
Kun guyyaa Shanan Bontu Shuggee Galaasaa ti. Boontuun Oromiyaa keessatti hidhaa addaddaan dararamaa turte. Booda dararaan itti hammaannaan gara biyya ollaa Keenyaatti godaante. Baqattummaa waggaa dheeraa booda qubannaan gara biyya Kanaadaa nagaan imalte.
Dhiheenya kana mucaa dhiiraa nagaan godhatte. Shanan kana irrattis akka aadaa Oromootti miidhagdee hiriyyoota ishii waliin kabajatte. Kaayyoon Shanan deessuu inni guddaan dubartiin deesse gaafa guyyaa shanaffaa akka jajjabattuu fi eebbisuu dha. Akkasumas ayyaanni haadhaa ykn ateetee fi Waaqa nagaan akka deessu ishii gargaara galateeffachuu dha. Sirna kana irratti hanga Shananiitti dhaqna hin dhiqattu, uffanni ishii hin miiccamu. Kanaaf guyyaa kana dhaqna dhiqatti; uffannishees ni miiccama.

Shanan deessuu jireenya deessuu keessatti iddoo guddaa kan qabuu fi kan kabajamuudha. Kunis dubartiin tokko ji’a sagal guutuu garaatti baattee nagaan hiikamuun ishee faayidaa maatii sanaati. Akkasumas daa’imni dhalatte dabalata maatii sanaati. Kanaf, faayidaa Shanan deessuu dubartii tokko deesse hanga Ulmaa Baatutti kophaa dhiisanii hin deeman. Sababni isaa boolli afaan banee ishii eega jedhama. Akkasumas yeroo mana fincaanii deemtuus sibiila harkatti qabattee,mutaa mataatti suqqattee, deemti.
Walumaa galattii Shanan erga bahee booda mucaan ni jajjabaata(tti); deessuun sunis ni jajjabaatti; marqaa qophaa’e waliin nyaachuun bira dhaabbannaa fi deeggarsa waloomaa akka argattu godhan.
Deessuun akka eela da’umsaa irraa dandamattu gochuu keessatti sirni kun gahee guddaa qaba. Maatii fi hiriyoonni Shanan kana irratti argamanis akka deessuun bareeddee kabajaa deessummaa argattu ni jajjabeessu. Shanan kana irratti deessuun qaamaan akka jabaattu, hawaasummaan akka bareeddu, ayyaanaan akka damboomtu, ba’aa bara ulfaa fi da’umsaa akka aadeffattu godhan.
Shanan Boontuun kun immoo kanneen akka ishiitti firaa fi aantee irraa fagaatanii jiraniif akka qobummaa fi adda bahummaan itti hin dhagahamne godha. Kunis akka walooma eenyummaa itti uwwisan godha.
