
Qaaccessa Kitaabaa kana keessatti “SEENAA JIREENYAA FI QABSOO ABO” kan Abbaa Caalaa Lataa tiin barraa’e gabaabinaan ilaalla. Qaaccessaan Firaol Gudeta Regasa dha.
Qaaccessa Kitaaba “SEENAAFI QABSOO ABO” Jedhu, kan barreesse Abbaa Caalaa Lataati. Micireen ‘ABO’ sanyii hortee Oromoota, Oromummaa isaaniif dhiiganiin, Dhiiga qabsaa’ootaatiin obaafamee, lafee jaallan haqaan mooraan isaa itti ijaaramee, dachee gabbataa Foon qabsaa’oota dhugaafi eenyummaa isaa keessa gad dhaabamee, ‘Waldaa Walgargaarsa Maccaafi Tuulamaarraa’ dhalatee guddate.
Akka hingogneef bonaafi ganna dhiiga gootota Oromoo dhugaaf kufaniin, eegama. Akka gabbinni isaa irraa hindhumneef immoo, guyyuutiin falma dhugaaf kufuun xurreensaa gabbifama. Akka hinmaseeneef, haadha gootota Oromootu, akka taadhiitti, guyyuu guyyuun deessi. Ilmi dhalatu, kan abbaarra caalu malee, kan abbaa gad ta’u akka hintaane, ragaalee hedduutu seeneffamuu danda’a. “Gantuun dhalattu hinguddatin; guddattus nama hinta’in” jechuun kan Oromoon eebbisuufis kanumaafidha.
Na waliin jirta yoo ta’e, gara kutaa kitaabichaatti haa seennu. Kitaabni “SEENAAFI QABSOO ABO” jedhu kun eessaa dhufa ‘ABO’ nu daawwachiisuun dhugaalee akka hadhooftuu firaafi diina liqimsiisuuf humna jabduu qaba.
‘ABO’ balleessuuf mootummaan hin yaalle hinjiru. ‘ABO’ dhabamsiisuuf gochi abbaa Irrootaa dabareen irratti walfuru, garuummoo balleessuu mitiitii, taakkuu tokkollee of duuba deebisuu hindandeenye. Hinumaayyuu akka biiftuu barii, mandhee dukkanaa tarsaastee keessaa baatutti, baha Oromiyaa fi Lixa Oromiyaatti qaanqeen qabate, guddatee guutuu Oromiyaa dhaale. Afaan Oromoo nuti akkatti barachaa jirruyyuu, seeneffama dogoggoraa, “Ani Gaallaadha; Lakki ati gaallaa miti, Oromoodha” jedhu barsiisuun, dhugaa bakka dhugaatti deebisuu keessatti gaheen ‘ABO’ daangaa hinqabu.
Oromoo oromummaa isaatiif dubbatu ta’ee, maqaa ‘ABO’ tiin kan hin shororkoofne yoo jiraate qubaan ni lakkaa’ama. Kitaabni Abbaan Caalaa Lataa barreessan, “SEENAAFI QABSOO ABO” jedhu kun god-hambaa seenaati jechuu nan danda’a.
Baay’inni fuula kitaaba kanaa, fuula 231 of keessaa qaba. mata-dureewwan (mata-hidha) 42 ol of keessatti hammata.
DHALOOTAA FI GUDDINA (ABBAA CAALAA LATAA YKN ABRAHAM LATAA)
Maqaan dhaloota isaanii Abraham Lataa Waaqayyoo jedhama. Maqaan qabsoo isaa Abbaa Caalaa Lataa jedhama. Obboleessa Leencoo Lataati. Obbo Abbaan Caalaa Lataa, Luba Lataa Waaqayyoofi aadde Hambisee Gorbaa irraa bara 1950 Kutaa Wallaggaa, konyaa Qeellam, ona Sayyoo, naannoo Magaalaa Dambi Dolloo ganda Guutee jedhamutti dhalatan. Akkuma guddina ilma Oromoo kamiyyuu, maatii isaanii hojiilee adda addaa gargaaraa guddatan. Barumsa isaanii sadarkaa 1ffaa fi 2ffaas akkuma xumuraniin qabxii olaanaa galmeessuun, Yuunvarsiitii Finfinnee seenuuf carraa argatan.
Obbo Abbaan Caalaa Lataa, barsiisota hojii miishinerummaaf gara lixa Oromiyaa dhufaniin barumsa ammayyaawaafi hubannoo guddaa itti gonfatan argataniiru. Kunimmoo akka isaan Wantoota hedduu sababaan yaadaniif sammuu isaanii keessa bule. Kutaa 12ffaa yeroo baratan, nama sagal turan. Seenaa barumsa Magaalaa Dambi Dolloo yoo kaafne, seenaan Dr Thomas Lambie biraa hinhafu. Dr Toomaas mishinarii wangeelaa yoo ta’ellee, ogeessa fayyaa ture. Sababni inni karaa Sudaanin gara Gaambeellaa biyya Itoophiyaa seeneef, hojii fayyaa hojjechuuf ture. Haa ta’u malee, barumsa baballisuun kaayyoo mishineerummaa isaa fiixaan baasuuf barumsi ammayyaan akka lafa qabatu taasiiseera.
YUUNVARSIITII FINFINNEE SEENUU
Ijoolleen obbo Gidaadaa barnoota yeroo argachuun ni dursu. Obbo Abbaan Caalaa Lataa Dr Solomoon Gidaadaarraa gorsa fudhachuun gara Finfinnee qajeelan. Afaan amaariffaa beekuu dhabuun rakkoo isaan mudate keessaa isa duraa ta’us, jireenya magaalaa guddaa akkasitti madaquuf haxxummaa guddaa gaafachuu yaadatu – Obbo Abbaan Caalaa Lataa. Hiriyyaa isaanii Malaakuu wajjin Finfinneetti fulla’an.
Jireenyi yuunvarsiitii daraan isaan rakkisuu kaasa. “Akkuma yuunvarsiitii seenee baramsa eegalleen, ijoollee Tigirootaa malee kan afaan isaatiin dubbatu hinjiru. inni afaan amaariffaa tolchee dubbachuu hindandeenye illee, haasa’uuf itti rakkata. Kunimmoo aarii nutti bulche. Ijoolleen Oromoo walbarbaadnee, Kaafteeriyaa keessatti bakka tokko teenyee haasa’uu fi taphachuu hojii godhanne.” Afaan ofiitiin haasa’uun maaliif tuffatama? Koo kan eenyuutiin gad jedhanii xiiqii eenyummaa qabachuun miciree sabboonummaati.
Obbo Abbaan Caalaa Lataa eenyummaafi sabboonummaa abbaafi harmee isaarraa dhaaluu kaasa. Jireenya Yunvarsiitii keessatti, bu’uurri qabsoo utubamuu eegaluu yaadata. Yerootti Obbo Abbaan Caalaa Lataa carraa seensa Yuunvarsiitii itti argate kun, yerootti waldaan walgargaarsa Maccaafi Tuulamaa itti cufamee, Oromoonni dhoksaan walbarbaaduun itti baratame ture.
“Bara 1970/71 keessa Oromooti magaalaa Finfinnee keessa jiran lafa jala (dhoksaan osoo irratti hinbeekamin) walgahii godhatanii walbarsiisuufi waldammaqsaa tura” – Abbaa Caalaa. Yerichii bara sanyii warra Solomoonawwaa bara Haayilee Sillaaseeti. Sochii barattootaatu adeemsifamaa ture. Kitaabni kun, seenaa sochii barattootaa eessaa garam akka ta’e hubachiisa. Bara bulchiinsa Haayilee Sillaasee keessa, barattoota Amaaraa wajjin waliigaluun waan ulfaateef, barattoota Sabaan Tigiree fi Eertiraa ta’an waliin hariiroo tolfachuun dhiibbaa gochuuf yaalii eegaluu seenessa.
BARSIISAA TA’UUN ARSII, KOFALEE DHAQUU OBBO ABBAAN CAALAA LATAA
“Barri kun jireenya kiyya keessatti, haala yeroo sana keessatti, waa’ee Oromoo barsiisuuf yeroon carraa itti argadhedha. Bara sana, jechuun 1972/1973, akkumaan olitti tuqe sagantaa yuunivarsiitii ‘Service’ jedhamuuf Arsii Kofalee yeroon itti dhaqeedha” Akka obbo Abbaan Caalaa Laata kitaaba isaani kana keessatti kaasanitti, yeroo barnoota isaanii keessatti gara kutaa Arsii magaalaa Kofalee yeroo dhaqan eenyummaa Oromummaa barsiisuu keessatti gahee guddaa ba’achuu isaanii ibsu.
Egaa magaalaa Kofalee keessatti qabsoo gaggeessanitti milkaa’u ibsa. Kanaaf akka fakkeenyaatti bitootessa 27, 2021 keessaa ergaa barreeffama karaa messager isaatiin barataan isaa kan inni kofaleetti barsiise, seenaa eenyummaa kaleessaa itti kaasuun isa yaadachiisuu ibsa. Akka obbo Abbaan Caalaa Lataa kitaaba isaa keessatti ibsanitti, barattoonni kutaa 8ffaa isaan barsiisaa turan yaadannoo isaaniif qopheessuun sagantaa akka qopheessan ibsu. Guyyaa sana badhaasa yookaan yaadannoo kuuffiyyaa harkaan dhahame kan maqaa isaaniitiin barraa’e isaaniif kennuuf barataa yeroo sanaa kan ture ambaasaaddar har’a Suleemaan Daddafootiin qophaa’uu himu. Suleymaan Daddafoo ambaasaaddara Ethiopia har’aati.
Kitaabni kun akkaataa itti obbo Abbaan Caalaa Lataa qabsoo adeemsisaa ture kan agarsiisu, kallattii kan kennu, dhugaa fi quuqama eenyummaa barsiisa.
Barattootni haaraan gara yuunivarsiitii finfinnee seenuu dabalaa dhufuun qabsoon barattoota Oromoo guddachaa dhufe. Mandheen dhokataa qopheeffachuun barattoota haareyyii kan akka Zalaalam Bantii, Yohaannis Bantii, Solomoon Dibaabaa, Iwunatuu Akkanaa fkkf barsiisuun akka isaan of danda’anii hojjetan gargaaraa turan. Boodarra madhee dhoksaa mana obboleessa Abbaa Caalaa Lataa yookaan Leencoo Lataatti walga’uun, Baaroo Tumsaa, Leencoo Lataa, Diimaa fi warreen kaan wajjin ta’uun walga’ii gaggeessuun fuulduree Oromoo irratti waliin mari’achaa turuu kaasa.
Hojii kana bal’ina kan qindeessaa ture Baaroo Tumsaa fi obboleessa isaa Qees Guddinaa Tumsaa turan. Egaa kitaabni kun akkaataa itti micireen ABO gad dhaabame sirnaan hubachiisa. Fulbaana 12 bara 1974 akka lakkoofsa Ityoophiyaatti Fulbaana 2, 1967, aangoon sirna sanyii Salamoonawaaa bakkaa ka’ee mootiin abbaa irree Dargiin aangootti ba’uu isaa kan ibsudha.
ZAMACHAA DEEMUU ABBAA CAALAA LATAA FI HAALA ACHI TURE
Duula kanaaf bakki Abbaan Caalaa Lataa itti ramadaman Horroo Guduruu, Aanaa Jaartee Jaardagaa magaalaa Aliboo jedhamtudha. Magaalaan Aliiboo bakkatti Abbaan Caalaa Lataa kun qabsoon isaanii daran itti jabeessan akka ta’e yaadatu. Obbo Abbaan Caalaa Laata magaalaa Aliboo jiraachuu ykn zamachaa deemuu isaanitti akka gammadan kaasu. Sababni isaas sabboonummaa guddaa hawaasni naannichaa qabu akka galteetti ibsuun yaadachiisa.
ZAMACHAA BOODA HAALA TURE
Yeroo duula zamachaa irraa gara Finfinneetti deebi’an haalli siyaasaa biyyichaa hedduu jijjiiramee akka ture ibsu. Dhaabonni duraan lafa jala ykn dhoksaan hojjechaa turan EPRP fi Ma’isoon, sochii jalqabuu isaanii kaasa. EPRP ykn Ihaappaa kan ilmaan nafxanyaati. Ma’isoon keessaa immoo Oromoo baay’een, keessumaa immoo Dr Hayilee Fidaafaa waan jiraniif akka kan Oromootti ilaalamuu kaasu.
Kaayyoo dhaabonni kunneen lamaan qaban, gaaffii Oromoo waan hin deebisneef dhaabni Oromoo bakka bu’uu danda’u bakka qabu irratti walii galuu isaanii kaasa. Miciree ABO bu’uureessaa jiraachuu isaanii yaadachiisu. Kitaabni kunis kallattii fi hundee ABO gad dhaabame hubachiisa. ABO hundeessuu keessatti gaheen Baaroo Tumsaa fi haadha warraa isaa Warqee Bultoo iddoo guddaa qaba.
Dhuma 1976 fi jalqaba bara 1977 keessatti Ma’isoon Wallaggaa dhuunfatee ture. Dhaaba ormaatti firoomuun, warreen isaan faana hojjechaa turan kunneen ABO keessatti, SAGALEE BOSONAA FI BAKKALCHA OROMIYAA, warraaqa barreessuun warreen gahee qaban turan. Obbo Caalaa Abbaa Lataa erga waajjira bulchiinsa magaalaa Naqamteetti qacaramanii booda, gahee dhaabni isaanii isanitti kenne dhoksaatti hojjechaa akka turaniif fi kaayyoo dhaaba isaanii galmaan gahuu keessatti ga’ee isaanii taphachuu kaasu.
Kitaabni kun seenaa qabsoo Oromoo waan hammatee jiruuf cuunfaanii dhiheessuun ulfaataadha. Keessumaa immoo haala siyaasaa dhoksaa ta’e keessatti, akkaataa itti gaggeessaa turan baay’ee dinqisiisaa fi kan raajeffatamee hinquufamnedha.
Qabsoon hadhooftuu akka taate kitaabni kun ragaadha. Humni dargii akkuma jabaachaa dhufeen, humni qabsaa’ota bilisummaa adda addaas gurmaa’aa, guddachaa sabasaa keessattis dhageettii argachaa dhufe. Nugusee Fantaa namni jedhamu nama barnoota hin qabnee fi dabballee amanamaa Dargii ture. Nuguseen hanga buttaan Innaangoo qalamutti Caalaa Abbaa Lataa fi jaallan isaanii eenyu akka ta’an hin barre ture. Guyyaa sana irraa kaasee, Nuguseen sabboonummaan ijoollee qaban hunda hidhuun dararuu eegale. Obbo Abbaa Caalaa Lataa, walgahii irratti haasawaa, Nugusee Fantaa hiikaa, duubaan ammoo waraqaa ‘Sagalee Bosonaa’ namootaaf kennaa turan. Kana jechuun isaan waliin hojjechaa kaayyoo isaanii qabsaa’otaaf kennaa turan jechuudha. Akkasiin qabsoo adeemsisaa nu bira ga’an. Dubbii kana Nugusee Fantaa yeroo bira gahu Abbaa Caalaa Lataa hidhuuf, yaalii heddu yoo taasisu, isaanis jalaa miliquun bahan.
DIRREE QABSOO HIDHANNOOTTI GALUU ABBAA CAALAA LATAA
Yeroo kanatti barbaachisummaan hidhannoo guddaa ta’uu waan hubataniif gara qabsoo hidhannootti makamuuf dhaaba beeksisan. Dhaabni isaanis Tashoomaa Eebbaa wajjin ta’uun akka qabsoo eegalan itti hime. Abbaan Caalaa Lataa, tikkeettii xiyyaaraa kutachuun, gara Dambidoollootti deebi’an. Magaalaa Naqamtee keessaa barbaadamaa waan jiraniif, magaala Dambidoolloo keessa turuu hin barbaadne. Haalli koonyaa wallaggaa keessa jiru ulfaataa waan ta’eef, gara finfinnee deebi’uu murteesse. Haa ta’uutii xiyyaaraan gara Finfinnee deebii waan hin dandeenyeef, lafoo karaa Goree deemu dirqaman. Sababni isaan xiyyaaraan hin imalleef, Nugusee Fantaa bakka argamanitti akka hidhamu ajaja dabarseera. Kanaaf falli jiru karaa Iluu Abbaa Boor miilaan ce’uudha.
DEEMSA DAMBI-DOLLOO – GOREE
Sabaaf qabsaa’uun aarsaa guddaa akka nama kaffalchiisu ganamumaan waan hubate fakkaata. Kanaaf qabsaa’onni hedduun lubbuu isaanii illee kennuurraa duuba jedhanii hin beekan. Dhugaa jireenya Abbaa Caalaa Lataa irraa kan nuti arginuus kanuma. Qabsaa’onni bilisummaa Oromoo hoggayyuu kan isaan dhamdhaman gidiraa fi dararamaa hadhooftuu akka ta’e seenaa irraa argaa dhaga’aa guddanne. Har’a immoo ijaan kaanirratti argaa jirra.
DEEMSA GOREE – FINFINNEE, FINFINNEE- ADAAMAA – DIRREE DHAWAA
Yeroon sun yeroo itti Dargiin waraana isaa ajajee Goolii Diimaa deemsisaa turedha. Waraanni Goolii Diimaa kun garee Ihaappaa irratti kan labsamedha. Abidda boba’uu keessa hulluuqanii, waan qabsoon bilisummaa isaanirraa barbaaddu milkeessuudhaaf gara Finfinneetti fulla’an.
Guca kaayyoo qabsiisanii siree jala hin kaa’an. Ifa baatanii ifa hin barbaadan. Ifaaf ifa taa’anii, dukkana hamaa tarsaasanii irra darbu. Osoo poolisoonni magaalaa Finfinnee keessaa isaan barbaadanii isaan jala qaxxaamuruudhaan magaalaa Adaamaa, adaamaa irraas fulla’ani magaalaa Dirree Dhawaa seenan.
TAATEE HARA-MAAYAA FI DIRREE GAHUU
Egaa miixuun waggoota dheebuun lixarraa gara bahaatti isa fullaase dhugoomuuf yeroon geesse. Kaayyoof akka dungootti baqanii, akka hanqaaquutti dhangala’anii, dhangaa mi’aawaa saba ofiif biyya ofiif gumaachuun gootummaa jabaa gaafata. Imala akka kanaa keessatti, kaayyoon Abbaa Caalaa waan guddaa ture. Inni jalqabaa fedha ofii gananii saba ofiitiif jiraachuudha. Namni hedduun qabsaa’uu yaaduu danda’a, garaa ofii gananii saba ofiif jiraachuun garuu aarsaa barbaada. Jireenya akkanaa keessatti qabsaa’onni bilisummaa xurree dhugaaf daandii saaqan har’aas, kaleessas dhugaaf lubbuu isaanii kitimaa jiru. Dambii doolloo ka’anii miila laga Birbir ce’anii, Buree keessaa ba’anii, Goree keessa hulluuqanii, Aggaaroo keessattis du’aafi dhumaatii ilma namaa gocha Ihaappaa fi Dargii gidduutti ta’e, ijaan ilaalaa Jimmaa seenuun Finfinnee ga’an. Yeroof kaayyoo hin dhaabbattu, imalli isaanii itti fufuun adaamaattis fulla’uun, Dirree Dhawaa hanga Haramaayaa imala itti fufan.
Haramaayaa keessatti, rakkoowwan gosa adda addaa isaan irra yoo ga’ellee kaayyoo isaaniif duuba hin deebine. Kaayyoon manaa isaan baase karaa isaan hin dhabne. Harammayyaa keessattis humna mootummaan yeroo qabamanillee mala maltee adda addaa ummachuudhaan jala miliqanii bahan. Haala akkas ulfaataa keessa darbuun dirree bakka mooraa leenjii qaqqaban.
AKKAATAA WAREEGAMUU JAAL BAAROO
“Ergaan Maayyaa Qalloo gahee dammaqsaa wajjin oola halkanis wajjin bakka tokko bulla. Isatti baay’een dhi’aadha. Waliin waan hojjenneef amala walii waan beekna,… Akka an badhootti baay’ee dhihaadhu waan beekuuf, Jaal Baaroon guyyaa tokko ganama na waame. Yeroon bira dhaqu: ‘eda waan haaraa maal argite?’ jedhee na gaafate.
‘homaa hin argine’ jedheen deebiseef.
‘Mee yaadadhu halkan Dammaqsaa wajjin bakka tokko ciiftanii turtan mitii?’ jedhe.
‘Eeyyen’ jedhe.
‘Maal ree Dammaqsaan Mul’is halkan na ajjeesuuf alatti na harkisaa ture’ naan jedhe.
‘An lakki waan akkasii hin argineen’ jedhe.
‘kun egaa waan addaa ta’uu mala’ naan jedhee, gurbaan erga dhihoo kanaati yaadni isaa sirrii miti, ‘anis ilaaleen dirree kana dhufee jedhee gaara badee dubbatama ture mee jajjabeessi’ naan jedhe” Abbaa Caalaa Lataa.
Hayyummaa fi jabummaa Baaroo fi Guddinaa Tumsaa kitaabni kun waan bal’aa yoo dheerullee baate, keessumaa Qees Guddinaan dhaabni Oromoo, Oromoo kan fakkaatu Oromiyaalee adda addaarraa qaamoleen adda addaa akka hoogganaa fi hojiilee adda addaa keessatti hirmaataniif tattaafataa akka ture kitaabni kun ni hima. Baaroo Tumsaa nama seenaa Oromoo keessatti bakka guddaa qabuu fi akka salphaattis kan dagatamu akka hin taane kitaabni kun ni hima. Baaroo Tumsaa ABO bu’uuressuuf beekumsaaf qabeenya isaa, dandeettii fi maatii isaa osoo hin qusatin nama addatti Oromoof of kennee hojjete akka ta’e kitaabni kun seensaa isaa ni ka’a.
Badhoo Dachaasaa ykn Dammaqsaa kan jedhamu dhibee sammuu godhata jedhamee haa yaadamu malee, Baaroo Tumsaa Dirree Bahaarratti akka ajjeesse kitaabni kun ni hubachiisa. Eegdoonni Baaroo Tumsaa immoo Badhoo Dachaasaa akka galaafatan seenaan ni ka’a. Dandeettii fi bilchinni Baaroo Tumsaa Oromoo qofa osoo hin taane, nama Gaanfa Afrikaa kana waaltessuudhaan adeemsisuu akka danda’u hubachuu ni danda’ama. Shirri halagaa Oromootiin Oromoo cabsuu akka mi’eeffate dirree bahaarrattis waanuma kana ragaa baha. Baaroon haadha warraa isaa aadde Warqee wajjiin hojii Oromoo ceesisuu kana irratti hojjechaa turan.
DEEMSA GARA JIBUUTII – ABBAA CAALAA
Imala hedduu keessatti, badda gammoojjii, roobaaf aduu, haala ulfaataa hedduu dhamdhamuudhaan imala isaanii itti fufan. Oromoof jaarmiyaa jabaa, ijaaruu barbaachisa jedhamee waan yaadameef, gara Jibuutii imalan. Mandara Somaalootaa keessa qaxxaamuruudhaan gammoojjii, imala dadhabsiisaa hedduu keessa darbuun gara kaayyoo ofii dhugoomsuuti qaxxisa itti fufan. Gatii hadhooftuu hedduu kaffaluun mana hidhaatti darbaman. Warri hidhaman, Leencoo, Caalaa Abbaa Lataa fi Tashoomaa turan. “Habashaatu warra barate basaasummaaf erge” jechuudhaan mana hidhaa keessa buufaman. Egaa kaayyoo bilisummaatu akkana. Du’arra hin wayyuu ofii du’anii saba ofiif ifuun immoo waan caalu.
HAALA MAGAALAA JIBUUTIITTI ISAAN QUNNAME
Jibuutii akkuma seenaniin Bakaree Yuusuuf jedhamutti kennaman. Akkuma isaan magaalaa Jibuutii seenaniin mootummaan Dargii irree isaa daran cimsuudhaan dargaggoota bahaa yookaan harargee jiraatanitti duula guddaa bane. Jaal Xahaa Abdiis sudaan irraa akkuma Abbaa Caalaa Lataa Jibuutii gahan dhaga’uun gara isaanitti dhiyaachuun qabsoo itichiisuutti cichan. Jaal Xahaa Abdiis gara Sudaanitti isaan hulluuqsisuudhaaf waan dandahu hundaa saffisaan raawwachuutti fuulleffate.
SUDAAN DEEMUU FI HOJII JALQABUU ISAANII
Qabso ABO keessatti, hayyoonni hedduun hojii dhaabni itti kenne milkeessuuf ifaajuu isaanii ni hubanna. Jaal Xahaa Abdii siyaasa Oromoo keessatti har’a illee nama ga’ee Leencummaa qabudha. Yeroo qabsootti makaman qubee afaan oromoo barsiisuun barbaachisaa waan ta’eef qoodni ABO qubee Afaan Oromoo qajeelchuufi barsiisuu keessatti taphate, qooda dorgomaa hin qabnedha.
LEENJII WARAANAAF GARA EEKTIRIYAA DEEMUU
Gatii itti baheetu salphaa miti. Micireen ABO kan gad dhaabbate akka laayyootti hin turre. HUNDEE JIRMA JABAA irra dhaabbatte laphee goototaatiin bu’uureffamte, kaayyoo dhugaatiin saxatamte. Kitaaba kana keessatti, Leenjii waraanaaf eenyutu gara dirree ykn immoo garaa biyya eertiraa deemee kan jedhu kan itti agarruudha. Leenjii waraanaaf marsaa duraa keessatti, nama 10 ta’anii leenjii eegaluu isaanii kitaabni kun ni yaadachiisa. Akkasumas maqaa tokko tokko isaanii eera.
DIRREE DHIHAA SAAQUU FI TATTAAFFII JALQABUU ISAANII;-
Yerootu yeroo gamtaan falmatan ture. Haataatu garuu, kan dursee dammaqee hidhatee, lole lolchiisaa, isa hirriba of dagannaan liqimfame dammaqsuutti seenan. Qabsoon gaggeeffamuu qabsoo dhukaasaa qofa osoo hin taane, qabsoo siyaasaa, seenaa, aadaa fi duudhaa eenyummaa fi qubee barsiisuu irratti hundee yoomiyyuu buqqa’u hin dandeenye laphee Oromootaa keessa gad dhaaban. Dhaabni ganamaaf galgala faarfamee hin quufamne silaafuu dhaaba kan akka jaarmiyaa ABO kana ture.
Akka kitaabni jaal Abbaa Caalaa Lataa kaasuutti qabsoo ganuun isaan biratti namoota dantaa isaaniif bulaniin ganamaa turuu isaanii yaadachiisu. Namoota marsaa jalqaba 12 keessaa Abdallaa Liigabaa fi Bushuuratu namoota kana lamaantu ganee bahe. Nama hafan 8 ta’anii qabsoofi finiinsuuf murteeffatan. Leenjii marsaa lammaffaa keessatti, Oromoo jajjaboo warreentaan nama 17 fi nama Beenishaan-gumuz tokko wajjiniin walumaagala nama 18 gara leenjii waraana marsaa 2ffaa Ertiriyaatti ergaman.
Isaan kanneen keessaa jaal Daawud Ibsaa akka jiru kitaabni kun seenaa namoota 18 hammate keessaa isaa ibsuun kaa’a.
IMALA DIRREE DHI’AA SAAQUU
Imala kana keessatti dirree dhihaa saaquudhaaf, qorannoo bu’uurawaa baay’ee barbaachisaa kan ta’an sakatta’uu irratti erga fuulleffatanii booda qawwee bitanii shunkurtii keessa dhoksanii, Harreetti fe’uun dirree dhihaan ga’achuuf akeekkatan. Qabsaa’oonni dirree dhihaa saaquuf ba’an, jaal Daawud Ibsaa, abbaa saglii, Abbaa Caalaa itti aanaa abbaa saglii gochuun namoota 17 qabatanii gara dirree dhihaa Sudaan irraan Wallaggaa seenuuf socho’uu eegalan. Adeemsa obsa fixachiisaa hedduu booda, kaayyoo akeekkataniif xurree saaquu itti fufan.
BALAAN SUMMII ISAAN IRRA GAHUU
Karaa nama beekanii nyaata qopheeffachuudhaaf midhaan gara baaburatti ergachuun qabsoof faara tolfatan. Namoota waliin dirree dhihaa saaquuf bahan waliin, gahee hojii adda addaa waliif kennuudhaan, koonyaa adda addaa keessa Begii, Gidaamii, akkasumas bakkee tokko tokkotti bobba’uuf haala mijeeffachaa turan. Bakka ergaa waliif kaa’an bosona keessatti mana Poostaa isaan hubachuu danda’an walii dhaamuun adda bahan.
Nyaataa akka isaaniif kan geessu, nama Zakariyaas jedhamu obboleessa Taaddasaa Shoorrooti. Taaddasaan lole ABO yoo ta’u, Zakaariyas immoo nyaata akka isaaniif dhiyeessu godhan. Muddee 23, 1981 ajaja Nugusee Fantaatiin, Zakaariyaas Shoorroo, Dirribaa Moggaa, Hiikkaa Masaadii bulchaa ona Gidaamii wajjin qindeessanii, nyaatatti summii naquun miseensota ABO nyaachisu isaanii kitaabichi ni ibsa. Obboleessatu obboleessa isaa dantaaf dabarsee du’atti kenne. Faayidaatiin walgaadi’uun asitti kan eegalee akka ta’e kitaabichuu ragaadha.
Akkatti Jaal Daawud Ibsaa fi miseensota inni hogganu saglan summii nyaachifaman. Isaan kunneen keessaa Daawud qofti akka hafe kitaabichis ni ibsa. Namoota 16 keessaa kudhan gara ona Gidaamii, 6 immoo gara Begiitti ergaman. Kitaabni kun addatti kan kaasu Jaal Daawud Ibsaa hoggana waan ta’eef nyaata isaaniif kenname sana keessaa muraasa qofa akka nyaatee fi hojiirra akka ture ibsa. Kanatu du’ee irraa isaa hambisee laataa kan jedhus nama yaachisa.
Addattiin gidiraa hedduu dhandhama, irree mootichaa hamaa fi irree rakkoowwanii qoramanii qoraasuma jireenyaa dhamdhamuu itti fufan.
ANYAANYAA FI SPLA
Bara 1983 keessa Sudaan keessatti haala hin eegamnetu dhalate. Kunis gufuu qabsoo keessatti nama mudatu keessaa isa guddaa ture. Karaa tokkoon waraana Dargii, karaa biraan immoo waraana warra sudaan ofirraa qolachuun daran ulfaataa ta’e. Rakkoo keessatti dhalatee rakkoo keessatti kan guddate, abiddaan qaramee, baruudaan Qoraafamee, lolee Dargii kan Akka Koloneel Xibabuufaa ajjeessee, Mangistuutti hoollannaa naqeera. As keessatti lolli fi rakkoowwan hedduu kan barreeffamee, ibsamee qaacceeffame hin xumuramne hedduun ni jiru. Seenaa keessatti taateewwan baraa fi guyyaa isaa hammatee kitaaba barraa’edha.
ABO’n akka jaarmiyaattis cimaa dhufuun, kora Sabaa fi Walgahii jila qabsaa’otaa gaggeeffachuutti fulla’e.
WARAANNI TPLF GARA DIRREE DHIHAA DHUFUU ISAA
ABO’n dhaaba TPLF wajjin hariiroo qabaachuu kan jalqabe 1978/79 keessa akka ta’e kitaabni kun ni ibsa. Kaayyoo waraanni wayyaanee gara dhihaa dhufeef siyaasaa Itoophiyummaa miseensota ABO keessa kaa’uuf ture. Haa ta’uyyuu malee miseensonni ABO namoota siyaasaan qarreeyyii ta’an turan. Dachee magariitu Oromiyaa ona Wallaggaa yeroo seenaan, “Lafa Itoophiyaa akka ishiin bareedduu ilaalaa” waliin jechuun lallabu turan. Miseensonni ABO’s qaruxummaatiin dammaquudhaan, “Lakki kun lafa Oromiyaati malee kan Itoophiyaa miti” jechuudhaan akeekaa fi yaadanii isaan saxaxatanii dhufan harkatti fashaleessan.
Kun immoo siyaasaan ABO harka kennisiisuu waan hin dandeenyeef, dhaaba akka barbaadanitti gara barbaadanitti oofan, kan yeroo barbaadanitti gara yaada isaanitti isaaniif daddaaqamu maqaa Oromootiin hundeeffachuuf akka isaan socho’an isaan taasisuu kitaaba kana keessatti ni hubanna. Kanumarraa ka’uun opdon hundeeffatan.
Kitaaba kana keessatti taatee fi rakkoo battalaa isaa mudate irraan kan ka’e, gurmiifii caasaan isaanii onneef kutannoodhaan haa wirriiqu iyyuu malee, diinotni isaanii firaafi ollaa itti kakaasuun isaan cabsaa akka turan kitaabichi qaaccessee yaada isaanii ka’a. Waraanaa adda addaa gaggeessu keessatti, lolee nama salgii hin caalleen, lolee diinaa hedduu harka kennisiisaa turuu ibsa.
CHARTERATTI SEENUU ABO
Kitaaba kana keessatti, kufaatii Dargii, Charteratti Seenuu ABO hanga Chartera keessaa ba’uutti rakkoo akkamitu ture yaada jedhuuf, kitaabichi deebii quubsaa kenna.
Koloneel Mangistuu H/Mariyam gara Harareetti waan qabu erga guurratee badeen booda, Rakkoo keessoo ABOtti dantaa barbaaddotaan uumameen, TPLF Finfinnee dhuunfatan. Mallas namni inni sodaatu yoo jiraate, ejjennoo Leencoo Lataati. Waraanni inni sodaatu WBO dha. Dhaabni inni Waaqa caalaa sodaatu ABO dha. Kanaaf ragaan jechoota inni Waa’ee dhaabolii kanaa haasa’aa turedha.
Kanaaf ABO akka deebi’ee ka’uu hindandeenyeetti cabsuuf yaale. Maqaa ulfinaa inni qabu gurraachessee cilee dibsiise. Haata’u iyyuu malee, Warqeen dhagaa taatee hinbeektu. Namni Warqee beeku, dhagaa hinse’u. Akkasiin Dhaabni saba guddaa kun ititee, jabaatee dhaabbatee, Firaafi diina biratti eenyummaa isaa qabatee jiraate. Jaal Daawud Ibsaa har’as kaayyoo isaa ganamaatti hidhamee hafe. ABO’n haa waaru; WBO haa irroomu! Oromiyaan haa nagoomtu!
Dhumarratti Seenaa Abbaa Caalaa Lataa yaada gabaabaatin mataa walitti haa qabnu.
SEENAA JAAL ABBAA CAALAA LATAA
Jaal Abbaan Caalaa Lataa eenyu? Akkuma seensa irratti ibsuuf yaalee, duungoon lixatti qabatte, xomboorri qabsoo Bilisummaa hundeen gabbattee, addunyaaf galaa milkii hiitee, nu maraafuu fakkeenyummaa gootaa nu hubachiifte. Abbaan Caalaa jireenya isaanii keessatti sabaaf of kennuu nu barsiisaniiru. Maatii eenyummaa isaanii beekaniifi, duudhaa ummata isaanii tiksan irraa dhalachuun carroomuudha. Abbaan Caalaa magaalaa Dambi DOOLLOO irraa ka’anii hanga Finfinnee, Finfinnee immoo hanga Arsiitti socho’uun hojiilee adda addaa hojjechaa turan.
Lixaa hanga bahaatti, dirree waraanaa bahaa irraa ka’uun gara biyya Jibuutitti socho’aa gammoojjii Somaaliyaa keessa hulluuqanii gidiraa imalli lafa onaa qabu dhandhama fedha ofii fannisanii, saba isaanii gabrummaa keessa jiruuf, xomboora ifaa qabsiisuuf aarsaa nama of godhaaniidha. Mana hidhaa adda addaa keessatti gatii haa kaffalanii iyyuu malee bakka kaayyoo isaanii gahuudhaaf daandii isaan irraa tasa hin maqne. Kallachi qabsoo, kallattii isaa irraa yoo adeemuudha baate iyyuu, ofii ifanii jiraachuuf of hin kennine. Jibuutii irraa akkuma itti fulla’aniin, hojiilee adda addaa irratti bobba’anii hojjechaa, ergama dhaabni isaanii itti kennee milkeessuuf gara Ertiriyaa, mooraa leenjii waraanaa seenan.
Marsaa jalqabaa keessatti waraanni ABO nama 10tu leenji’e. Nama kudhan kana keessaa tokko jaal Abbaa Caalaati. Waraana dirree dhihaa saaquu keessatti gahee leencummaa taphataniiru. Akkuma chaartarii ceehumsaa keessaa bahaniin, waraanaa ABO irratti waraanni shororkeessummaa irratti labsame. Haalli kun wan ulfaateef Abbaa Caalaa Sudaan magaalaa Kaartuumiitti deebi’anii qabsoo finiinsuu eegalan. Sudaan keessaas akka isan ari’amaniif Mallas mootummaa biyya sanaa wajjin mari’achuun akka achi keessaa ba’an taasise. Hamma ABO’n ga’u waan beekuuf Mallas Zeenaawwii, balleessuuf ciisee hin bulle.
Abbaan Caalaa Keeniyaa keessatti hidhamaniiru. Erga hidhaatii bahanii, marroo lammeessoof Sudaan jiraachuuf, hojii isaanii itti fufan. Kana gidduutti dhiibbaa Wayyaanoti taasisan hammaannan, WBO irraa meeshaa waraanaa hiikuun, “Wadda-alniil” bakka jedhamu quubsisan. Jaal Abbaa Caalaa ammas Loltoota isaanii gatanii deemuu hinfeene. Karaa koolu-galtummaa waamicha adda addaa argataniiru. Garuu jaallan isaanii faana lafa onaa filatan.
Yemen jiraachuu akka qabu, aanga’oota Sudaanitti hime. Imala ulfaataawwan danuu keessatti Yemanii hanga Moqaadishoo taasisan. Hooggantoonni ABO waliin ta’uun, Mootumma Yemen dubbisuuf murtaa’e. Jaal Galaasaa fi Jaal Xahaa Abdii, Awurooppaarraa, Jaal Daawud immoo Sudaan irraa walitti makamuun, mootummaa Yemen dubbisan.
Jaallawwan hedduu faana hojiilee dhaaba ceesisu jedhamurratti Gootichi kun hojjechaa nama turedha. Nama jabummaatiin hojiilee fakkeenyummaa qaban hojjete, garuu kan namuu seenaa isaa hinbeeknedha. Wayyaaneen ABO tiif diina salphaa miti. Sudaanii hanga Keeniyaa, Jibuutii hanga Somaaliyaa Moqaadishoo keessaa isaan ariisifteetti. ABO dhabamsiisuuf yaalii isheen hin goone hin jiru. Yoo jiraate addunyaa guutuu kadhattee, Waraana Addunyaa sadaffaa irratti labsuudha.
Aanga’ootni ABO akkuma Moqaadishoo keessaa bahaniin, gara Asmaraa adeeman. Kana keessatti Hayyuu jabaan Jaal Abbaa Caalaa hin dhabamne. Nama akka malee Oromoof bakkeewwan adda addaatti hidhamee gatii guddaa kanfaleedha. Biyya Ameerikaa fi Awurooppaa jiraachuuf carraawwan baldhoo qabu ture. Haata’uutii, Jaarmiyaa isaa fi saba isaa cunqursaa baraan itti wal jijjiire kana gatee, Qannoo argatee jiraachuuf garaa hin hirre.
Abbaa Caalaa fi Leencoo Lataa kan walitti isaan fide, cunqursaa sabni isaanii jala jiru arguu dha malee, waliin mari’atanii gara qabsootti hinseenne. Maatii eenyummaa fi aadaasaa beekurraa dhalachuu isaanitu akka isaan saba isaaniif jiraatan isaan godhe. Boodarra gara USA deemuun jiraachuufi waan dhaabni isaanii barbaadu hojjechuuf yaadan. Akkanatti akka Xombooraatti sabaaf ifanii, bara 2018 keessa dhaabni isaan ganamaa eegalanii humnaafi beekumsa isaanii, ijaaraa turan Asmaraa irraa gara Finfinneetti deebi’e.
Jaal Abbaa Caalaa Leenca Leencummaa isaa laphee Oromoo keessa jiraatudha. Oromoof gatii qabsaa’onni dhugaan kanfalan baasaniiru. Gootota keessanii dagachuu Waaqayyoo nu haa baraaru. Goota biyyaaf jiraate, saba isaaf gatilee lakkaa’amee, seeneffamee hindhumne baasan akkasiif, siidaalee bakkaa bakkatti dhaabuun silaa barfachuu hinqabu ture. Garuummoo maal godhu? Biyya foon qabsaa’otaa nyaachuu mi’eeffattee keessatti goonni lubbuuyyuu hin dheeratu
Erga namni du’een booda, “Goota koo, jabaa koo” jechuun amal-hin barbaachisnedha. Fayyaa Gadamsaa, Umurii Harraagessaa isinif haa kennu; Abbaa Caalaako; guddaan isin jaalladha!