
Jilli Godaansa Gadaa Oromoo Tuulamaa Odaa Nabeetti Faajjiifi Birbirsa dhaabuun sirna araaraa gaggeesse.
Jilli kun ilmaan Oromoo Tuulama sadeenii Daaccii, Bachoofi Jiille warreen miseensa Gadaa Muudanaatiin kan taasifamu yoota’u, guyyootaaf deemsa gara Odaa Nabeetti taasisan raawwachuun guyyaa har’aa Faajjiifi Birbirsa dhaabuun sirna araaraa erga raawwatanii booda korma qalanii bilachuun qophii godaansa gara Caffee Tumaa taasisan.
Sirna araaraa kanaan waldhabdee gosoota gidduu turan ilaaluun araara gaggeessan. Araara kanaan sirna gumaa kennuufi fudhachuu gosoota gidduu hiikanii, furmaata waaraa dhibdeewwanii turaniif kennameera.
Godaansi kun itti fufuun, Caffee Tumaatti wixinee seeraa baasu. Seerri kun kan Muudanni ittiin waggoota saddeettan dhufaniif bulchudha. Bu’uuruma kanaan seera haaraa baasuufi kan ture fooyyessuun, miseensonni Muudanaa seera bahe fudhatanii gara qe’eefi gosa isaanitti deebi’uun, Bultoo Bulanii miseensota gadaa hafaniifi ummata bal’aaf seera bahe dhaqqabsiisu.
Ummannis seera bahe gabbisuun, waan dabalamu qabuufi waan hir’achuu qabu erga dhiyeessaniin booda, waggaa tokko booda muudanni gara Caffee Tumaa deemuun seera raggaasisa. Seera raggaasifame kanaan, miseensi Gadaa Muudanaa yemmuu Baallii fudhatu, waggoottan saddeet dhufaniif ittiin kan bulchuudha.

Mootummaan gama aadaa, duudhaa, beekumsaa Oromoo dagaagsuu ilaalchisee tarkaanfii addaa addaa fudhateera. Hojiilee dursee raawwate keessaa tokko galmoota gulantaa qabsoo ummata Oromoo madaalan bocuu ture. Galmoonni sabboonummaa gochaatin ibsaman keessaa tokko “sirna cimaa ijaaruu”dha.
Galmi kun gama tokkoon aadaa (seenaa, duudhaa, safuufi eenyummaa) ummata Oromoo bu’uura kan taasisuu yoota’u, sagantaaleen kamuu yaadamuma kana hordofanii kan bocamanidha. Jalqabbii tureen yaadamoonni aadaa ummata keenyaa irraa sirnoome milkaa’inoota qabatamaa hedduuf ka’umsa ta’aniiru. Fuldurattis Mootummaa dhimma eenyummaa, aadaafi qaroomina ummata eeguufi dhaloota dhufutti ceesisuu ilaalchisee deeggarsafi ittigaafatamummaa kamuu kan bahatuudha.
Gogeessi Muudanaa quufafi eebbaa!
Gadaafi sirni isaa guutuudha!
