Sirna Gadaa Oromoo: Walargii fi Maaliif Murteessaa Dha?

Wal-argii hanga Nyaachisaatti Jila Gaammee Gurguddaa Ardaa Gaayootti
Finfinnee, Hagayya 20, 2017 (FMC) – Sirna Gadaa Oromoo, bu’uura aadaa, dudhaafi bulchiinsa uummata Oromoo keessatti ilmi Oromoo kamuu sadarkaalee guddinaa keessa darbu qaba.
Gadaan adeemsaa dheeraa keessa dhaloota horataa, guddisaa, gurmeessee, ijaaree gahoomsa.
Akkaataa sirna Gadaatti, keessumaa Gadaa Booranaa keessatti namni fuulduraaf Abbaa Gadaa ta’ee filatamu kan adda ba’u sadarkaalee guddinaa keessaa tokko kan ta’e sadarkaa Gaammee Gurguddaa irraa gara Kuusaa ceโuu lallabama.
Ijoolleen sadarkaa Gaammee gurguddaa keessa jiran, kan gogeessa tokkoo, utuu gara Kuusaatti hin ce’in bakka jiran hundarraa walitti dhufanii wal argu. Sirni Gaammeewwan gurguddoon kallattii adda addaatti dhufani itti walbaran kun Walargii jedhama.

Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaatti dursaan garee sona aadaa Bonayaa Diidoo Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, ijoolleen Booranaa umurii kana keessa jiran biyya Keeniyaa irraa utuu hin hafin deggersa abbootii isaaniin bakka Gumii Gaayyootti walitti dhufanii walargu.
Kaayyoon wal argii kanaa ijoolleen gaammee gurguddoo gogeessa tokko taโan ardaa kanatti dhufanii wal barachuu, wal arguufi wal beekuudha. Kaayyoon biraa seera, aadaa, safuu uummataa kabajuufi tokkummaa gogeessa isaanii cimsuudha
Walargiin waggaa saddeet keessatti yeroo tokko kan raawwatamuu dha.
Sirna guyyoota sadii hanga afuriitti turu kana irratti hirmaachuuf Gaammeewwan yeroo imala eegalan irraa kaasee bakka ga’anitti qubachaa uummannis qalee nyaachisaa, godina Booranaa aanaa Dhaas, bakka ardaa Gaayoo jedhamu hanga ga’anitti akkaataa kanaan imala itti fufu.
Gumii Gaayoottis Abbootiin Gadaa fi Abbootiin Lubaa ijoollee kana goggeessa tokko keessa jiraachuu isaanii adda baasuun walbarsiisu. Wal argiin kun qaโee abbootii isaanii Abbaa Gadaa duraanii Guyyoo Gobbaatti wal geettee sangaa qalattee eebbifatti.
Sirni walargii kun sagantaa guddaa kan Abbaan Gadaa gara fuula duraa keessatti madaalamu sirna , ”Nyaachisa” jedhamee kan beekamuuf boqonnaa jalqabaati.
Sirni Nyaachisaa walbaruun booda ji’oota gara kudhanii booda kan raawwatamuu dha.
sirna nyaachisaa keessatti gara ji’oota shaniif Gaammeewwan utuu manatti hingalin diida turu, leenjii aadaa, duudhaafi safuu ummataa barataa lenji’aa turu.
Yeroo leenjii kana fooniifi dhiiga horiin alatti waan biraa hin nyaatan, manatti hingalan, qaama hin dhiqatan. Uffata hin dhiqatan, kophee faanaa hin keeyyatan, Qormaatilee jireenyaa shaakalaa turu.
Akkaataa ayyaana kaalandara aadaatiin yeroon nyaachisaa yemmuu ga’u, Gaammeewwan walbaranii turan sirna Guddaa kana irratti, Abbootii Gadaa, Luboota fi jaarrolee waliin deebi’anii walga’u.

Qalanii nyaatu, ni eebbifamu. Sirnicha Guddaa kan jechisiisu garuu nyaachuu fi dhuguun alatti qormaataafi leenjiin guddaan bakka itti kennamu ta’uu isaa ti.
Gaammeewwan leenjii fudhataa turan waldorgomu, ni madaalamu, ciminni qaamaa fi hubannaan bulchiinsa Gadaaf qaban ni qorama, dandeettii dubbii isaaniis ni ilaalama.
Gaammeewwan achitti walga’an keessaa kan qormaatilee kanaan hunda caalaa milkaa’etu gama gogeessaafi uummata balโaatiin Hayyoota Adulaa fuula duraaf filamee, eebbifamee gosa biratti beekama. Gaafa umuriin isaa guutus Gadaa ta’ee baallii fudhatu.
Tibbanas Godina Booranaa Bahaa Aanaa Dhaasitti Gammeewwan guguddaan Booranaa Gaayootti walagii irra jiru.
Adoolessa 2018 keessa ammoo sirna Nyaachisaatu geggeeffama.
Kuluulaa Garbichaa fi Yoonaataan Birhaanuun.