
Kitaaba kana baatii darben ( Fulbaana,2022) dubbisee fixe. Kitaabicha dubbisuu Jalqabnaan dhaabuun hin jiru waan taheef guyyaa lama keessattin xummure. Hunduu bitadhaa dibbbisaan jedha.
Qabiyyeen Kitaaba Jaal Abbaa Caalaa kuni seen-gulummoo matayyaa isaanii :-
a. Ijoollummaa- hanga barnoota jalqabanii
b. Haalaa baruu fi barsiisuu fi didhaalee hanga barnoota xummuranitti argan
c . Bara Yunibarsiitii turanii fi hirmaannaa sochii QBO jalqabaa keessatti taasisan
d. Duulaa barnootan Arsii deemuu fi muudannoolee achitti turan
e. Barnoota xummuruu fi jaarmaa laf-jalaa keessatti qooda fudhachuu
f . Qabsoo Qawwee jalqabuuf sochii Dambi Doolloo fi didamnaan imala Dambii Doolloo gara Mattuu – Finfinnee
g. Dirree Baha Oromiyaatti bahuu fi taajjabbii haala WBO dirree bahaa keessa ture. Keessatti amala fi dandeettii Jaarraa Abbaa Gaadaa, wareegama Qabsaahota Oromoo ( Wal ajjeechaa J/ Baaroo Tumsaa fi J/ Badhoo Dachaas)
h. Godaansa sadaffaa ( Baha Oromiyaa ti gara Ijabuutii
i. Ijabuutii gara Sudan deemuu
j. Qabsoo hidhannoof leenjii waraanaa fudhachuuf Eritrea deemuu fi imala gammoojjii Saahel akkasumas turmaata dirree leenjii
k. WBO lixa Oromiyaatti gadi dhaabuu hanga bara 1991( cehumsaatti)
l. Bara cehumsaa booddee qormaatalee hanga bara 1998 Eritreatti ABOn simatamutti
m. Bara 1998- hanga bara 2018
n. 2018 tti Oromiyaatti deebi’uu dhaabaa waliin Wal qabatee qooddannaa miiraa fi taajjabbii haala biyyaa…
Waan hunda dura Jaal Abbaa Caalaa Lataa, kitaabicha barreessuu qofaaf osoo hin taanee wareegama hadhooftuu tilmaamuu hin dandeenye saba kanaaf jecha umrii dargaggummaadhaa hanga yeroo hardhaatti baasaa jiraniif galanni dachaa haa tahuuf. Silaas galanni qabsaawaadhaa BILISUMMAA SABAA waan taheef Waaqayyoon umrii dheertuu haa laatufiitii daran sanyiin isaan facaasan margee bargaagee bilchoo tahee nyaatamuu isaa haa arganin jedha.
Abbaan Caalaa qabsaawaa qofa osoo hin taanee nama dandeettii barreessuutti ogummaa addaa qabuu dha. Seenaa guddaa waggaa 50tti dhiyaatu haala baayyee gabaabaa, bareedaa fi hawwataa taheen akkasitti dhiyeessuun ogummaa jabduu gaafata. Kanarraa wanti tilmaamuu dandeenyu Abbaan Caalaa dubbisaa jabaa tahuu isaaniti. Nama dubbisutu waan baroo fi dansaa akkasii seenaa xaxaamaa fi dheeraa kitraabni fuulli kumootaan irratti barreeffamu seecca’ee namaaf dhiyeessa. Dhugaa dubbachuuf haalli kitaaba kana itti barreessan waanuma ajaayibaati.
Akkumaa isaanuu jedhan seenaa mataa ofii barreessuun waan baayyee ulfaataa keessaa isa duraati. Waayee namaa kuultee kukkultee feetummoo ajeessitee barreessun salphachuu mala, waayee keetii barreessitee namaaf dhiyeessun akkaan ulfaata. Haa tahu malee seenaan Abbaa Caalaa, akkuma mata duree kitaabichaa, ‘Abbaa Caalaa Lataa, Jireenyaa fi Qabsoo ABO’ ti.
Waayee ABO kaaftee seenessita taanan, keessafuu kan dirree dhiyaa, akkan kitaaba kana dubbiosetti Abbaa Caalaa osoo hin kaasin seenessuus tahee himuu hin dandeechu. Wareegama hadhooftuu, aarsaa ulfaataa saba Kanaaf baasan. Silaa akka oolmaa isaan saba kanaa oolaniiti Sabni kuni mataatti baata ture. Garuu hamma Sabni keenya hubatutu ammayyuu diqqaa dha waan taheef hanga hunduu hubatutti yeroon ni tura.
Haa tahu malee qabsoo kanaaf waan qabsaahonni Oromoo akka J/ Abbaa Caalaa tahan kuni aarsaa duwwaa miti, Arjummaa, gootummaa, sabboonummaa,Oromummaa, obsaa fi qaroomina guddaa dha.
Abbaan Caalaa seenaan bara ijollummaa isaanii akka maq-balleessituun olola adda addaa irratti oofuudhaan ilmaan baal-abbataa kan rakkoo takkaa hin garree fi rakkkoonuu maal akka taate hin beekne jedhanii irratti ololan osoo hin taanee kanuma dhala ilmaan qote bulaa Oromoo hedduuti jechuu dandeenya. Yeroon waayee bara ijoollummaa isaanii dubbisu qe’ee dhaloota koon ija yaadan daawwachaa dubbise yoo illee haalli teessuma lafaa fi qilleensi baramaa wal fakkaachuu baatee wan godhamuu fi raawwatamu wal fakkaata waan taheef. Ijoolleen baaddiyyaa diqqeenyan dirqama fudhachuu eegalu. Akkuma isaanuu ”..sirni Gadaatis kanuma mitiiree ?” jedhan Ijoolleen Oromoo Dabballee (waggaa 09) irraa kaatee dirqama fudhachuu eegalti.
Haala akkasiin guddatanii, baratanii haala yeroo sanaan Yuunibarsiitii seenuun jabeenyaa fi qaxalummaa isaaniit agarsiisa. Keessattuu gad-qabbii nyaaphaa fi hamil-cabsa faranjittii bara isaan kutaa 12 sana injifatanii barnoota isaanii irra aanuun yuunibarsiitii seenun injifannoo guddaa dhuunfaa duwwaa osoo hin taanee bu’aa hardha akka sabaatti arganneef illee gumaata jabaadha.
Qeerroon bara sanaa, beektoonni fi bartoonni Oromoo bara sana ija banatan irra caalaatti Waayee Oromoo waan katabamte walitti coraa, galaa gamanaa walitti funaanaa seenaa Oromoo Hardha dhalooni ittiin boonu sararuu keessatti shoora guddaa taphatan.
J/ Abbaa Caalaa akkuma waayillaan isaa biroo bara qeerrummaa isaanii mana barnootaa fi iddoo itti dhalatan irraa hanga duulaa barnootaa Godina Arsii, Kofaleetti hojii Oromummaa ijaaruu fi deebisanii sabboonummaa gadi dhaabuu keessatti shoora guddaa akak bahan kitaabni kuni ni addeessa.
Akka Walii galaatti J/A bbaa Caalaa Lataa waan gurguddoo armaan gadii nutti himuu barbaadan jedheen yaada,.
- Lafa kaane, Amna dheertuu, ulfaattuu dukkana roobaa sana keessatti Abjuun hangafoota keenyaa guddaan suni abjuu bara dheeraa dura maseenee, lafa nyaaphni balleesineerra,saba abjuu mataa isaa hin qabne uumnerra jedhanitti raacitii xixiqqoo fi yaada miciree hundeeffamuu ABO dura ture walitti coraniit zeerroo irraa kahanii hardha wareegama guddaan gahuu ibsuuf natti fakkaata.
- Habalakaanis haa tahu hammeen Ulfaa’uu QBO baha Oromiyaa fi haala yeroofis tahu argan sana keessattimmoo wareegama guddaa keessoo keenyatti dhalate yoollee quubsaa tahuu baate dhaloota kanaaf afuura baafataniiru (keessattuu bara dheeraa iccitii fi hiibboo akkasumas madda olola diinaa fi gowwaa keenyaa tahee kan ture haala Wareegamuu ykn wal ajjeessuu qabsaahota keenyaa J/ Baaroo Tumsaa fi J/ Badhoo Dachaas) barreessaniiru. Garuu akka kootti ammallee gahaa natti hin fakkaatu wantoonni gaaffiilee xuxxuba nama dhiyeessisan ammayyuu banaa dha. odeessi fi ololli kanaan dura ture, af-gaaffii Miidiyaalee adda addaa irratti keessattuu hangafoonni akka Obbo Leencoo Lataa fi Jaarraa Abbaa Gadaa waayee taatee sanaa dubbatan irraa yoo kaane fi namoota yeros achi turre jedhan hedduu irraa wanti dhagahamu waldhahaa dha. Rakkoon hagamii dhalannaan Badhoon Baaroo ajjeesa? Waayee fayyaa dhabuu, sammuun jeeqamuun kaateen maalii? Hooggantoota jiran keessaa maaltu tahee jennaan J/ Baarootti qiyyaafate? Lolli yoo jiraatee bultee moo shamtee dha? Kanneen jedhan deebii barbaada. Haa tahuutii akka gara duraatti deemnuf j/ Abbaa Caalaa waan argan lafa nuuf kaahaniiru. Gara fuudluraatti yoomeessa qofa osoo hin taanee Maalakkamittiisaa fi maalifii qormaata gaafata taha.
- Qabsoon Bilisummaa Oromoo diina malee fira tokkollee kan qabne tahuu akka gaaritti nuuf himan. Imala isaan Baha Oromiyaatii gara Jibutii godhan mataansaa qofaatti kitaaba tokko. Jibutiinuu biyya taatee ilmaan oromoo akka raqaatti raqa gatamu waliin maktee bakka raqa gatanitti ilmaan Oromoo gatuun ishee tuffii isa dhumaa saba keenyaf qabdu dha.
- Adda Dureen J/Abbaa Caalaa QBO gama dhiyaa keessatti eenyumaa ol shoora guddaa fi addaa qabaachuu seenaan katabame kuni sirriitti ibsa. Barnoota kootiin mindaa nyaadhee magaalaa jiraadha osoo hin jenne. bultii dhaabeen jireenya sadoo jiraadha osoo hin jenne. kaayyoo ganama bakka guddaan gaha jedhanii kaahatan moggaatti gatuun warra jalqaba leenjii. Waraanaa fudhachuuf Eritrea deemuu irrayyuu garee duraa sna walitti qabuu fi qindeessuun salphaa miti. Sana booddee harka qullaa Oromiyaa karaa suudan seenuuf yaaliin godhamee,… walumaa galatti lafti kaanee fagoo fi akkaan gaddisiisaa tahuu hima.
- Ilmaan Oromoo qabsoo Oromoo ganan caalaa, sabni bicuun ollaa keenya turan warri Koomoo qabsoo bilisummaa Oromoof wareegama baasan waan ajaayibaa tahuu tuqan. Isaan osoo QBOf wareegama kaffalan Oromoonni kanneen qabsoo goona jedhanii qabsoo seenan haala hamtuu reefu qabsoo hidhannoo jalqabame sana keessatti Oromoonni leenjii fudhataniillee ganan jiraachuu…
- Wareegamuu saglii duraa, kan J/ Daawud qofti lubbuunWaaqayyoon oolche suni booree fi xiiqii itti horuun isaan yaadachaa gumaa isaanii bilisummaan baasuuf cichoomina ture akeekan.
- Hanqina hoogganummaa, muuxannoo dhabuu hooggantootaa, ammoo beekumsaa jabaa qabaachuu hooggantootaa bara sanaa, shira wallaaluu hooggantoota keenyaa gaafa diina waliin tumsa tolfatamuu fi diinni yoomuu amanamuu akka hin dandeenye, alagaan fira dantaa ofii eeggatee nama waliin socho’u malee fira maayii akka hin taane dhalootaf akeekan.
- Wareegamni ulfaatan bara 1991-1992 baafamu illee irra caalaa bu’aa qabsoon keenya yeroo gabaabduu sana keessatti buuse ibsan .
- Mootummaa cehumsaa keessaa bahuu ABO fi caccaabiinsa fi daddaaqamiinsa dhaaba keenya keessatti dhalataniif gaafatamni jiraannan kan hooggantoota hundaa malee kan nama tokkoo tahuu akka hin dandeenye ibsan. Egaa kunis yeroo hedduu Obbo Leencoo Lataa waan himatamaa turaniif gaafatamni kan isaanii qofa osoo hin taanee akka sirna jaarmiyaatti koree hojii raawwachiiftuu dhaabaa akka jechuu akeeka. ” bishaan mataa yaa’a” jedhama mitiiree.
- Rakinoota yeroo yeroonn ABO keessatti dhalachuun warri hooggana ofiin jedhan dhaabaa kana cabsachaa fi cabsiisaa as gahamee fi hanga yoonaalee itti jiru rakkina hooggansaa tahuu akeekan.
- Siyaasa keessatti Yaada adda addaa qabaannuyyuu yaadan wal dura dhaabbachuu fi falmii goonee saba hubachiisuu malee wal dinoomsuun gaarii akka sirrii hin taanee fi olola deemaa ture kan isaan irratti illee godhamaa ture hundeen isaa ilaalcha boodatti hafaa irraa madduu isaa ibsan.
- Eritiriyaa deemuun qabsoo keenyaa damdamachiisuu, bara hooggantoonni dhaabaa olloota Xoophiyaa hunda keessaa ari’atamaa fi iddoo homaa dhabanitti Eritrean dantaa isheefis jettu dhaaba simatuu gaarummaa fi galata saba irraa akka qabdu himan. Kana malees Wayyaanee hooggantoota Keessattuu Abbaa Caalaa, Suudan keessaa yeroo lama ariisisuu, Keeniyaa dhaa fi Yemen irraa illee akka ari’ame fi Muudannoo fi turmaata Eritrea tti ABO qunnamee fi haala ittiin gara biyyaa deemame keessatti hanqinoota argan ibsan
- Adeemsa dhaabni erga biyya galee booddee hojiiin sirnaa akka silaa marii dursaanii gaggeessitoonni duraanii fi kan ammaa waliin dursanii godhan hedduun sirnaan deemuu dhabuu fi sabni keenyaa ammoo dammaqinaa fi baayyinaan dabalu illee ammayyuu waan hedduun akak itti hanqatu waan taajjaban himan.
- Hojii dhabdummaa dargaggootaa, amala fi araada hedduun saaxilamuu dhalootaa ibsan
Akka dhaloota kanaatti hangafoonni keenya waan keessa lufan nuuf katabuun nuuf beekumsaa guddaa taha. Sana malee daawitii dhaloonni keessatti of ilaalaa duratti ittiin deemu waan taheef hangafoonnoi keenya adaaraa akkuma J/Abbaa Caalaa kanatti akak nuuf katabdan abdiin qaba.
Fayyaa tahaa;horaa bulaa deebanaa!
Caalaa Hayiluu Abaataa