Daily Archives: March 5th, 2025

Abbaa Gadaa 72ffaa: Sirna Walharkaa Fuudhinsa Baallii

”Misoomaafi nageenya hawaasaa mirkaneessuurratti xiyyeeffannoon hojjanna”, – Abbaa Gadaa Booranaa 72ffaa Guyyoo Boruu

======

[Bitootessa 6, 2025]- Sirni walharkaa fuudhinsa baallii Gadaa Booranaa haaromsaan boodaa 72ffaa Gadaa Fullaasaafi Gadaa Mardiidaa gidduutti Godina Boorana Bahaa Aanaa Areeroo Ardaa jilaa badhaasaatti gaggeeffamaa jira.

Abbaan Gadaa 71ffaa Kuraa Jaarsoo bara Gadoomasaanii xumuruun Abbaa Gadaa 72ffaa Guyyoo Boruutiif baallii Gadoomaa dabarsuuf sirnoonni garaagaraa raawwatamaa jira.

Abbaan Gadaa Booranaa haaromsaan boodaa 72ffaan Guyyoo Boruu gulantaalee Gadaa hunda keessa darbuun gulantaa gadoomaarra gahuusaanii ibsuun, yeroo ammaa sirnoota aadaa hunda raawwachuun wal harkaa fuudhiinsa baallii irratti akka argaman himaniiru.

Bara gadoomasaanii dhimmoota faayidaa hawaasaa mirkaneessan hundarratti kan hojjatan ta’uu eeranii, misoomaafi nageenyi dhimmoota xiyyeeffannoon irratti hojjataman ta’uu hubachiisaniiru.

Sirni Gadaa bu’uura dimokiraasii addunyaa ta’e cimee akka itti fufu, aadaan wal dhaggeeffachuufi wal hubachuu dagaaguun tokkummaan hawaasaa akka cimu, safuufi safeeffannaan cimuun dhaloonni aadaafi duudhaasaa beekee ittiin akka buluuf kan hojjatan ta’uus ibsaniiru. Kallacha Oromiyaa.