Seenaa Koloneel Aliyyii Cirrii (1921–2017)

Koloneel Aliyyii Cirrii Godina Baalee, aanaa Dalloo Mannaa, ganda Cirriitti bara 1921tti abbaa isaa Cirrii Jaarraa fi haadha isaa Badheessoo Miinaa irraa dhalate. Ijoollummaa isaa irraa eegalee lolaafi adamoo baay’ee jalqabaa ture; adamoo kana obboleeyyan isaa Abduraamaan, Awwaluu, Usmaan, Isaaqiifi Harbisee Cirrii waliin gaggeessaa turan.

Koloneel Aliyyiin haadha warraa afur qabachuun ijoollee 25 horateera. Haala itti maatii horate ibsaan “Ilmaan teenyaayyuu osoo qabsoorra jirruu bosonuma keessatti horre. Yeroon nuti loon horsiifannee dikee jalaa harre hin jiru. Humnaafi yeroo keenya bosona seennee qawwee diinarratti dhukaasaa turre” jedha.

Abbaan isaa Cirrii Jaarraa loltuu cimaa sirna nafxanyaa waliin yeroo dheeraa waraana geggeessaa ture. Haaloo ilmaan Oromoo lubbuun darbe gumaa baasaa turuun isaa beekama. Qabsoo isaatiin, garee waraana Shaambaal Baqqalaa hoogganamu waliin Sannateetti wal waraananii shaambaal Baqqalaa ajjeesanii loltoota isaa hedduu barbadeessanii injifannoo arganiru. Mootummaan Hayilasillaasee loltootni isaa dhumachuu dhagahuu booda hoomaa waraanaa erguun Cirrii Jaarraa qabachuun mana hidhaa Gobbaatti darbe. Waggaa shan achuma mana hidhaa keessa ture.

Waggaa shan booda, qaamni mootummaa Hayilasillaasee umurii guutuu hidhamuurra gumaa nama ajjeestee kanfalii ba’i jedhee hiike. Cirriinis qabsoon waan itti urgaa’ef kaffalee ba’e. Erga Madda Walaabutti deebi’ee maatiifi ijoolleen isaa maalirra akka jiran hubatee booda, Aliyyii, Awwaluu, Abduraamaan, Usmaan, Isaaq fi Harbisee Cirriin waraana barachuu taasisan.

Koloneel Aliyyiin umrii 12 qabduu gabrummaa irraa qalbeeffachuuf gara bosonaa seene. Qabsoo isaa jalqabaa Mahaammad Gadaa Qaalluu wajjin ture. Baaletti, yeroo Aliyyii ijoollee ture, qabsoo jalqabeen Mahaammad Gadaa Qaalluuti. Aliyyiin lola Mahaammad Gadaa Qaalluurraa barate. Mahaammadi, qawwee Xaaliyaanirraa bara 1938 argateen sirna nafxanyaa rukutuun lola jalqabe. Sirna Hayilasillaasetti Oromoof Xaaliyaanii wayya jedhu Haji Adam Tiinnaa, seenaa Koloneel Aliyyii fi hacuuccaa bara sanaa yeroo himtu dubbata.

Sirni nafxanyaa Mahaammad Gadaa Qaalluurratti karaa sadiin duula banne: karaa Gadab, Raammii W/mikaa’eel, Muloo Daadhii, Saannata, Hangeetuu fi Manniisaan. Lola guddaa kana keessatti gootonni Oromoo sadan loltoota nafxanyaa 56 ajjeesanii wareegaman.

Waraanni Mahaammad Gadaa Qaalluu lafee hiikkachuu jalqabe. Innis Raayituu Galdii seenee booda qabamee mootummaa Hayilasillaaseef kennamee mana hidhaa Gobbaatti summii nyaachifamee ajjeefame.

Aliyyiin qabsoorra odoo jiruu, Jeneraal Waaqoo Guutuu qabsoo jalqabuu yeroo baran, waliin dhaqanii itti makaman. Koloneel Aliyyiin sana duraanuu ummata biratti qabsoon beekkamaa waan tureef, Jeneraal Waaqoo gammachiisee ture. Sana booda, Koloneel Aliyyiin qabsaa’ota akka Hajii Goobanaa Yuuboo, Saamoo Kormee, Jeneraal Waaqoo Guutuu, Koloneel Adam Jiloo, Koloneel Dubroo Waaqoo, Koloneel Huseen Bunee fi Koloneel Kadir Waaqoo waliin diinaan lolaa ture.

Bara 1957 Waxabajjii keessa, Koloneel Aliyyiin Oborso aanaa Madda Walaabuutti nafxanyaa muddee waraanera. Kana malees, aanaalee Dalloo Mannaa fi Madda Walaabuu daangessu Malkaa Amaanaarratti guyyoota torbaaf nafxanyaa saamichaa fi weeraraaf bobba’e akka hin dabarre dhorkera. Iddoowwan Camarrii, Horri Korree, Tulluun Araaraa fi Tulluun Habbisuu keessatti nafxanyaa waraanee injifateera. Akkasumas, iddoowwan Gubbaa, Dalloo, Angeetuu, Bidiree fi Oborsofaatti goota nafxanyoota nagaa dhorke ture. Magaalaa Oborsootti waraanni Aliyyii Cirrii waraana nafxanyaa barbadeessera.

Jeneraal Waaqoo Guutuu namoota afurtama fudhatee Somaaliyaa dhaquun qawwee 40 fi matarayyeesii 2 argatee deebi’ee. Aliyyii Cirriinis yeroo kana Waaqoofaatti dabalame. Bara 1963, Madda Walaaburraa nafxanyaa ari’uun too’annoo ofii jala oolchan. Maddatti walga’anis hoogganaa filatan: Waaqoo jeneraalummaan hoogganaa olaanaa, Aliyyiin koloneelummaan itti aanummaan tajaajilu filatame. Koloneel Dubroo Waaqoo fi Koloneel Adam Jiloo Weeboos hoggantummaa argatan.

Qabsoo Baalee keessatti, loltoonni taa’umsa lafaatu isaan gargaara. Sulula Gannaalee, Sulula Weelmal fi bosona Harannaa Bulluq keessatti injifannoowwan jajjaboos galmeessisaa turaniiru.

Koloneel Aliyyii Cirrii Jeneraal Walda Sillaasee Barakat, Jeneraal Kabbadaa Yaa’iqoob fi Fitawuraarii Alamaayyoo Taayyeefaan ummata Oromoo irratti hacuuccaa gaggeessaa turan nuffuun “Yoo nu dhiisuu baattan, qabsoon keenya ittuma fufa!” jedhaa ture. Fitawuraarii Alamaayyoo Taayyee, kan sabaan Amaaraa ta’ee Dalloo bulchaa yeroo ture, ilmaan Oromoo irratti hacuuccaa daangaa hin qabne geessisaa ture. Fitawuraarii Galchuu Toogee immoo sabaan Oromoo ta’ee Madda Walaabuu bulchaa ture; mootummaa Hayilasillaasee biratti fudhatama argachuuf jecha ummata Oromoo lammii isaa fixaa ture.

Gama biraatiin, Bulloo Gammadaan, lammiin Oromoo dhalootaan Angeetuu ajajaa kudhanii kan ture, gidduu deemtuu ta’uun nafxanyaa tajaajilaa ture. Kun Oromummaa amma galuuf ture. Waraanni koloneel Aliyyiin hoogganamu iddoo isaa qubatuu fi bulu waan beekuuf odeeffannoo nafxanyaa mootummaa Hayilasillaaseef dhiyeessaa ture. Kanaaf otuma nafxanyaa waliin ummata Oromoo waraanaa jiruu, loltoonni Oromoo Madda Walaabuun booji’amuun waraana Shaalaqaa Awwaluu Cirriin hoogganamu jala gale.

Yeroo sana ajajaan kudhanii Bulloo Gammadaan kaayyoo ummata Oromoo fi kallaatti deemsa isaanii hubatee booda, garee waraana ummata Oromoo waliin ta’uun Oromummaa isaa amanee Godina Gujii bakka ‘Gurraa’ jedhamutti harka nafxanyaan du’e.

Yeroo sanatti waraanni kun humnaan ol cimaa ture. Ummanni Oromoos ta’e nafxanyaan osoo wal baqatanii galaana bishaan Gannaaleen lubbuu dhabaniiru. Haala kanaan gareen koloneel Aliyyii magaalaalee Oborsoo fi Bidiree gubanii, Riqicha laga Gannaalee gubuuf ka’anii “nu fayyaduu danda’a” jedhanii dhiisan.

Yeroo kana bakka Maddaatti waraanni akka hin gaggeeffamne dhaamsi isaanii bineensi illee ykn allaattiin illee akka hin ajjeefamneef beelladoota manaa keessaa immoo gaala akka hin qallee walitti himanii waraana isaanii itti fufan.

Jaagamaa Keelloo mootummaa Hayilasillaaseen muudamee gara Baalee yoo deemu, ummata sossobee ofitti akka qabachuu yaalaa ture. “Gootonni Baalee harka akka kennannu kan nu taasise Jaagamaa Keelloo ture” jedha Aliyyiin.

Bara mootummaa Dargii, cunqursaan mootummaa Hayilasillaasee caalaa ummata Oromoo irratti gahaa ture. Waraanni Dargii meeshaa ammayyaa waan qabuuf ilmaan Oromoo hedduu ajjeefatan. Koloneel Aliyyiin sirna kana cal jedhee hin ilaalle. Akkuma mootummaa Hayila Sillaasee irratti qabsaa’ee, Dargii jalas hoomaa waraanaa qabatee lolaa ture.

Koloneel Aliyyiin mirgi ummataa qawwee qofaan mirkanaa’uu danda’a amantii qabaachuun Dargiin waraana isaa humnaan ol cimachaa adeemuun, gara mootummaa Somaaleetti baqachuun waggaa 11 achi ture. Dargiin erga kufee ADWUIn aangoo qabatee booda, biyyatti deebi’e.

Koloneel Aliyyii Cirrii dhukkubsatee yaalamaa erga turee booda, Sadaasa 11, 2017 waggaa 96 qabuu du’aan addunyaa irraa deeme. Gaafa Sadaasa 14, bakka jaalleewwan isaa kan akka Waaqoo Guutuu fi Adam Jiloo itti awwaallaman Madda Walaabutti kabajaan awwaallameera. Awwaala kanaarratti, namoonni kumaatamaan lakka’amaa kutaa Oromiyaa hundarraa argamanii turan.