Seenaa Baaroo Tumsaa (1938-1978)

Qabsoo diddaa cunqursaa fi hiree walqixummaa saba Oromoo walakkaa lammaffaa jaarraa 20ffaa keessatti qabsaa’ota dhalatanii aarsaa isa dhumaa namni tokko kafaluu danda’u gootummaan baasanii darban keessaa ijoolleen Obbo Tumsaa Silgaa maqaa guddaa qabu.
Ijollummaa isaaniitti maatii isaanii dhabanis rakkatanii baratanii ofiif ta’uurra darbanii biyyaaf ta’an. Galaa seenaa rirmi hin nyaanne dhalootaaf galaasan.
Ijoollee afur Obbo Tumsaa Silgaa haadha warraa isaanii Naasisee Cirrachoo irraa godhatan keessaa Lubi Guddinaa Tumsaa fi quxusuun isaanii Baaroo Tumsaa qabsoo Oromoo warra yaada, dhiigaa fi lafeen utuban keessaati.
Barreeffama kanaan gumaata maatii kanaa ibsuun waan bal’atuuf gumaata Obbo Baaroo Tumsaarratti xiyyeeffanna.
Obbo Baaroo Tumsaa Lixa Oromiyaa ganda Boojjii Karkarroo jedhamtutti bara 1938 dhalatanii, bara 1978’tti Harargee keessatti du’aan boqotan.
Umrii gabaabduu lubbuun jiraatan keessatti garuu qabsoo sabni Oromoo walqixxummaaf godhu keessatti umrii isaaniin ol wanta firiin isaa bara dhufaa darbaa hin gogne, kan du’aa ol jiraatu akka lafa kaahan seenaan isaanii dhugaa baha.
Hangafa isaanii Luba Guddinaa Tumsaan alatti obboleessa dhiiraa Naggasaa Tumsaa jedhamuu fi obboleettii durbaa Raahel Tumsaa jedhamtu waliin dhalatan.
Maatiin isaanii ijoollummaa isaaniitti waan du’aniif gaafatamni Baaroo fi obboloota isaanii biroo harka obboleessa isaanii hangafaa Luba Guddinaa Tumsaatti kufe.
Barnoota isaanii sadarkaa jalqabaa Naqamtetti erga xumuranii booda barnoota sadarkaa lammaffaa gariin Bishooftuutti baratan.
Sababa barnootaan jireenya isaanii harka hedduu Shawaa keessatti dabarsuu bara 1959 irraa eegaluun kan isaan beekan hayyuun Oromoo amma lubbuun hin jirre Obbo Eda’oo Boruu bara 2017’tti gaaffiif deebii Raadiyoo Finfinneef kennaniin himanii turan.
Obbo Baaroo Tumsaa nama qaroo waan turaniif barnoota isaanii sadarkaa lammaffaa yoo fixan Yunivarsiitii Haayilasillaasee isa jalqabaa jedhamuun bara san kan beekamu amma Yunivarsiitii Finfinnee muummee Faarmasitti qara’uun bara 1966 eebbifaman.
Achiis faana Oromoota muraasa barnoota seeraan eebbifaman akka Baqqalaa Galataa kan barreessaa Dhaabbata Fannoo Diimaa addunyaa ta’an hordofuu Obbo Eda’oon ni yaadatu.
Yaa’ii hundeeffama ABO isa jalqabaan dhaabicha hoogganuuf Obbo Baaroo waliin namoota filataman keessaa kan ta’an jaalli qabsoo isaanii Dr Diimaa Noggoo, barnootaan Obbo Baaroon kan isaan dursan ta’us, bara Haayilasillaasee keessa ‘lafti qotatee bulaaf haa kennamu’ (Mareet Laaraashuu) dhaadannoo jedhuun hiriirri barattoota yunivarsitiii jalqabaa hooggansa Obbo Baaroon akka bahame yaadatu.
Abbaan Obbo Baaroo Ciisanyaa (kan lafa ofii hin qotanne) akka turan irra deddeebiin hima akka turan, kunis qabsoo isaanii kanaafi boodas labsii lafaa bara dargii keessatti akka bahu gahee olaanaa bahaniif bu’uura akka ture Dr. Diimaan OBN’tti himaniiru.
Jaalli qabsoo Obbo Baaroo kan biroon Obbo Leencoo Lataa, Baaroo wayita Araat Kiilootti Faarmasii baratun bareen jedhanii, ‘yeroos Baaroon pireezidantii waldaa barattootaa ture’ jechuun BBC’tti himaniiru.
Walbeekumsi isaanii osoo waggaa hin guutiin Obbo Leencoon barnootaaf gara Ameerikaa imalanii waggaa afur booda yoo deebi’an, Obbo Baaroon bu’uura qabsoo mirgaa Oromoo kan ta’e Waldaa Maccaa fi Tuulamaa waahillan biroo waliin jajjabeessanii qormaatilee hedduus keessummeessaa turan jedhu.
Biyyattii erga deebi’anii booda Wanjii hojjechaa akka turan kan himan Obbo Leencoon, Baaroon nama biroo tokko waliin ta’uun isaan dubbisuu fi sochiin siyaasa Oromoo iccitiin hojjetamaa akka jiruu fi waraqaa ‘Oromo voice against tyranny’ jettu koppii tokko akka itti kennan dubbatu.
Isaanis sochii kanatti makamuuf Shaggaritti hojii barbaaddatanii dhufan.
Obbo Baaroon kana yoo iccitiin hojjetan hojii isaanii Ministeera Fayyaa Hawaasaarraa ari’amanii turan, barnoota seeraan digirii isaanii barachaas turan.
Barreeffamni eebba barnoota seeraaf dhiyeessan mata duree ‘Decentralization and nation building’ jedhu kan qabu yoo ta’u, biyyi dimookraatawaan uummatni biyyattii walqixa keessa jiraatan kan ijaaramu aangoon mootummaa gidduugaleessaarratti walitti qabamu naannoleetti qoodamee, naannooleen ofiin of bulchaa mootummaa gidduugaleessaa waliin akka hojjetan yoo ta’edha jedha.
Obbo Baaroon qorannoon eebbaaf dhiyeessan kun ijaarsa biyya Itoophiyaa keessatti ammallee akka galtee guddaatti akka ilaalamu namoota siyaasaa hedduun himama.
Dr Diimaan, waa’ee beekumsa siyaasaa Obbo Baaroo yoo himan, ”siyaasa biyyaa fi kan addunyaas nama hubateedha” jedhu.
”Waldaa barattoota Yunivarsiitii ta’anii filamuuf dandeettii agarsiisuu feesisa. Dorgommii jabaatu jira. Shira baay’eetus gaggeeffama. San hunda keessa darbee filatamuun isaa dandeettii siyaasaa inni qabu mul’isa” jedhu Obbo Leencoon.
Dandeettiin Obbo Baaroo siyaasa sirriitti hubachuun caalatti, qabsoo mirgaa keessatti namni dursee akka of baru gochuudha jedhu hirriyyoota isaanii kan turan.
Itoophiyaa keessatti namoota jalqabaa Faarmasiin eebbifaman lama keessaa tokko Obbo Baaroo akka ta’an Dr. Diimaan ni yaadatu.
”Namni tokko nama Eertiraati namni biraan isa. Akkuma eebbifameen Minsiteera Fayyaa keessatti itti gaafatamaa muummee Faarmasii ta’uun hojii argate. Faarmasiin Itoophiyaa keessa jiran sirna akka qabaatan gochuu irratti qooda guddaa taphate.”
Qoricha yeroon irra darbe warra nagadan irra deemanii sakatta’uun dhabamsiisuu, achiis namni Faarmasii keessa hojjetu nama oogummaa faayyaa qabu akka ta’u murteessuun Oromiyaafi naannoo uummatoota kibbaa keessatti kanneen oogummaa fayyaa warra miisiyoonaan barataniif hayyama faarmasii kennuun gahee guddaa taphachuu isaanii dubbatu Diimaan.
Biyyattii keessatti seenaa daldala qorichaa fi qabeenya gama faarmaasitiin horatamuu qabuu ilaalchisee dammaqinsa barbaachisu uumuun, dhalattoota Oromoo akka isaan faarmaasii dhuunfaa banatanii qoricha daldalan kan taasisan hiree kanatti dhimma bahuun ture jedhu.
“Kan nama ajaayibu egaa, bara sanatti kootaa heyyama faarmaasii 425 kennamuuf qophaa’e keessaa 421 dhalattoota Oromoof kan laate yoo ta’u, wanti kun hanga raawwatutti qaama mootummaa keessaa namni tokkollee quba hin qabu ture” jedhu namni seena Obbo Baaroo qorataniifi yeroodhaaf maqaan isaanii ifa akka hin baane fedhan tokko.
Maayyirra, erga isaan seera haarawa tumsiisanii, hojii kana akka barbaadanitti raawwatanii, gaazexeessaa Maammoo Wuddine jedhamu waan kana akka malee afarsuun hojii isaanii bifa adabbiitin akka gadhiisan taasifaman.
Kun aarsaa Baaroon saba isaanitiif kanfalan keessaa isa tokkos jedhu.
Obbo Leencoon wayita waajira ‘Ethiopian Standards’ jedhamu keessatti hojii eegalan waajirichuma keessa nama ogummaa Faarmasii qabu qacaruuf gaaffii dhiyaateen Obbo Leencoon Baaroo waamuun achii waajjira tokko keessa hojjechuun isaanii waa’ee siyaasa Oromoorratti yeroo bal’aa qabaatanii akka haasa’an hiree uumuufi dubbatu.
”Hojiin hangas barbaachisaa ta’e guyyaa guutuu sijalaa fixu hin turre. Kanaaf ganama waajira seennee ykn isatu biiroo koo dhufaa ykn anatu dhaqaa waanuma qabsoo Oromoo kana haasofna.
“Inni nama baay’ee beeka namnis ni dhufa. Ni mariyannaa, waraqaa nama ittiin dammaqsinu barreessina” jedhu obbo Leencoon.
Yeroo sanitti iccitiin adeemsa ABO ijaaruu keessa akka turanillee himan.
Sirni Hayilassillaasee kufee Dargiin yeroo aangoo qabatu Obbo Baaroon jalqaba miseensa ‘Marmaarii Komishinii’ ta’anii sana booda ‘Hizbi Dirijit’ kan jedhamee hundaa’e keessattis ramadamanii hojjetaniiru.
Gahee mootummaa Dargii keessatti qabaatan kanarraa kan ka’e gariin Obbo Baaroon gartuu ilaalcha Itoophiyummaa dursan keessa akka jiranii fi adeemsa keessa sababoota garaagaraan dhiibamanii gara qabsoo Oromootti dhufanii jedhanii yaadu.
Obbo Leencoon garuu ”Baaroon ifatti kana hojjechaa icciitiin ammoo Adda Bilisummaa Oromoo gadi dhaabuurratti hojjetaa turree” jedhu.
”Bara san qabsoon Oromoo sadarkaa lamatti hojjetamaa turee jedhu Obbo Leencoon. Ifatti waan ifatti fudhatamu fakkeessanii iccitiin hojjetamaa ture. Baaroon gaaf tokkollee itti hin amanne waan Hizbi Dirijjitii sana. Tooftaadhaaf itti fayyadamaa ture.”
Obbo Baaroon ABO hundeessuun dura dhaaba Icaat (yeItoophiyaa Ciqqun Hizbooch Abiyootaawwii Tigil) jedhamu saboota uummatota Kibbaa waliin ijaaraniiru.
Saba cunqurfamoota naannoo uummatoota Kibbaa keessa jiran waliin dhaabni siyaasaa Obbo Baaroon ijaara kun namoota kaaniin saboota akka Oromoo cunqursaa keessa jiraniif sagalee ta’uun warra moggeeffame siyaasa keessatti si’oomsuufi jedhamuus gariin ammoo jarmayaa kana akka dahootti fayyadamuun ABO lafa jala hundeessuuf turee jedhu.
Hayyuun seenaa Obbo Eda’oo Boruu seenaa Obbo Baarooo yoo dubbatan dhaabni Icaat kan hundeeffame akka namootni kaan jedha dantaa Oromoof kan hundeeffame osoo hin taane gaaffii dhugaa saboota kaanii bu’uureffatee dhaaba sabaaf sablammiilee ijaaruun furmaata yoo ta’e yaada jedhu qaba turee jedhu.
Harki hedduun miseensota dhaabichaa Oromoo ta’aniis namootni saboota akka Walaayittaa, Affaar, Kambaataa, Sidaamaa Kafichoo fi kaniis turanii jedhu.
Obbo Leencoon gama isaaniin Obbo Baaroon Icaat kan hundeessan tooftaaf ture jedhu. ”Icaat akka sanitti meeshaa ABO turte malee ABOn meeshaa Icaat hin turre. Wanti ifatti hojjetamu maqaa Icatin wanti icciitiin hojjetamu ammoo maqaa ABO hojjetamaa ture.”
Bara Dargii yeroo wantootni dantaa sirnichaan ala jiran irratti tarkaanfiin gara jabinaa fudhatamutti Obbo Baaroo fi namoota isaan waliin hojjechaa turaniif adeemsi qabsoo ABO ijaaruu salphaa hin turre.
Haa ta’uuti Obbo Leencoon akka jedhanitti ”yeroo sana warri wal hudhee ija walitti baasaa ture Ma’isoon, EPRP fi Dargiidha. Gara keenya garagalanii nu ilaalaa hin turre. Ma’isoon EPRP nu se’a EPRP’n Ma’isoon nu se’a dargiinis jara lamaan irratti xiyyeefate. Kana keessa irraanfatamne.”
”Bara 1978 keessa Dargiin dhaabota akka Ihaappaa magaalaadhaa baasee, Ma’isooniinis bibittimse nurratti xiyyeefate nus magaalaa gadhiisnee bahuuf dirqamne jedhu” Obbo Leencoon.
Obbo Baaroon qaama bulchiinsa Dargii ta’anii icciitiin ammoo ABO ijaaruuf gaheen taphatan akkaan guddaa ture.
Dhiyeenya kan boqotan abbaa Bariisaa jedhamuun kan beekaman Maahdii Hamiid Muudee kan gaazexataa jalqabaa Afaan Oromoo hundeessan yeroo jalqabaaf gaazexaa san yoo maxxansan Obbo Baaroo fi namootni Oromoon biroon hedduu gumaachuu dubbatanii turan.
Gaazexaan sun hayyama yeroo tokkoof argate boodatti jechuun torbee lama lamaan maxxafamuu isaa hordofee Maahdi Hamiid yoo hidhaman Obbo Baaroo fi Lubi Guddinaa Tumsaa fa’a lubbuu isaanii du’a oolchanii hidhaa hiksisuu isaniis dubbatanii turan.
Bara 1977’tti gaazexaan Bariisaa mootummaa Dargiin yoo dhaalamu Obbo Baaroo, Leencoo fi warri kaanis guyyaa kana kabajan sababa jedhuun waltajjiin guddaan galma Biheeraawwii Tiyaatir jedhamutti Oromoota godinaalee hunda kutaa biyyattii hunda irraa yeroo jalqabaaf walitti fide abjuu Oromummaa lalisiisuu kan Obbo Baaroon cimsanii itti amanan jabeessuu keessatti gahee addaa taphatee ture.
Hundeeffama ABO keessatti hojilee ijoon lama nama walitti qindeessuu fi sagantaa isaa barreessuudha jedhu Dr Diimaan.
Obbo Baaroo Tumsaa, Obbo Leencoo Lataa fi Dr Diimaa Noggoo namoota sadii sagantaa dhaabichaa barreessan ta’uu dubbatu.
Oromoota kutaalee biyyaa addaa addaa, amantaa adda addaa fi sadarkaa jireenyaa adda addaarra jiran waliin hariiroo jabaa uumuun kan beekaman Obbo Baaroon biyya keessa qofa osoo hin taane biyyaan alatti baqataniifi barnootarra warra turan akka Haayilee Fidaa waliinillee qunnamtii qabaachaa turan.
”Keessattuu wanti inni gad jabessee itti amanu qaamni bilisummaa Oromootiif hojjetu ilmaan Oromoo godinaa hunda, amantii hundarraa dhufan irraa bu’uureffamuu qaba kan jedhu” ta’uu Obbo Leencoon ni himu.
Kanas hoji kooti jedhee godinaalee akkaa Walloo fi Raayyaa irraa nama hanga argatutti osoo hin boqotiin hojjetaa waan tureef hooggansi ABO inni jalqabaa kan hunduu keessatti of argu akka ta’u ta’eeras jedhu.
Jaarmiyaa siyaasaa ijaaruuf namoota jajjaboo walitti qabuun barbaachisaa akka ta’e kan kaasan hiriyaan isanii kan turan Obbo Kabbadaa Qajeelaa waggaa tokko dura turtii OBN waliin taasisaniin, ABO ijaaruu keessatti namni gahuumsa akka sanii qabaachaa ture Baaroodhaa jedhan.
”Baaroon Wallaggaa ka’ee hanga Bahaattii, Kaabaa qabee hanga Kibbaatti namoota keenya walitti qabuu keessatti gahe murteessaa bahe.”
Yeroo sanitti osoo Baaroon hin jiraannee, osoo Baaroon hin kaane ta’ee waayeen mirga uummata Oromoos hamma kanatti deemuu hin danda’aa laata kan jedhu hamma yoonaa gaaffiin isaa mataa koo keessa jiru. ” jedhu Obbo Kabbadaan.
Piroojeektii iccitaawaan Obbo Baaroofii waahillan isaanii Adda Bilisummaa Oromoo hundeessuu bara 1973 fi 74 wixineen sagantaa siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo waraqaa adiirratti Obbo Baaroo, Obbo Leencoo fi Dr. Diimaa Noggoon barreeffame.
Akka Obbo Leencoon jedhanitti wixineen sagantaa kanaa waggoota lamaaf qeeqamee, wayyeefame.
Waggaa lama booda walgahii iccitiin sagantaa fi hoogganni ABO dhaaba Obbo Baaroon waahillan isaanii waliin mirga saba Oromoof akka qabsaa’u ijaaran darbees faajjii dhaloota Oromoo ta’ee raggaasifame.
Warri yeroo sana filataman Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaa, Abboomaa Mitikkuu fa’aadha jedhu.
Sagantaan dhaabichaa Obbo Baaroo fa’iin bocame ”Dimookraatik Ripaabliik of Oromiyaa maddisiifna. Yoo haalli kan mijatu ta’e ammoo mootummaa Yuuniyeen, koonfedereeshiii fi Federeeshinii hin laalla kan jedhutu lafa kaahame” jedhu Obbo Leencoon.
Yeroos kaayyoon ture Oromoo qofa bilisoomsuuf hin turre Oromoo cunqurfamaa bilisoomsuuf ture. Oromoo keessas qabsoon ni jiraata. Boodessitoota Oromoo waliniis qabsoon ni jiraata. Qabsoon farra Fiiwudaalaas Oromoo keessattis alattis ni gaggeefama jedhanii sagantaa isaanii keessatti lafa kaahan.
Qabsoon dhaabni kun gaggeessu qabsoo siyaasaa fi kan hidhannoos akka ta’u sagantaan dhaabichaa bara 1976 raggaasifame ifatti kaahee akka tures Obbo Leencoon ni yaadatu.
Bara 1975 mootummaa Somaaliyaa kan Sa’iid Baarree kutaalee Baha Oromiyaa hedduu fi Baale to’achuuf weerarri godhame hojii siyaasaa hooggansi ABO hojjeteen baddaa Oromiyaa keessatti erga fashaalee booda, hoogganoonni dhaabichaas siyaasa biyya keessa yeroos tureen magaala keessa turuuf hireen qabaachaa turan waan dhumaa deemeef magaala bahuf dirqaman.
Hoogganoota dhaabichaa keessaa Jaarraa fi Mul’iis kanneen jalqaba waraanatti makaman ta’uu Obbo Leencoon ni yaadatu.
Suuta hooggansi hunduu bosona yeroo galu Obbo Baaroon gara dhumaa bara 1977 ijoollee isaanii umrii xixiqqaa fi haadha warraa isaanii dhiisanii Harargetti bosona galan.
Hoogganoota dhaabichaa magaalatti hafan keessaa namni dhumaa magaalaa bahe Obbo Leencoo yoo ta’an qunnamtiin hooggansa bosona jiru waliin turees karuma isaanii ture.
”Baaroon hanga daggala lubbuun turetti barnoota politikaa(siyaasaarra) bifa garaagaraatiin qopheesse ijoollee leenjisee ijoolleen immoo waraana akka leenjisan hojjechaa ture” jedhu Obbo Leencoon.
Haalli du’aa qabsaa’aa saba Oromoo fi cunqurfamoota biroo Obbo Baaroo hedduu ifa miti.
”Ebla keessa bara 1978 guyyaa jalqabaa dirreetti bahan Baaroon yoo wareegamu ani biran ture” jedhu Obbo Leencoo Lataa.
”Gaafa inni wareegame biran ture. Gaafa sana galgala isaa wareegame. Balaa haala hin yadamiiniin wareegame. Wareegamnisaa siyaasaanis kan wal hin qabanne, amantiin wan walitti hidhates hin turre, balaa tasaa ture. Mootummaa yeroo saniitiinis hin turre. Haala keessoo ykn waldhabdee tureenis miti” jedhu Obbo Leencoon.
Haala wareegama Obbo Baaroo ibsuuf hayyama warraa fi dhaabaa kan isaan feesisu ta’uullee Obbo Leencoo Lataa BBC’tti himaniiru.
ABO’n hundeessaa isaa yeroo gabaabaa keessatti dhabuun danuu isa miidhe.
”Baarootti dabalee hoogganoota hedduudha dhabe. Gariin isaanii humna Si’aad Baarreetiin ajjeefaman. Gariin ni hidhaman. Hooggana haaraa maddisiisuudhaaf waggaa 10 nutti fudhate” jedhu Obbo Leencoon.
”Baaroon Dimookiraasiitti amana. Dimookiraatawuun Oromoo ni aangessa jedhee nama amanuudha. Biyyi kun Dimookiraatawuudhaaf mirgi Oromoo kabajamuu qaba jedhee amana” jedhu Obbo Leencoon.
Waayee hiree Oromiyaa yaadi Obbo Baaroon qaban, Oromiyaan biyya Itoophiyaa Dimookiraatofte keessatti gaarii ta’uu dandeessi sun hin ta’u taanaanis biyya walabaa Oromoo ijaaruun ni mala jedhanii amanuu jedhu. Wanti ijoon mariif hin dhiyeessine garuu Dimookiraasiidha jedhu.
Galmee seenaa qabsoo mirgaa Oromoo keessatti ABO’n gahee isa olaanaa kan taphate yoo ta’u, san keessatti ammoo Obbo Baaroon hiree guddaa bahan.
Seenaan isaaniis harka hedduu hundeeffama dhaaba kanaa kan hanga ammaatti fajjii qabsoo Oromoo ta’e waliin ka’a.
”Baaroo malee Addi Bilisummaa Oromoo dhalachuu hin danda’u ture.” jedhu Obbo Leencoon.
”Obbo Baaroon nama waliin hojjechuun danda’amu, nama irratti of gatuun danda’amu, nama waan jedhe guutu, nama beellama hin hir’ifne, nama gara laafessa jedhu” Dr. Diimaan.
Bara baranoota isaanii Yunivarsitii Finfinnee xumuranii hojii dhabanii ture Obbo Baaroon mindaa isaaniirraa ji’aan kutaafii gargaaraa akka turan yaadatu.
Dr. Diimaan alattis namootni biroonis akkasuma arjummaa Obbo Baaroo dhugaa bahu.
Siyaasa Itoophiyaa keessatti mirga sabaaf sablammiilee kabajuu qabsoo sosochii barattootaa Itoophiyaa keessa galchuun namoota siyaasa Itoophiyaa keessatti yaadataman lama keessaa tokko Obbo Baroodha jedhan Obbo Eda’oon.
Namni biroon nama Walloo kan ta’an Obbo Waalallanyi Mokonnini jedhu.
Obbo Baaroon dhimma Oromoofi sabaafi sabalammootaa waltajjiiwwan siyaasaa kanneen Itoophiyummaa dursan duratti dhiyeessuunis adda duree ta’uutu himama.
Obbo Baaroon ilaalcha Oromoo amantaa, lagaa fi naannummaan qooduu hambisuun Oromoo tokkoomsuuf qabaniin irra hedduu beekamu.
Gariin namaa gaa’illi isaaniillee osoo hin hafiin agarsiiftuu/callaqistuu ilaalcha kanaatii jedhu.
Obbo Baaroon dubartii naannoo gidduugaleessa Oromiyaa maatii beekamoo Obbo Bultoo Ejersaa kan ta’an Aadde Warqinash Bultoo fuudhan.
Aadde Warqinash Obboleetti Janaraal Damissee Bultoo yoo ta’an mana barnootaa mananitti akka baratan Obbo Edawoon ni yaadatu.
Obbo Leencoon cidha Obbo Baaroo Finfinnee ka’ee hanga Baakkoo mana obboleetti Obbo Baaroo, Raaheel Tumsaatti raawwatameen fageenya kana gidduutti nyaatii fi dhugaatiin ture. Kun Oromoo walitti fiduurratti hojjeteera jedhu.
Obbo Baaroon gaa’ela aadde Warqinash Bultoo waliin godhatan irraa ijoollee sadi, shamarran lama, Aadde Naasisee, Ayeetuufi ilma Ejersa Baaroo jedhaman argatan.
Maqaan isaan moggaasan kunillee walitti dhufeenya Oromoo akka tiksutti kan mogga’e ta’uun isaa ajaayiba yaada gabbataa Obbo Baaroo agarsiisa jedhu.
Maqaan Naasisee, mucaa durbaa hangaftittiidhaa, maqaa haadha Baaroo yoo ta’u, maqaan ilmaa Ejersa jedhummoo maqaa akaakayyuu haadha warraa Obbo Baarooti.
Yeroo ammaa kana, haadha warraa Obbo Baaroo dabalatee ijoolleen isaanii sadanuu biyya Ameerikaa Kaabaa, kutaa biyya Atilaantaa jiraatu.”