkaa Fuudhinsa Baallii

”Misoomaafi nageenya hawaasaa mirkaneessuurratti xiyyeeffannoon hojjanna”, – Abbaa Gadaa Booranaa 72ffaa Guyyoo Boruu
======
[Bitootessa 6, 2025]- Sirni walharkaa fuudhinsa baallii Gadaa Booranaa haaromsaan boodaa 72ffaa Gadaa Fullaasaafi Gadaa Mardiidaa gidduutti Godina Boorana Bahaa Aanaa Areeroo Ardaa jilaa badhaasaatti gaggeeffamaa jira.
Abbaan Gadaa 71ffaa Kuraa Jaarsoo bara Gadoomasaanii xumuruun Abbaa Gadaa 72ffaa Guyyoo Boruutiif baallii Gadoomaa dabarsuuf sirnoonni garaagaraa raawwatamaa jira.
Abbaan Gadaa Booranaa haaromsaan boodaa 72ffaan Guyyoo Boruu gulantaalee Gadaa hunda keessa darbuun gulantaa gadoomaarra gahuusaanii ibsuun, yeroo ammaa sirnoota aadaa hunda raawwachuun wal harkaa fuudhiinsa baallii irratti akka argaman himaniiru.
Bara gadoomasaanii dhimmoota faayidaa hawaasaa mirkaneessan hundarratti kan hojjatan ta’uu eeranii, misoomaafi nageenyi dhimmoota xiyyeeffannoon irratti hojjataman ta’uu hubachiisaniiru.
Sirni Gadaa bu’uura dimokiraasii addunyaa ta’e cimee akka itti fufu, aadaan wal dhaggeeffachuufi wal hubachuu dagaaguun tokkummaan hawaasaa akka cimu, safuufi safeeffannaan cimuun dhaloonni aadaafi duudhaasaa beekee ittiin akka buluuf kan hojjatan ta’uus ibsaniiru. Kallacha Oromiyaa.
Murteewwan Walga’ii: Ibsaa fi Yaada ABO Konyaa Viktooriyaa

Nuti miseensonni ABO Konyaa Viktooriyaa adeemsa walga’ii waloo Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongiresii Federaalistii Oromoo (KFO) Guraandhala 19 hanga 22, 2025 gaggeeffame xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffannee gadi fageenyaan gamaaggamnee marii, ibsi, murteewwan walga’icha irratti dhiyaatan of eeggannoodhaan erga hubannee booda, murtee sagalee guutuun guutummaan guutuutti deggeruuf irra geenyeerra bu’aa fi waadaa ibsaman.
Kaayyoo waloo ummata Oromoo fi qooda fudhattoota biroo ceesisuuf tokkummaa, walta’iinsa, fi karoora tarsiimoo barbaachisummaa isaa ni beekna. Ibsi walgahii waloo kana irratti kenname bal’aa fi yaaddoo keenya kan ilaallatu yoo ta’u, kallattii fi murteewwan fudhataman irratti ofitti amanamummaa akka bahannu ni ibsanna.
Kanarraa kan ka’e ABOn Konyaa Victoria akka nurraa eegamutti deeggarsa yaadaafi dinagdee gumaachuuf waadaa seenna. Adda Bilisummaa Oromoo fi Kongiresii Federaalistii Oromoo waliin gamtaan kan dhaabbannu yoo ta’u, jalqabbii fi murteewwan walga’ii waloo kana irratti waliigalaman akka milkaa’an gochuu keessatti gahee keenya ba’achuuf kutannee jirra.
Hawaasa Oromoo keessaas ta’ee alaas qooda fudhattoonni hundinuu haqa, walqixxummaa, fi guddinaaf tattaaffii waloo kana akka deeggaran waamicha goona.
ABO Konyaa Victoria
Guraandhala 28, 2025