Murteewwan Walga’ii: Ibsaa fi Yaada ABO Konyaa Viktooriyaa

Nuti miseensonni ABO Konyaa Viktooriyaa adeemsa walga’ii waloo Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongiresii Federaalistii Oromoo (KFO) Guraandhala 19 hanga 22, 2025 gaggeeffame xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffannee gadi fageenyaan gamaaggamnee marii, ibsi, murteewwan walga’icha irratti dhiyaatan of eeggannoodhaan erga hubannee booda, murtee sagalee guutuun guutummaan guutuutti deggeruuf irra geenyeerra bu’aa fi waadaa ibsaman.

Kaayyoo waloo ummata Oromoo fi qooda fudhattoota biroo ceesisuuf tokkummaa, walta’iinsa, fi karoora tarsiimoo barbaachisummaa isaa ni beekna. Ibsi walgahii waloo kana irratti kenname bal’aa fi yaaddoo keenya kan ilaallatu yoo ta’u, kallattii fi murteewwan fudhataman irratti ofitti amanamummaa akka bahannu ni ibsanna.

Kanarraa kan ka’e ABOn Konyaa Victoria akka nurraa eegamutti deeggarsa yaadaafi dinagdee gumaachuuf waadaa seenna. Adda Bilisummaa Oromoo fi Kongiresii Federaalistii Oromoo waliin gamtaan kan dhaabbannu yoo ta’u, jalqabbii fi murteewwan walga’ii waloo kana irratti waliigalaman akka milkaa’an gochuu keessatti gahee keenya ba’achuuf kutannee jirra.

Hawaasa Oromoo keessaas ta’ee alaas qooda fudhattoonni hundinuu haqa, walqixxummaa, fi guddinaaf tattaaffii waloo kana akka deeggaran waamicha goona.

ABO Konyaa Victoria

Guraandhala 28, 2025

Leave a comment