Yaada Furmaataa Marii Waliinii Oromoo

Marii balโaa kana keessatti, haala siyaasaa, waraanaa, fi jireenya ummata Oromoo irratti danqaa taโe kan ilaalan yaada furmaataa barbaaduu fi waliigaltee ABO fi KFO wajjin dhimma baayโee murteessaa taโan irratti marii gaggeeffameera. Haala amma Oromiyaa keessa jiru fi rakkoolee ummata Oromoo irratti raawwatan ilaalchisee gadi fageenyaan hubachuu fi furmaata argachuu irratti xiyyeeffannoo kennamuu isaa ibsa. Kana keessatti, dhimmiwwan murteessaan akka armaan gaditti ibsamu:
- Nagaa Buusuu fi Nagaa Tiksuu: Ummata Oromoo haqaa fi bilisummaa isaa akka argatu, waraanni Oromiyaa keessaa dhaabatee nagaan akka buโuu, fi nageenyi ummataa haala amansiisaa taโeen akka tikfamuu qabu waliigaluun ABO fi KFO irratti amaanaa kennamuu isaa mirkaneessuun, rakkoo siyaasaa fi bulchiinsaa Oromiyaa keessatti jiruuf furmaata maayii akka kennu fi Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa akka hundeessan ibsuun, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) nagaa amansiisaa Oromiyaa keessatti buusuuf qooda olaanaa akka qabu amanuu isaa mirkaneessuun, ABO fi KFO akka qindeessanii fi guutaniif amaanaa itti kennamuu isaa ibsuu.
- Rakkoo Magaalaa Finfinnee fi Daangaa Oromiyaa Furuu: Magaalaan Finfinnee seenaanis taโe seeraan qabeenya ummata Oromoo fi Magaalaa guddoo Oromiyaa akka taate guutummaatti amanuu fi daangaaleen Oromiyaa karaa adda addaatiin irraa ciccitanii mootummaa naannoolee adda addaa Oromiyaa daangessan keessatti akka hafanii jiran amanuu, ABO fi KFO itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii seera addunyaa fi seera biyyi qabdu irratti hundaaโuun akka Oromiyaa keessatti dachaasan amaanaa itti kennamuu isaa ibsuu.
- Tokkummaa fi Ijaarsa Ummata Oromoo Cimsuu: Sirni Gadaa/Siinqee hundee tokkummaa fi ijaarsa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, aadaa fi nageenya Oromootiif qabaachaa ture sirriitti hubachuu, ABO fi KFO sirni Gadaa/Siinqee kun gadi fageenyaan qoratamee, ummata wajjin marii balโaan taasifamee haaromsi jaarraa keessa jirru wajjin walmadaalu itti taasifamee sirna Oromoon itti bulu akka taโuu dandaโu waan barbaachisu hunda akka taasisan amaanaa itti kennamuu isaa ibsuu.
- Mirga Sabaa fi Sab-lammoota Oromiyaa Keessa Jiraatan: Sirni Gadaa ummatni Oromoo akkamitti akka kanneen Oromoo hin taane wajjin kabajaa fi michummaan jiraatamu haalaan kan barsiisee fi muuxannoo itti qabu taโuu isaa hubachuu, ABO fi KFO haala ummatni Oromoo sabaa fi sab-lammootni sodaa tokko malee mirgi isaanii guutummaatti kabajamee wajjin jiraatamuu dandaโu irratti hojjatanii fi dhugoomsan amaanaa itti kennamuu isaa ibsuu.
- Hariiroo Mootummaa Oromiyaa fi Mootummaa Federaalaa Jidduu Jiraachuu Qabu: Mootummaa Federaalaa keessatti olaantummaan seeraa kabajamaa akka hin jirre, ummatni Oromoo akka baayโina isaa fi gumaacha isaatti jaarmiyaalee mootummaa Federaalaa keessatti bakka buโumsa akka hin qabne, walabummaan dhaabbattoota (institiyuushiinii) kanneen akka Mana Murtii, Polisii Federaalaa, Humna Ittisa Biyyaa fi kkf akka hin jirre, qabeenya waloo Federaalaatti gaheen ummata Oromoo xiqqaa taโuu hubachuu, ABO fi KFO wantota daddaban kana haala sirreessuu fi dantaan ummata Oromoo mootummaa Federaalaa keessatti kabajamuu qabu irratti itti gaafatamummaan akka hojjatan amaanaa itti kennamuu isaa ibsuu.
Dhuma irratti, jilli hawaasa Oromoo adda addaa kora waliinii kana irratti argamne waadaa ABO fi KFO amaanaa itti kennamuu akka seeraa fi sirnaan raawwatan deggersa nu irraa barbaadamu hunda kennuuf waadaa seenneerra.