Kabajaa Guyyaa Dubartoota Addunyaa: Damee Dubartoota fi Daa’immaan ABO
CBB: 02/08/2025 Kabajaa Guyyaa Dubartoota Addunyaa- Damee Dubartoota fi Daa’immaan ABO
Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa: Walqixxummaa fi Guddina
Bitootessi 8 Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa ti
Ibsa Damee Dantaa Dubartootaa fi Daaโimman (DDD) ABO
Bitootessi 8 guyyaan Dubartoota Idil-Addunyaa biyyoota hedduu keessatti kabajamee oola. Guyyaan kun guyyaa itti dubartootni milkaa’ina gama hawaasummaa, siyaasaa, aadaa fi dinagdeen argamsiisaniif beekamtiin kennamuuf tahee kabajama. Guyyaa itti walqixxummaan saalaa fi nageenyi dubartootaa caalaatti xiyyeeffannoon itti kennamuu dha.
Dameen Dantaa Dubartootaa fi Daaโimman (DDD) ABO baga guyyaa kana geessan, walumaan geenye jechuun gammachuu isaa dabarsa.
Bitootessa 8, 2025 guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa yeroo kabajnutti falmaa buโa qabeessaa fi jijjiirama hundee warraaqsii fi sochiin dubartootaa sadarkaa idil-addunyaatti fide daran ajaaโibsiifachaa, buโaan carraaqqii fi warraaqsa isaanii harโa firii gaarii horachuun, dubartootni loogii fi jibbiinsa irraa bilisa taโanii, wal-qixxummaan dhiirota waliin qaban hubatamee hawaasaa keessatti karaa dinagdee, siyaasaa fi aadaa qaban akka ifee mulโatu taโeera.
Warraaqsi dubartootaa akka eegaluuf wantoota sababa ijoo turan keessaa wal-qixxummaan dhiirotaa fi dubartoota gidduutti dhabamuu, mirgi dubartootaa sarbamuu fi saโatiin hojii akka fooyyaโu sagalee isaanii bifa qindaaโeen dhageessisuu eegaluun oolee bulee akkuma fudhatama argataa dhufeen, adeemsa keessa Bitootessi 8 Mootummoota Gamtooman (UN) biratti guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa jedhamee akka yaadatamuu fi kabajamu beekamtii argate.
Guyyaan Dubartoota Idil-Addunyaa, Bitootessi 8 kan bara kanaa 2025, yeroo kabajamee oolutti, Addunyaan wal qixxummaa saalaa mirkaneessuun qootni dubartootaa fi dhiiraas hawaasa keessatti ija sirriin akka ilaalamu irratti sududaan hojjataa jirti.
Guyyaan Dubartoota Idil-addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin taโuun dhaadannoo โCollectively, we can Accelerate Action for gender equality. Step forward in solidarity for International Women’s Day (IWD) 2025 on March 8 to help Accelerate Action/Waliin taanee, saffisaan walqixxummaa saalaa haa mirkaneessinu.โ jechuun guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa Bitootessa 8, 2025 bara kanaa hawwii walqixxummaa saalaa kabajuu agarsiiseera.
Guyyaan Dubartoota Idil-Addunyaa ganna 114ffaa, akka Itoophiyaatti 49ffaa tahee kabajamu kun, guyyaa addunyaa buโaa hawaasummaa, dinagdee, aadaa fi siyaasaa keessatti qooda mulโataa akka qabaataniif akeekatee dha.
Akka Oromoottis dubartootni Oromoo rakkoo walfakkaataa dubartoota biyyoota biroo mudachaa tureen addaa miti. Akkaataan dubartootni dhiirota biratti ilaalaman walqixxummaan kan keessatti hundee horate akka hin taane wantootni hawaasa keessatti raawwatamaa fi mulโachaa turan ija hawaasichaa duraa dhokatoo miti.
Qormaatni dubartoota Oromoo mudachaa ture kunis aadaa hawaasicha keessatti fudhatamuun hamilee fi mirga dubartootaa hubanii, akkuma waliigalaatti ammoo dhiibbaa karaa sirnoota dhufaa darbaa biyyi tun ittiin bulaa turte keessatti irra dhaqqabaa turee dha.
Haala kana keessatti dubartootni Oromoos barteewwan hawaasicha keessatti babalโachuun hamilee fi mirga isaanii tuqaa turan karaa barnootaa fi seeraan akka itti hin fufneef hojiin kakaโumsaa hojjatamaa ture akkaan olโaanaa dha.
Akkasumas, dhibdee akka sabaatti karaa sirnootaa Oromoo mudates yoo ilaallu, saamichaa fi cunqursaa keessa turree fi jirru jalaa bilisa baโuuf qabsoo dubartootni Oromoo qixxee dhiirotaa taasisuun wareegama hanga lubbuutti baasan firris taโe diinni kan beekuu dha. Dubartootni Oromoo falmaa hadhaawaa utuu taasisanii baddaa fi gammoojjii keessatti kufanii hafan seenaan haa lakkaawu.
Damee Dantaa Dubartootaa fi Daaโimman Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hawaasa balโaa keessatti qootni dubartootaa mana ijaaruu irraa hanga biyya ijaaruutti akkaan olโaanaa tahuu amana. Dubartootni hawaasa keessatti karaa siyaasaa, dinagdee fi aadaa wal qixxummaa dhiira waliin qabaachuu malan akka kabajamu, fuula hojii hundaa irratti hirmaannaan isaanii bifa loogii fi miidhaa hin qabneen cimee akka itti fufu namni martuu qooda isaa bahachuu akka qabu hubachiisaa, addatti miidhaa daaโimman irratti sirnoota abbaa irreen raawwatamaa turee fi jiru dura dhaabachuun yeroon itti mirga keenyaaf falmannu amma.
Hundaa ol ammoo, dubartootni Oromoo mirga isaanii tikfachuuf akka dhuunfaattis tahe waloon sadarkaa waldaatti ijaaramanii aadaalee fayyaa dubartootaa huban hambisuu, kanneen kabajaa fi mirga isaanii faallomsan dura dhaabachuu, barsiifata hawaasa keessatti mirga dubartootaa huban adeemsa seeraa fi barnootaan akka hafan taasisuu keessatti yeroo kam illee caalaa jabaatanii hojjachuu qabu. Dabalataanis, Dameen Dantaa Dubartootaa fi Daaโimman (DDD) ABO aadaa ummataa keessaa kanneen mirga dubartootaaf buโaa buusan dhiibbaa tokko malee duudhaa sabichaa eeganii akka itti fufan jabaatee hojjeta.
Wantoota hubama lubbuu, qaamaa-qalbii fi fayyaa dubartootaa irratti yaaddoo yookiin siqiqii uuman xiqqeessuu fi hanqisuuf adda durummaan kan hojjetu tahuu mirkaneessaa, egereen dubartoota Oromoo bifa duudhaa sabichaa buโuura godhatee fi karaa barnoota ammayyaa fi tekinoloojiitiin beekumsa, dandeettii fi ogummaa akka horatan jabaatee ni hojjeta.
Maayii irratti, Dameen Dantaa Dubartootaa fi Daaโimman ABO Bitootessa 8 guyyaa Dubartoota Iddil-Addunyaa kan Bara 2025 kana yeroo kabajatu dubartoota qaqqaalii quuqama saba isaaniif qaban, kanneen qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo keessattis tahe, warraaqsa ummataa keessatti kabajamuu mirga saba isaaniif wareegama hadhooftuu qaamaa-qalbii hanga lubbuutti baasaa turanii fi amma illee baasaa jiraniif kabajaa fi jaalala qabu ibsaa, dabalataan daaโimman ol guddattuu bifa suukanneessan yakki waraanaa irratti raawwatamaa turee fi jiru balaa isaan irra gahe cufa balaaleffachaa fi duras dhaabbachaa, imaanaa jaallan wareegamanii galmaan gahuuf kan hojjetnu tahuu murannoo qabnu ifa goona.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Damee Dubartootaa fi Daaโimman ABO
Bitootessa 08, 2025
Finfinnee



Abbaa Gadaa 72ffaa: Sirna Walharkaa Fuudhinsa Baallii

”Misoomaafi nageenya hawaasaa mirkaneessuurratti xiyyeeffannoon hojjanna”, – Abbaa Gadaa Booranaa 72ffaa Guyyoo Boruu
======
[Bitootessa 6, 2025]- Sirni walharkaa fuudhinsa baallii Gadaa Booranaa haaromsaan boodaa 72ffaa Gadaa Fullaasaafi Gadaa Mardiidaa gidduutti Godina Boorana Bahaa Aanaa Areeroo Ardaa jilaa badhaasaatti gaggeeffamaa jira.
Abbaan Gadaa 71ffaa Kuraa Jaarsoo bara Gadoomasaanii xumuruun Abbaa Gadaa 72ffaa Guyyoo Boruutiif baallii Gadoomaa dabarsuuf sirnoonni garaagaraa raawwatamaa jira.
Abbaan Gadaa Booranaa haaromsaan boodaa 72ffaan Guyyoo Boruu gulantaalee Gadaa hunda keessa darbuun gulantaa gadoomaarra gahuusaanii ibsuun, yeroo ammaa sirnoota aadaa hunda raawwachuun wal harkaa fuudhiinsa baallii irratti akka argaman himaniiru.
Bara gadoomasaanii dhimmoota faayidaa hawaasaa mirkaneessan hundarratti kan hojjatan ta’uu eeranii, misoomaafi nageenyi dhimmoota xiyyeeffannoon irratti hojjataman ta’uu hubachiisaniiru.
Sirni Gadaa bu’uura dimokiraasii addunyaa ta’e cimee akka itti fufu, aadaan wal dhaggeeffachuufi wal hubachuu dagaaguun tokkummaan hawaasaa akka cimu, safuufi safeeffannaan cimuun dhaloonni aadaafi duudhaasaa beekee ittiin akka buluuf kan hojjatan ta’uus ibsaniiru. Kallacha Oromiyaa.
Murteewwan Walgaโii: Ibsaa fi Yaada ABO Konyaa Viktooriyaa

Nuti miseensonni ABO Konyaa Viktooriyaa adeemsa walgaโii waloo Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongiresii Federaalistii Oromoo (KFO) Guraandhala 19 hanga 22, 2025 gaggeeffame xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffannee gadi fageenyaan gamaaggamnee marii, ibsi, murteewwan walgaโicha irratti dhiyaatan of eeggannoodhaan erga hubannee booda, murtee sagalee guutuun guutummaan guutuutti deggeruuf irra geenyeerra buโaa fi waadaa ibsaman.
Kaayyoo waloo ummata Oromoo fi qooda fudhattoota biroo ceesisuuf tokkummaa, waltaโiinsa, fi karoora tarsiimoo barbaachisummaa isaa ni beekna. Ibsi walgahii waloo kana irratti kenname balโaa fi yaaddoo keenya kan ilaallatu yoo taโu, kallattii fi murteewwan fudhataman irratti ofitti amanamummaa akka bahannu ni ibsanna.
Kanarraa kan kaโe ABOn Konyaa Victoria akka nurraa eegamutti deeggarsa yaadaafi dinagdee gumaachuuf waadaa seenna. Adda Bilisummaa Oromoo fi Kongiresii Federaalistii Oromoo waliin gamtaan kan dhaabbannu yoo taโu, jalqabbii fi murteewwan walgaโii waloo kana irratti waliigalaman akka milkaaโan gochuu keessatti gahee keenya baโachuuf kutannee jirra.
Hawaasa Oromoo keessaas taโee alaas qooda fudhattoonni hundinuu haqa, walqixxummaa, fi guddinaaf tattaaffii waloo kana akka deeggaran waamicha goona.
ABO Konyaa Victoria
Guraandhala 28, 2025
ABO fi KFO: Furmaata Nageenyaa Oromiyaa

Kora Waliinii irratti Ibsa Waloo ABO fi KFO irraa Kenname.
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Jila jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa wajjiin taanee rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiruu fi jiruuf-jireenya ummataa irratti danqaa taโerratti yaada furmaataa barbaachuuf marii taasisneerra. Mariin godhames baatii lamaa ol kan lakkoofsise yoo taโu, hangaa guyyaa Guraandhala 18, 2025tti mariiwwan xixxiqqoo hedduu gochaa turuun gaafa guyyaa Guraandhala 19, 2025 hanga Guraandhala 22, 2025tti kutaa hawaasa Oromoo garaa garaa ofitti dabaluun Magaala Finfinnee Hoteela Ililliitti guyyaa afuriif kora guddaa geggeessineerra. Koricharrattis rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiru fi rakkoolee adda addaa furuuf waliigalteerra geenyee, wantota hedduu nageenya Oromiyaa fi Oromoo waliin walqabatan irratti mootummaa waliin walii galteerra gaโuun akka dandaโaamu hubannee mootummaa waliin mariโachuuf qophiilee barbaachisoo gochaa jirra.
Kaayyoon ijoo marii kanaa rakkina nageenya Oromiyaa keessa jiru furuudhaaf qaamota waraana irra jiran waraana dhaabuun rakkina jiru karaa nagaa furuuf irratti hojjachuu dha. Dhimma ijoo nagaa waaraa buusuu kana waliigaltee fi murtii Kora Walinii Guraandhala 22, 2025 ibsame karaa miidiiyaa hawwasummatiin qoodame hordoofe midiyaaleen garaa garaa akeeka fi kaayyoo marichaan ala hikkaa adda addaa itti kennuun ibsuu isaanii hubachuun ibsa balโaa sirrii taโe sabahimaalee garaa garaatiif kennun barbaachisaa tahe mulโateera.
Akka kanaan kaayyoo ijoo marii Kora Waliinii:
1. Egeree ummata Oromoo fi naannoo Oromiyaaf yaadessaa kan tahe mariโaatanii karaa nagaa fi sabatiinsa qabuun furuu akka taโu cimsinee hubachiifna.
2. Gaaffilee ummata Oromoo ilaalchisee kanneen bakka adda addaatti kakaโan hunda Mootummaa fi qaamootni dhimmi ilaallatu waliin marii gochuun furmaata kan argatan taโuu beeksifna.
3. Rakkoolee jiraniif gaaffilee deebii barbaadaniif karaa nagaatiin furmaata akeekuun erga mariโatamee booda yaadni furmaataa irratti waliigalame hojiitti hiikama.
4. โNageenyi furmaata hundaatiโ jennee waan amannuuf, marii fi sochiin amma eegalame qaama nageenya kanaa taโuu beeksifna; kanaan walqabatee sochii jalqabame kana gufachiisuuf carraaqqiin godhamuu fi ololli adeemsifamu kamuu irratti hirmaachuu irraa qaamootni adeemsa nagaa kana keessatti qooda fudhachaa jiran hunduu of qusatuu fi qoqqobuudhaan kaayyoo nageenyaaf tumsa barbaachisu akka godhan cimsinee hubachiifna.
Haala qabatamaa nageenyaan wal qabatee Oromiyaa keessatti adeemaa jiru buโuura godhachuudhaan qaamni dhimmi isaa ilaallatu hundi tumsa yoo godhe nageenyi waaraan dhufuu waan dandaโuuf barbaachisummaan Kora Waliinii Oromiyaa keessatti nagaa buusuuf qabu olaanaa akka taโe ABO fi KFOโn guddaa itti amanu. Kanarraa kaโuun, ejjennoon Waloo Kora Waliinii ABO fi KFO akka armaan gadiitti ibsamaniiru:
1. Nageenya waarawaa Oromiyaa keessatti fiduuf qaamni dhimmi ilaallatu hunduu furmaata kennamuuf hojii hojjatamu tumsuu qaba.
2. Qaamonni Oromiyaa keessatti kan wal waraanan waraana dhaabuun rakkina jiru karaa nagaan furuuf jecha hojii hojjatamu qaban keessatti qooda irraa eegamu bahachuuf dirqama ofitti fudhachuu qabu.
3. Olaantummaa Seeraa kabachiisuu keessatti qaamoleen dhimmi ilaallatu hunduu qooda irraa barbaachisu bahachuun nagaa buusuuf hojjachuun dirqama hundaa tahuu hubachiifna.
4. Dhimma nageenya Oromiyaa fi dhimmoota adda addaan walqabatee, dhimmoonni mootummaa waliin irratti walii galuun dandaโamu hedduun waan jiraniif, mootummaa waliin atattamaan mariitti seenuu irratti hojjatamaa jiraachuu hubachiifna.
5. Paartileen Siyaasa ABO fi KFOโn dhimma nageenya Oromiyaa irratti mootummaa waliin mariihatuun furmaataa waaraa argamsiisuuf hojjatna.
6. Mariin kun yoom, eessatti fi akkamitti akka eegalu dursa qaamota sadan jiddutti waliigaltee taโuun mariโatamuun kan murtaaโu taโa.
7. Rakkoo fi garaagarummaa siyaasaa qabnu kamiyyuu mariidhaan hiikuun barbaachisummaa inni nageenya ummata keenyaaf kan qabu tahutti amanna.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Waliigaltee Kora Waliinii: Furmaata Rakkoolee Oromoo

RAKKOON OROMOO OROMOODHAAN FURMAATA ARGATA!
Waliigaltee “MARII KORA WALIINII” jila Jaarmayaalee hawaasaa Oromoo adda addaa fi jaarmayaalee siyaasaa Oromoo ABO fi KFO ilaalchisee ibsa deggarsaa fi ejjennoo miseensota ABO Tibba kana jilli jaarmayaalee hawaasaa Oromoo fi jaarmayaalee siyaasaa Oromoo(ABO fi KFO) marii kora waliinii Gurraandhala (19 -22) bara 2025 guyyoota afuriif taasisaniin murtoolee gurguddoo dabarsuun milkiin goolabuu isaanii ibsaniiru.
Nuyi miseensonni fi deggartoonni ABO biyyaa keessatti argamnu , mariin kun ajandaa Oromoo fi lammiilee Oromiyaa qabatee bahuun waliigaltee irra gahuu isaa fi milkiin xumuramuu isaa gammachuu guddaan simanna.
Addi Bilisummaa Oromoo rakkoon siyaasaa biyya kanaa karaa nagaan furamee sirni ummataa akka diriiruuf tattaaffii walirraa hin citne taasisaa tureera. Har’as nagaan waaraan akka dhufuuf rakkoon siyaasaa dursa furamuu akka qabu jabinaan hojjechaa jira. Waligalteen marii kora waliinii kunis kanuma mirkaneessa.
Haaluma kanaan nuti miseensonni fi deggartoonni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waliigaltee kora waliinii deggaruun ejjennoo keenya akka armaan gadiitti ibsanna:
1) Rakkoolee ulfaataa fi walxaxaa ummati Oromoo keessa jiru furmaata itti soquuf waliigaltee kora waliinii jaarmayaalee hawaasaa Oromoo fi jaarmayaalee siyaasaa Oromoo(ABO fi KFO) ni deggarra.
2) MOOTUMMAA CEHUMSAA WALOO korri waliinii labse kana lafarratti dhugoomsuuf yeroo kamiyyuu caalaa jabaannee ni hojjenna.
3) Ummati Oromoo fi lammiileen Oromiyaa MOOTUMMAA CEHUMSAA WALOO OROMIYAA qaamota dhimmi ilaalu hunda hammataa tahee labsame ofitti fudhachuun dhugoomsuuf deggarsa barbaachisu akka taasisan dhaammanna.
4) Waliigaltee marii kora waliinii kana gufachiisuuf biyya keessaa fi biyya alaa irraa olola sobaa facaasaa kan jiran gochaa isaanii kanarraa akka dhaabbatan akeekkachiifna.
5) Osoo hin beekiin, olola sobaa karaa miidiyaa garagaraa deemaa jiruun afaanfaajjii keessa seentanii kan waahila gufachiistotaa taatanii jirtan irraa deebitanii , rakkoo ummataaf dursa kennuun ABO fi KFO bira dhaabbachuun Mootummaa Cehumssa Waloo dhugoomsuuf akka hojjettan waamicha isiniif taasifna.
Injifannoon ummata Oromoof!
Miseensota fi deggartoota Adda Bilisummaa Oromoo
ABO) biyya keessaa!
Gurraandhala 25/2025
Finfinnee, Oromiyaa
ABO fi KFO: Murteelee Kora Waliinii Guraandhala 2025

Ibsa Deggersaa Kora Waliinii (Joint Conference) ABO fi KFOn qindeeffame fi murtiilee fudhataman ilallata
Jaarmiyaan ABO Caasaa biyya alaa waggoota soddomaa oliif sochi Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuf lafee dugdaa taโuun daddaaqaminsa isa mudatan hunda irra aanee hanga harratti hamileen deggersa wal irra hin citne gochaa jiraachuun ifaa dha.
Caasaan kun addatti baroota jahan darban keessa balaa fi rakkoo ala kanatti itti aggaammatame hanga dhabamsiisutti itti duulame dandamatuu irra darbee haala danqaa Dhaaba keenya guddicha ABO biyya keessatti mudateen kan kaโe yeroo sochiin heddun biyya keessatti uggurametti itti fufinsa hoji Jaarmiya mirkaneessuun dandamachiisee bakka harra jirruun gaโuu keessatti shoora olaana taphateera.
Kanumaan wal qabatee haala rakkisa taโe keessatti Hojii Hogganni ABO biyya keessatti hojjeetu qabeenyaan, beekumsaan, hamilee fi bifa hundaan deggeeruu dhan sochii mumullatoo Dhaabichi biyya keessatti godhuuf utubaa taโe hojjetas jira.
Sochillee taasifaman keessaa Kora waliinii ABOn waaโillaan isaa kanneen akka KFO fi bakka buโoota Jaarmayoota Hawaasummaa, Amantii fi Aada Oromoo guutummaa biyya Oromoo keessa jiran qindeessuun maree ballaa Guraandhala 19 hanga Guraandha 22, 2025 tti geggeesse boonsaa dha. Haala Kanaan wal qabatee murteelee Korri kun egeree QBO fi Ummata Oromoofis murteessoo taโan irratti fudhate Caasaan keenya deggersa guutuu akka kennuuf murtee dabarfachuu isaa asumaan ifa goona.
As irratti hojiilee buโuraa hojjetaman fi itti fufinsaanis deggersa barbaadan tilmaama keessa galchuuf hubannootni nu gargaaran jannu qabxiilee armaan gadiiti.
โข ABOn haala marfamaa fi akkaan rakkisaa taโe keessatti baroota jahan darbaniif hidhaa fi ajjeechaa keessumsiisaa hojii Qabsoo karaa Siyaasaa, Diplomasii fi ijaarsa Jaarmiyaa Hawaasaa baballisuun Waltajii Kora Waliinii amma argine kana mirkaneesuun waan dinqiisifamaa taโuu hubatne
โข Korri bakka buโuoota Haawaasaa tasifame kun itti bahinsa ifaajjii hojii bara dhiphinnaa keessttille utuu hin nuffamiin taasifame taโu hubannoo keessa galchine.
โข Hojiin Siyaasaa fi Hawaasummaa Daandi Qabsoo Karaa Nagaan taasifamu adda durumaan Ummata Oromoo qaqqabuu fi dubbisuu, gurmeessu, hubachisuu fi Kayyoo jalatti hiriirsu waan taโeef haala rakkisaa taโe kana keessatti sochi ABOn Ummata isaa qaqqabuuf taasiisee fi gaaddisa maree tokko qophheesuun hanga waltajji maree gudda kana qindeessutti itti milkaawe kun waan nama boonsuu fi abdachiisu waan taโeef
โข Murteeleen amma fudhataman hojii irra ooluuf sochii taasifamu keessatti wareegama jiraachu malus beeknee sanaaf of qopheessuuf alaa fi keessaan tokkummaa qabsaaโootaa tikfanne qindoominaan akka hojjennuuf wal dhagahuun murteessaa taโuu hubannee.
โข Nagaa fi Tasgabbiin Oromiyaa keessatti uumamuu qabu buโura hunda keenyaa taโee sochi siyaasaa sana booda taasifamuufis biyya nagaa qabu keessa sochoโomee rakkoolee dhawaataan hiikamu malan irratti hojjeechuun yoomu adeemsa hin dhaabbanne taโu hubannee:
Murtiilee Korri Waliigalaa ABO, KFO, fi Jila bakka buโootaa Jaarmiyaale Hawaasumma Oromoo, Jaarmiyale Amanti, Aaadaa Oromoo fi kkf waliin taโun dabarfate qabeenyaan, beekumsaan, Humna namaa ti fi Hamileen guutummatti ni deggerra. Adeemsa murtiile kana dhawaatan hojiirra oolchuuf taasisamus bifuma kanaan deggersa guutu akka kenninuuf irra deebine ifa goona.
Haala kana keessatti deggertootni, mararfattootni ABO fi Sabni Oromo waliigalaa afaan-Faajji Media halagaa irraa bifa duulaatiin ABO irratti deemaa jiruuf akka gurra hin kennine hubaachisaa yaaddoo fi yaada qabdaan Caasaa ABO nannawa keessanii ykn kan qunnamtiif isiniif mijjatu qaqqabuun akka gaafattan dhaamna.
Qabsaaโootni fi Jaarmiyaaleen Oromoo bifa adda addaanis qabsootti jirtan daandii ABOn fudhate yoo isiniif hin taanelleen murtee Jaarmiya kanaa kabajjanii balaalleffannaa fi arrabsoo hin feesisne keessa galtani halagaaf karaa banuun fafa waan taโeef akkuma ABOn adda addumma isin waliin qabu isiniif kabajjetti isinis murte Jarmiya keenyaa kabajuun safuu Oromoo akka eegdan isin yaadachiisna.
Waluma galatti murteeleen fudhataman ulfaatoo waan taโaniif hojii irra oolchuu irratti gufuun hedduun akka mudatu beekamaa dha. Gaaffiin sammuu haawaasa Oromoo keessa deemaa jiruus akkataa hojii irra oolma (Implementation) murteele kanaa taโun Dhaaba Keenyaaf akka gaaritti hubatammaa dha. Akkuma Oromoon makmaakutti โAbjuu Sodaatanii hirriba hin lagatanโ jedhamu waan taโeef murteen Qabsoo keessatti fudhatamu buโurri isaa Dantaa fi Egeere Saba Oromof siirri taโuutu ilaalama malee gufuulee akkamiitu nu mudata inni jedhu hin dursu.
Kanaaf deggersa barbaachisu kennaa Dantaa Saba Oromoo fi Biyya Oroomoof murteesso taโan bakkan gaโunn dirqamaa fi itti bahinsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuti waan taโeef Hojii fi murteelee dhaaba keenya yoomu ni deggerra.
Injifatnoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo โ Casaa Biyya Alaa
Guraandhala 24, 2025
Guddina Ummata Oromoo: Hiree fi Walii Galaantummaan

Konfaaranseen waloo ABO (Adda Bilisummaa Oromoo) fi KFO (Kongiresii Federaalaa Oromoo) gidduutti taaโame, hireen barootaaf dhoggamee ture, garuu kan saboota akka Oromoo seera looogii fi cunqursaa jalatti hiraarfamaa turaniif karaa fayyinaa taโuu dandaโuu dha. Hireen kun, jaarraa hedduu keessatti eegamaa ture, kan ummata Oromoo bilisummaa, nagaa, fi mirga ofii ofii murteeffannaa argachuuf gumaacha guddaa taโuu dandaโa. Garuu, milkiin argame akka laayyootti ilaalamuu miti; haala qabsoo fi dhimma baayโee barbaachisaa taโe keessatti eegumsa guddaa fi tattaaffii sirrii taโuu qaba.
Sababoota Hiree Kanaatti Advocacy for Oromia Deeggaree Jiru:
- Ummata Oromoo Bilisummaaf: Hireen kun ummata Oromoo bilisummaa fi mirga ofii ofii murteeffannaa argachuuf gargaarsa guddaa taโuu dandaโa. ABO fi KFO walii galuun, qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti mormii fi walqoodinsa dhabuu dandaโa.
- Nagaafi Heera Oromiyaa: Hireen kun nagaafi heera Oromiyaa keessatti gumaacha guddaa taโuu dandaโa. Walii galaantummaan ABO fi KFO, dhimma nagaa fi heera Oromiyaa keessatti tattaaffii waliin hojjechuuf dandeettii uumu.
- Seera Looogii fi Cunqursaa Dhabamsiisuu: Ummata Oromoo seera looogii fi cunqursaa jalatti hiraarfamaa ture. Hireen kun seera looogii fi cunqursaa dhabamsiisuuf karaa banuu dandaโa.
- Gadaa fi Siinqee: Hireen kun aadaa fi seenaa Oromoo, akka Gadaa fi Siinqee, deebisuuf gargaarsa taโuu dandaโa. Kunis, ummata Oromoo aadaa fi seenaa isaa keessatti of ijaaruuf gargaara.
- Misooma fi Mirga Ummataa: Hireen kun misooma fi mirga ummata Oromoo kabachiisuuf gargaarsa guddaa taโuu dandaโa. Kunis, ummata Oromoo mirga ofii ofii murteeffannaa kabachiisuuf gargaara.
Haala Milkiifachuuf Eegumsa Guddaa Qaba:
- ABO fi KFO Walii Galaantummaa: ABO fi KFO walii galaantummaan tattaaffii hojjechuun milkiifachuu dandaโa. Walii galaantummaan kun, qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti mormii fi walqoodinsa dhabuu dandaโa.
- Ummata Oromoo Waliin Hojjechuu: Ummata Oromoo waliin hojjechuun milkiifachuu dandaโa. Kunis, ummata Oromoo hiree kana keessatti hirmaachuuf gargaara.
- Mootummaa Federaalaa fi Oromiyaa Waliin Hojjechuu: Mootummaa Federaalaa fi Oromiyaa waliin hojjechuun milkiifachuu dandaโa. Kunis, dhimma nagaa fi heera Oromiyaa keessatti gumaacha guddaa taโuu dandaโa.
- Deeggarsa Aanaa fi Addunyaa: Deeggarsa aanaa fi addunyaa argachuun milkiifachuu dandaโa. Kunis, qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gargaarsa guddaa taโuu dandaโa.
Dhimma Advocacy for Oromia:
Advocacy for Oromia hiree guddaa ummata Oromoof baname kana deeggaree jira. Kunis, hireen kun ummata Oromoo bilisummaa, nagaa, fi mirga ofii ofii murteeffannaa argachuuf gargaarsa guddaa taโuu dandaโa. Advocacy for Oromia hiree kana deeggaree jiraachuun, qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gumaacha guddaa taโuu dandaโa.
Yaada Xumuraa:
Konfaaranseen waloo ABO fi KFO gidduutti taaโame, hireen barootaaf dhoggamee ture, garuu kan saboota akka Oromoo seera looogii jalatti hiraarfamaa turaniif karaa fayyinaa taโuu dandaโa. Hireen kun, ummata Oromoo bilisummaa, nagaa, fi mirga ofii ofii murteeffannaa argachuuf gargaarsa guddaa taโuu dandaโa. Garuu, milkiin argame akka laayyootti ilaalamuu miti; haala qabsoo fi dhimma baayโee barbaachisaa taโe keessatti eegumsa guddaa fi tattaaffii sirrii taโuu qaba. Advocacy for Oromia hiree guddaa ummata Oromoof baname kana sababoota kanaaf sagalee guutuun deeggaree jira.
Yaada Furmaataa Marii Waliinii Oromoo

Marii balโaa kana keessatti, haala siyaasaa, waraanaa, fi jireenya ummata Oromoo irratti danqaa taโe kan ilaalan yaada furmaataa barbaaduu fi waliigaltee ABO fi KFO wajjin dhimma baayโee murteessaa taโan irratti marii gaggeeffameera. Haala amma Oromiyaa keessa jiru fi rakkoolee ummata Oromoo irratti raawwatan ilaalchisee gadi fageenyaan hubachuu fi furmaata argachuu irratti xiyyeeffannoo kennamuu isaa ibsa. Kana keessatti, dhimmiwwan murteessaan akka armaan gaditti ibsamu:
- Nagaa Buusuu fi Nagaa Tiksuu: Ummata Oromoo haqaa fi bilisummaa isaa akka argatu, waraanni Oromiyaa keessaa dhaabatee nagaan akka buโuu, fi nageenyi ummataa haala amansiisaa taโeen akka tikfamuu qabu waliigaluun ABO fi KFO irratti amaanaa kennamuu isaa mirkaneessuun, rakkoo siyaasaa fi bulchiinsaa Oromiyaa keessatti jiruuf furmaata maayii akka kennu fi Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa akka hundeessan ibsuun, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) nagaa amansiisaa Oromiyaa keessatti buusuuf qooda olaanaa akka qabu amanuu isaa mirkaneessuun, ABO fi KFO akka qindeessanii fi guutaniif amaanaa itti kennamuu isaa ibsuu.
- Rakkoo Magaalaa Finfinnee fi Daangaa Oromiyaa Furuu: Magaalaan Finfinnee seenaanis taโe seeraan qabeenya ummata Oromoo fi Magaalaa guddoo Oromiyaa akka taate guutummaatti amanuu fi daangaaleen Oromiyaa karaa adda addaatiin irraa ciccitanii mootummaa naannoolee adda addaa Oromiyaa daangessan keessatti akka hafanii jiran amanuu, ABO fi KFO itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii seera addunyaa fi seera biyyi qabdu irratti hundaaโuun akka Oromiyaa keessatti dachaasan amaanaa itti kennamuu isaa ibsuu.
- Tokkummaa fi Ijaarsa Ummata Oromoo Cimsuu: Sirni Gadaa/Siinqee hundee tokkummaa fi ijaarsa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, aadaa fi nageenya Oromootiif qabaachaa ture sirriitti hubachuu, ABO fi KFO sirni Gadaa/Siinqee kun gadi fageenyaan qoratamee, ummata wajjin marii balโaan taasifamee haaromsi jaarraa keessa jirru wajjin walmadaalu itti taasifamee sirna Oromoon itti bulu akka taโuu dandaโu waan barbaachisu hunda akka taasisan amaanaa itti kennamuu isaa ibsuu.
- Mirga Sabaa fi Sab-lammoota Oromiyaa Keessa Jiraatan: Sirni Gadaa ummatni Oromoo akkamitti akka kanneen Oromoo hin taane wajjin kabajaa fi michummaan jiraatamu haalaan kan barsiisee fi muuxannoo itti qabu taโuu isaa hubachuu, ABO fi KFO haala ummatni Oromoo sabaa fi sab-lammootni sodaa tokko malee mirgi isaanii guutummaatti kabajamee wajjin jiraatamuu dandaโu irratti hojjatanii fi dhugoomsan amaanaa itti kennamuu isaa ibsuu.
- Hariiroo Mootummaa Oromiyaa fi Mootummaa Federaalaa Jidduu Jiraachuu Qabu: Mootummaa Federaalaa keessatti olaantummaan seeraa kabajamaa akka hin jirre, ummatni Oromoo akka baayโina isaa fi gumaacha isaatti jaarmiyaalee mootummaa Federaalaa keessatti bakka buโumsa akka hin qabne, walabummaan dhaabbattoota (institiyuushiinii) kanneen akka Mana Murtii, Polisii Federaalaa, Humna Ittisa Biyyaa fi kkf akka hin jirre, qabeenya waloo Federaalaatti gaheen ummata Oromoo xiqqaa taโuu hubachuu, ABO fi KFO wantota daddaban kana haala sirreessuu fi dantaan ummata Oromoo mootummaa Federaalaa keessatti kabajamuu qabu irratti itti gaafatamummaan akka hojjatan amaanaa itti kennamuu isaa ibsuu.
Dhuma irratti, jilli hawaasa Oromoo adda addaa kora waliinii kana irratti argamne waadaa ABO fi KFO amaanaa itti kennamuu akka seeraa fi sirnaan raawwatan deggersa nu irraa barbaadamu hunda kennuuf waadaa seenneerra.
Marii Waliinii Oromoo: Furmaata Rakkoolee Siyaasaa

Waliigaltee Marii Kora Waliinii
Jilli jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) rakkoolee siyaasaa fi waraanaa Oromiyaa keessa jiruu fi jiruuf-jireenya ummataa irratti danqaa taโe irratti yaada furmaataa barbaaduuf Gurraandhala 19, 2025 kaasee hanga Gurraandhala 22, 2025tti guyyoota afuriif marii balโaa Hoteela Ililliitti taasifneerra.
Marii taasifame kana keessatti haalli amma Oromiyaa keessa jiruu fi ummatni Oromoo itti jiru haala lubbuun namaa guyya guyyaan itti badaa jiru, haala namni hojjatee jiraatuu itti dadhabe, haala ummatni wabii jireenyaa itti dhabee waan godhu wallaale keessa jiraachuu isaa gadi fageenyaan hubachuu dandeenyeerra.
Ummata Oromoo rakkoolee fi danqaa hamaa kana keessaa baasanii nagaa waaraan akka buโuu dandaโuuf akka armaan gadiitti irratti waliif galleerra.
1. Nagaa buusuu fi nagaa tiksuu ilaalchisee
a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne ummatni Oromoo haqaa fi bilisummaa isaa dhabee erga Sirna Naafxanyaa jalatti kufee kaasee hanga harโaatti qeโeen isaa akka nagaa dhabee fi jeequmsa keessa akka jiru hubannee; nagaa waaraa jiruu fi jireenya ummataatiif barbaachisu buusuuf bilisummaa fi haqi ummata Oromoo sarbame guutummaatti deebii argachuu akka qabu amannee; waraanni Oromiyaa keessaa dhaabatee nagaan akka buโuu fi nageenyi ummataas haala amansiisaa taโeen akka tikfamuu qabu waliigaluun dhimma kana ABO fi KFOn dirqama ofitti fudhatanii wantoota humni isaanii dandaโe hunda akka raawwatan amaanaa itti kennanneerra.
b. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne rakkoo siyaasaa fi bulchiinsaa Oromiyaa keessa jiraniif furmaata maayii kennuun barbaachisaa akka taโe hubannee ABO fi KFOn, ummatni Oromoo mootummaa isaa haala dimokratawaa fi bilisa taโeen hanga filatutti akkasumas tajaajila ummataa barbaarbachisu kan kennu Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa, Paartilee Oromiyaa fi qaama dhimmi ilaallatu hunda hammate yeroo murtaaโeef akka hundeessan amaanaa itti kennanneerra.
c. Jilli Jaarmayaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n nagaa amansiisaa Oromiyaa keessatti buusuuf qooda olaanaa akka qabu amanuun, ABO fi KFOn waraanni kun bulchiinsa siyaasaa Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa hundeeffamu jalatti itti gaafatamummaa fudhatee seera, nagaa fi dangaa Oromiyaa akka tiksuu dandaโu haala barbaachisaa akka qindeessanii fi guutaniif amaanaa itti kennanneerra.
2. Rakkoo Magaalaa Finfinnee fi Daangaa Oromiyaa furuu ilaalchisee
a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Magaalaan Finfinnee seenaanis taโe seeraan qabeenya ummata Oromoo fi Magaalaa guddoo Oromiyaa akka taate guutummaatti amanuun Magaalaan kun itti waamamni ishii akka mootummaa Oromiyaatiif taatu ABO fi KFOn itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii akka mirkaneessan amaanaa itti kennanneerra.
b. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Walloo, Dirre Dawaa, Matakkal, Moyyaalee, Madda Walaabuu fi kkf dabalatee daangaaleen Oromiyaa karaa adda addaatiin irraa ciccitanii mootummaa naannoolee adda addaa Oromiyaa daangessan keessatti akka hafanii jiran amanuun ABO fi KFOn itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii seera addunyaa fi seera biyyi qabdu irratti hundaaโuun akka Oromiyaa keessatti dachaasan amaanaa itti kennanneerra.
3. Tokkummaa fi Ijaarsa ummata Oromoo cimsuu ilaalchisee
a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Sirni Gadaa/Siinqee hundee tokkummaa fi ijaarsa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, aadaa fi nageenya Oromootiif qabaachaa ture sirriitti hubannee ABO fi KFOn sirni Gadaa/Siinqee kun gadi fageenyaan qoratamee, ummata wajjin marii balโaan taasifamee haaromsi jaarraa keessa jirru wajjin walmadaalu itti taasifamee sirna Oromoon itti bulu akka taโuu dandaโu waan barbaachisu hunda akka taasisan amaanaa itti kennanneerra.
4. Mirga Sabaa fi Sab-lammoota Oromiyaa keessa jiraatan ilaalchisee
a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Sirni Gadaa ummatni Oromoo akkamitti akka kanneen Oromoo hin taane wajjin kabajaa fi michummaan jiraatamu haalaan kan barsiisee fi muuxannoo itti qabu taโuu isaa hubachuun fuulduras ABO fi KFOn haala ummatni Oromoo sabaa fi sab-lammootni sodaa tokko malee mirgi isaanii guutummaatti kabajamee wajjin jiraatamuu dandaโu irratti hojjatanii fi dhugoomsan amaanaa itti kennanneerra.
5. Hariiroo Mootummaa Oromiyaa fi Mootummaa Federaalaa Jidduu jiraachuu qabu ilaalchisee
a. Jilli Jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo adda addaa irraa walgahii kana irratti argamne Mootummaa Federaalaa keessatti olaantummaan seeraa kabajamaa akka hin jirre, ummatni Oromoo akka baayโina isaa fi gumaacha isaatti jaarmiyaalee mootummaa Federaalaa keessatti bakka buโumsa akka hin qabne, walabummaan dhaabbattoota (institiyuushiinii) kanneen akka Mana Murtii, Polisii Federaalaa, Humna Ittisa Biyyaa fi kkf akka hin jirre, qabeenya waloo Federaalaatti gaheen ummata Oromoo xiqqaa taโuu hubannee ABO fi KFOn wantota daddaban kana haala sirreessuu fi dantaan ummata Oromoo mootummaa Federaalaa keessatti kabajamuu qabu irratti itti gaafatamummaan akka hojjatan amaanaa itti kennanneera.
Nuti jilli hawaasa Oromoo adda addaa Kora Waliinii kana irratti argamne
1. Jila Waltajjii Qabaa Abbootii Gadaa Oromiyaa (Hojimaata Gumii Abboota Gadaa Oromoo),
2. Jila Yaaโii 1966 (Waldaa Maccaa fi Tuulamaa),
3. Jila Irkoo 1976, (Hojimaata Idilee Addaa Duraanii)
4. Jila Yaaโii Ganyaa Harooreessaa (Haadha Siinqee),
5. Jila Abbaa Dhugaa (Hojimaata Abbaa Muudaa/Ayyaantuu ),
6. Jila Wayyooma Anaajinaa (Hojimaata Dirree Sheek Huseen)
7. Jila Wayyooma Soof Umar (Abbaa Murtii),
8. Jila Nagummaa Dambii (Hojimaata Sayidii Alfaqii /Yaaโa Danbii)
9. Jila Jaarroollee Biyyoolessaa Oromiyaa, (Bakka buutota Lammiilee Oromiyaa),
10. Jila Og-afaanii (Hayyoota Yunivarsitii),
11. Jila Teessoo Magarsaa Badhaasaa (Hojimaata Qulqulluu Sinodoosii Oromiyaa Teessoo Pheexiroos)
12. Jila Waldaa Makaana Iyeesuus Itoophiyaa (Jila Sadaasa 24, 2023),
13. Jila Dhugeeffannaa Uumaa (Dhaabbata Hordoftoota Amantaa Waaqeffannaa)
14. Jila Yuuba 1ffaa (Dhimmoota Mirga Namoomaa fi Sivilii Oromoo)
15. Jila Waahilan Waltajjii (Yuba 4ffaa),
16. Jila Yaaโaa Haaromsa Finfinnee (Hawaasa Finnaa Finnee)
Dhuma irratti Jilli Guula Waliinii ABO fi KFO amaanaa itti kenname kana akka seeraa fi sirnaan raawwatan deggersa nu irraa barbaadamu hunda kennuuf waadaa seenneerra.
Jila Jaarmiyaalee Hawaasaa Oromoo fi Jaarmiyaalee Siyaasaa Oromoo ABO fi KFO
Gurraandhala 22, 2025
Finfinnee