Oromtittii 2025: Ijaarsi Walitti Dhufeenya Dubartoota Oromoo

Guyyaan Oromtittii Ebla 5, 2025 Australia,Victoria bakka Braeside Park jedhamutti haala hedduu miidhagaa fi gammachiisaa ta’een kabajame.

Kaayyoon ayyaanichaa dubartoota Oromoo karaa hedduun ba’aa maatii battachuun jaalalaa fi kabajaan aadaan Oromoo akka eegamu godhaniif galata galchuu akka ta’e Dura Taa’aa Hawaasa Oromoo Melbourne Ob Alemayehu Qubee ibsaniiru.

Sirna guyyaa Oromtittii kana irratti dubartooti Oromoo fi ijoolleen Oromoo uffannaa aadaa Oromoon miidhaganii kan hirmataan yoo ta’u, hiree kanaanis walitti dhufeenyi gidduu isaanii jiru akka jabbatu kan taasifame ta’uun hubatameera.

Ka’uumsi yaada kanaa hirmaannaa dubartootni Oromoo hawaasa Oromoo keessatti qabaniin ofii miidhamanii milkiilee isaa argamsiisaniif (jiruu fi jireenya hawaasummaa keessatti, daa’imman aadaa fi dhuudhaa Oromoo akka guddatan gahee olaanaa qabaniif akkasumas dhalootni labata akka darbuuf wareegama ulfaataa isaan baasanii fi kkf) beekmtiin kennamee galateeffachuu dha.

Leave a comment