
Obbo Goobasaa Tuujjoo Gurmeessaa Bara 1894 abbaa isaanii Ayyaantuu Tuujjoo Gurmeessaa Elemoo fi haadha isaanii adde Galaanee Fidaa irraa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu ganda Koluu Galaan iddoo addaa Daannoo jedhamutti dhalatan. Obbo Goobasaa Tuujjoo erga dhalatanii booda akkuma ijoollee baadiyyaa kamiittiyyuu haadhaa fi abbaa isaanii akkasumas hawaasa naannoo tajaajilaa guddatan.
Obbo Goobasaa Tuujjoo akkuma umuriin isaanii gaa’elaaf gaheen, akkuma ilma maatii guddaa irra dhalate kamiittuu bakkeewwan adda addaa qabiyyeen abbaa isaanii jiranitti Aadde Mulunash Hurrisoo waliin bultii ijaarrachuun abbaa ijoollee dhiiraa 3 fi dubara 3 walumaa galatti Ijoollee 6 fi akaakayuuf akaakilee arguun abbaa carra qabeessadha.
Gahee Gootummaa Barmadummaa biyyaa kabachiisuu irratti bahan ilaalchisee.
Yeroo xaaliyaaniin marsaa 2ffaaf biyya keenya weerartu isaan dargageessa turan. Yeroo sanatti Abadan weerartuudhaan hin bitamnu jechuun Abbaa Isaanii Tuujjoo Gurrmeessaa, obboleeyyan isaanii Moosisaa Tuujjoo, Addunyaa Tuujjoo fi Nuurasaa Tuujjoo waliin ta’uudhaan naannoo Cobii bakkeewwan Ofuu fi Diggoo jedhaman dayeeffatanii gootota naannawa sana jiran waliin weeratuu Xaaliyaaniitti ibidda miilaa ta’aa turan.
Yeroo kanatti faashistiin Xaaliyaanii garee goototaa Jeneraal Jaagamaa Keelloo waliin naannoo Ejeree(Addis Aalamii)tti wal-waraanuu eegaluu yeroo dhagahanitti, goototni Jalduu kan Koloneel Alamuu Qixxeessan durfamanii fi Obbo Goobasaa Tuujjoo qaama garicha ta’anii keessatti argaman tumsaaf garas imalan. Waraana kanarrattis dahoo weerartuu barbadeessuun meeshaa hedduus booji’an. Yeroo sanatti obbbeleeyyaan isaanii Moosisaa Tuujjoo, Addunyaa Tuujjoo fi Nuurasaa Tuujjoo isaan waliin turan.
Dawoon diinaa Ejeree jiru yammuu ruktamtu arcaatuun weerartuu gara kibba biyyattiitti baqachaa jirti odeeffannoon jedhu dhaga’amnaan hordofuun guyyaa jalqabaa Maagaala Tafkii , guyyaa 2ffaa Walqixxee, guyyaa 3ffaa Laga Gibee ce’uudhaan bakka Dannabaa jedhu bulan. guyaa 4ffaa yoo magaala Jimmaa ga’an gareen gootota Dajjaasmaach Garasuu Dhukiitiin hoogganamu naannawa sanaa weerartuu qulqulleessuun baqattee Laga Gojab ce’uun dhaga’ame. Faana bu’uun Jimma keessa Shabee Sonboo lafa jedhamu yoo ga’an lagni Gojob guutee ceesisuu dhoowwuudhan guyaa 4 lagicha qarqara buluuf dirqaman. Gaafa lagni Gojob hir’dhatee ce’anii naannawa Goree bakka Sanbee jedhamtutti Obbo Goobasaa Tujjoo fi gareen isaanii gootota biro waliin ta’uun weerartuu waliin mormaaf mormatti walqabuun waraana guyyaa sadii(3) booda weerartuu guutumaan guutuutti barbadeessuun bilisummaan biyya isaanii labsuun qawwee 5 boji’uun bakka dhaloota isaaniitti deebi’an.
Qabsoo Haqaaf Taasifamu Keessatti Ga’ee Obbo Goobasaa Tuujjoo taphatan,
Waltajjii marii hundeeffama Waldaa Maccaa fi Tuulamaa bakka Ko/Alamuu Qixxeessaa fi Je/Taaddasaa Birruu argaman magaala Giinciitti gaggeeffamarratti hirmaachuun qooda irraa eegamu gumaachaniiru.
Borumtaa kufaatii Mootummaa Dargii Waltajjii seena qabeessa
Aanaa Jalduu magaala Gojjoo qe’ee Ko/Almuu Qixxeessaatti gaggeeffamee fi bakka bu’oonni hawaasaa godinaalee Oromiyaa hundaa irratti qooda fudhatan akka qoohpaa’u gochuu keessatti ga’ee guddaa ba’achuun dhuunfaadhaan Sangoota 2 arjoomuun abbuummaan keessummoota geggeessaniiru,
Mootummaa abbaa hirree Dargiirratti firncila qonnaan bulatoota Jalduu kan waraanni guddaan itti gaggeeffame fi waraana jabaa yeroo sana Eertiraatti gaggeeffamaa jiruun walitti fakkeessuun Jaldu Asmaraa xinnoo jechisiisaniiru.
Waraanichis Guyyaa jalqabaa lola iddoo addaa Qooftuu jedhamu qe’ee Gooticha Mul’dhataa Fayyisootti gaggeeffame; itti aasuun gootonni jalduu humna mootummaa darguu magaala Goojjoo jiru haleeluun magaalicha guyoota hedduuf wayita to’atanii turanitti gaheen obbo Goobasaa Tuujjoo guddaa ture.
Ittifufuunis bakkeewwn Goodaa Qicuu fi Kaabii Sirbaa jedhamanitti waraana guddaa lotuu mootummaa Dargii wajjin gaggeeffame kan abbaan Doktor Injiinera Silashii Baqqalaa, obbo Baqqalaa Awulaachoo irratti wareegaman irrattis gootummaa guddaan jaallee isaanii rukutamee fi meeshaa isaa diinaaf dabarsee hin kennu jechuun dugdatti bachuun gaafa diinni itti dhiyaatu tuullaa cidii adda saaquun keessa dhoksuun warana guyyoota lamaa booda deebi’anii jaallee isaanii fudhachuu kabaja gootummaatiin awwaallachuu danda’aniiru.
Dabalataanis lola guyyoota adda addaa bakkeewwan akka Oofuu, Diggoo, Qamaxxee fi kan kana fakkaatu keessatti gaggeeffame irratti gootommaa ol-aanaadhaan hirmaatanii seenaa dhaloonni hin daganne raawwataniiru,
-Obboleeyyan isaanii Mogoraa Tuujjoo, Booranaa Tuujjoo, Waayiloota isaanii Mul’dhataa Fayyisoo, Wagii Saattoo, Atoomsaa Urgee, Baqqalaa Urgee, Raggaasaa Fayyisaa, Raggaasaa Gamaa, Raggaasaa Bayyan, Guddisaa Itichaa, Baqqalaa Awulaachoo, kan ammas lubbuudhaan jiran Obbo Jaalataa Abbabaa fi kannneen biroo maqaan isaanii hin tarreeffamiin waliin lola cimaa gaggeessuun maqaa gootota Jalduu fi Asmaraa xinnoo jedhu gootummaa ol-aanaadhaan gonfataniiru.
Gama biraatiin Obbo Goobasaa Tuujjoo moormii mootuummaa Wayyaanee irratti gaggeessaniin aanaa Jalduu ganda Osolee naannoo adda Ulmaa jedhamutti ijoollee sadi qofa qabachuun loltoota Wayyaanee waliin guyyaa tokko guutuu waraana gaggeessuun injifannoon goolabaniiru.
Walumaagalatti mootummaalee dhufaa darbaa irratti maqaa mirga hawaasa isaaniitiif falmaniif mootummaa Hayila Sillaasee, Dargii fi Wayaaneedhaan yeroo gara garaa admsamaa fi hidhamaas turaniiru.
A.Walitti Dhufeenya Hawaasummaatiin Obbo Goobasaa Tuuujoo qaban
Obbo Goobasaan kan rakkate gargaaruu, kan wal-lole araarsuu fi kan wal-ajjeese gumaa bituun hayyuu abdata biyyaa turan. Erga obboleewwan isaanii boqotaniis ijoollee fi qe’ee obboloota isaanii tiksuun, gorsuun fi eebbisuun qajeelchaa turan.
Obbo Goobasaan gama diinagdeetiinis dilbii galchuun, karra heedduu bobbaasuun, mirree yaabbachuunis Qote bulaa adda duree turan.
Akkasumas Obbo Goobasaa Tuujjoo Qeexala fardaan goodaa Koluu hanga Kilbee, Goodaa Gundoo hanga Qamaxxee, meettadhaa hanga hurufa kuyyuu, Goolaa hanga Daannisaatti Hiriyoota isaanii kanneen akka Waaqee Yaadatee, Gabbisaaa Itichaa, Mul’ataa Fayisoo, Wagii Saattoo, Walee Bultoo, Faajjii Inikkaa, Kumalaa Fayisaa, Ulfaata Fayisaa, Takluu Tasammaa, Muluu Wasanuu, Magarsaa Tuujubaa, Shuudee Yaaddessaa, Ashamii Xaafaa, Adabaa Xaafaa, Bajiroo Yaaddessaa, Diroo Birqii,fi kannee biro waliin warra goojee bareechan turanidha.
Kun otoo kanaan jiruu Gootnii fi Maanguddoon argaa dhageettii Oromoo obbo Goobasaa Tuujjoo. umurii isaanii waaggaa 124tti Sadaasa 26,2018. halkan keessaa sa’aatii 9:00tti du’aan addunyaa kanarraa boqotan. Sirni Awwaalcha isaaniis Gaafa guyyaa 28/03/2018 bakka maatiin, firootnii fi jaalattoonni isaanii argamanitti magaalaa Shaggar naannoo Alamganaa Bataskaana Mikaa’eliitti kan gaggeeffamu ta’a.
Obbo Goobasaa Tuujjoof Boqonnaa, Maatiif jaalattoota isaaniif jajjabina Hawwina.