Gaara Mul’ataa Hanga Yunivarsiitii Joorjiyaatti: Prof. Mohaammad Hasan

Gaara Mul’ataa Hanga Yunivarsiitii Joorjiyaatti: Prof. Mohaammad Hasan Eenyu?

Professor Mohaammad Hasan, hangafa seenaa Oromoo barreeffamaatiif tokko akka ta’anii beekamu. Inni damee qorannoo seenaa Oromoo jala buusuuf kanneen karaa saaqan keessaa isa tokko dha. Qorannoowwan isaanii ummata Oromoo fi seenaa isaa ilaalchisee hubannoo duraan turan kan cabsaniif yaadatama. Qorattoota seenaa Oromoo boodarra dhufan hundaaf xurree bananii, dandeettii qorannoo isaaniif ciicata (galtee) akka ta’an gumaachuun beekamu.

Haa ta’u malee, hangumriin isaaniitiin qorannoo fi barsiisummaa irratti hojjachaa turaniiru. Kunuunsi isaanii, kitaabota guguddoo lama fi artiikiloota dhibba tokkoo ol kan qabatan dha. Ammaan ammoo soorama bahanii Ameerikaatti jiraachuu dha. Yeroo dhiyootti hawaasni Oromoo Ameerikaa, kutaa Joorjiyaa keessa jiraatu, gumaacha bara jireenyaa isaanii Oromoof godhaniif beekkamtii kennee jira.


Oomisha Barnootaa: Baadiyyaa Hanga Yunivarsiitii Ameerikaatti

Professor Mohaammad Hasan naannoo jalqaba 1950mootaa keessaa, Harargee Bahaa, aanaa Baddannoo, bakka Laga Manyoo jedhamutti dhalatan. Barnoota sadarkaa lammaffaasaa Institiyuutii Leenjii Barsiisotaa Dabrabirhaan jedhamutti xumuranii, digrii jalqabaa seenaatiin Yunivarsiitii Haylasillaasee (amma Yunivarsiitii Finfinnee) irraa eebbifatan.

Yunivarsiitin sun biyya keessatti tokko qofa ture, Professor Mohaammad barnoota isaanii irratti cimaa turuun hiree kana argatanii dubbatu. Waraqaa digriisaanii harka mootichaatii fudhachuu yaadatu. Waggaa dheeraaf Institiyuutii Leenjii Barsiisotaa Jimmaa, Harar, fi Ogaaden keessatti barsiisummaa fi duula tajaajilaa hawaasaa bara Mootichaa fi Dargii keessatti hojjachaa turaniiru.

Boodarra, bara 1977tti, carraa barnoota alaa (iskoolaarshiippii) argatanii gara biyyaa UK, Yunivarsiitii Landanitti deemani. Asitti digrii lammaffaa fi PhD isaanii seenaa Oromoo irratti xiyyeeffatanii eebbifatan. Qorannoon PhD isaanii bu’aan kitaaba *”The Oromo of Ethiopia: A history 1500 – 1860″* jedhamuun bahuun ittiin beekaman ta’anii, kitaabni sunis yeroo hedduu maxxanfamee addunyaa wal gahe.

PhD isaanii xumuranii booda, korri qorannoo Ameerikaa ta’e argatanii, waggaa 1985tti dhaabbata isaanii Ameerikaatti deebi’an. Waggaa sadan jalqabaa Yunivarsiitii Atlaantaa fi Moore Haawus Kolleej keessatti seenaa Afrikaa fi Addunyaa barsiisan. Waggaa sadan itti aanan Yunivarsiitii Niwyork keessatti barsiisaa turaniiru.

Bara 1992 kaasee hanga bara 2017 soorama bahanitti, waggoota 25 walitti aanan Joorjiyaa Isteet Yunivarsiitiitti barsiisaa turaniiru.


Maaltu Isaan Seenaa Oromoo Qorachuuf Kakaase?

Professor Mohaammad, qorannoon isaanii baay’een seenaa Oromoo irratti xiyyeeffata. Yaada kana kan eegan, barataa waggaa tokkoffaa yunivarsiitii Finfinnee tureen, barsiisaa seenaa tokkoo biraa akka ta’anii qorannoo seenaa Oromoo jalqaban.

Professor Mohaammad: “Gaafan waggaa tokkoffaa yunivarsiitii ture, barsiisaan seenaa naa ture. Inni Borsaanii jedhamu, nama Hangarii. UNESCO’tu qacaree karaa yunivarsiitii Haylasillaasee ergan. Nama akkasii beekaa umrii kiyyaatti argee hin beeku. Waggaa tokko yegguu isaa wajjin baru hedduu, impaaktii cimaa narratti qabaachaa ture. Anillee baree akka isaa ta’uuf hawwa ture. Dhugaa dubbachuuf, amata duraa yunivarsiitii yogguun fixu law school seena jedheetin booda, namichi kun (Borsaaniin) akkan seenaa baru of amansiisee achiin seenaan bare. … Akkaan seenaatti kaka’umsa qabaadhu seenaa uummata kiyyaa qorachuuf na kakaase.”

Waa’ee seenaa ummata Oromoo, Professor Mohaammad ni ibsu:

“…Zamana sana wanni uummata keenyaa barreeffame hin jiru. Wanni barreeffame wawuma ummata keenya xiqqeessu, arrabsu dha. Uummata aadaa hin qabne, namummaa hin qabne, akkuma loonitti gamaa gamana yaa’u akkanatti dhiyeessanii turani. Uummanni tokko dingatuma lafaa ka’ee gamaa gamana hin deemu. Akkanatti ummata keenya bifa sanaan dhiyeessanii turani. Sun ta’uu hin qabdu, hanga danda’an seenaan ummata keenyaa kan dhugaa waan qabata gubbarratti dhaabbate jiraachuu qaba jedheetuman kaka’umsa godhadhe.”

Yunivarsiitii Landanitti barachaa turanii booda, qorannoowwan Awurooppaanonni seenaa fi eenyummaa Oromoorratti qoratan hojiiwwan isaanii wajjin walqabataniif utubaa guddaa isaaniif ta’aniiru.

“Ana wanni na kakaase waan Oromoorratti wanni barreeffame waan xiqqoo, sunuu badduu. Uummata keenya bifa gaariin hin agarsiisu. Haala gaariin hin agarsiisu. Akka ummata seenaa qabuutti, aadaa qabuutti, namummaa qabuutti, mootummaa qabaachuu turetti wanti dubbatamaa hin jiru. Kanaaf jecha, waan riikoordii jiru nama faranjii amata 200 dura biyya teenya turan, waan isaan barreessanii lafa kaa’an, san cufaawuu keessa deemetin wawuma dhugaa ragaan deeggarame. …Namni tokko kan Caffeen Oromoo yegguu walgeessu, hogganoonni akkamiin filamani, akkamitti wal gahiin gaggeessama kana cufa nama barreessetu ture. Wanni inni walitti walitti qabe booxii 27 ta’a. Nama gaafatee, intarviiwu gochuun, waan ijaan arge… kana keessa deemuun ji’a meeqa narraa fixe.”


Hiriyoonni fi Gantootni Isaanii Waayee Isaanii Maal Jedhu?

Professor Mohaammad seenaa Oromoo irratti kitaabota qorannoo guguddoo lama gumaachaniiru. Kitaabota afur immoo hayyoota kaan waliin barreessaniiru. Artiikiloota dhibba tokkoo ol barreessaniiru.

Hundeeffama Waldaa Qorannoo Oromootiif (OSA) nama bu’uura kaa’aniifi hoggansa turaniiru.

Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Xahaa Alii, kan ijoollummaarraa wal beekan, gumaacha isaanii ibsaniiru:

“Karaa barnoota seenaa Oromoo qormaatarratti waan hirkate, warri jibba qabu dabsuu hin dandeenye seenaa dhugaa gad dhaabe. Qorannoowwan isaanii qabsoo Oromoo fi hojii dippilomasiifillee tumsa ta’uu dha. …Waan qabate nama bakkaan gahu. Nama ciniinnatee hojii qabate bakkaan gahu jechuu. Nama akeeka qabu, nama kaayyoo qabu, nama murtoo qabu, ka waan jedhe karaatti hin dhiifne, nama hojiitti amanu, nama hojii hin hifanne.”

Hiriyaan isaanii kan biraa, Obbo Ibsaa Ahmad ammoo, “Nama kabaja, nama isarraa xiqqaa hunda ni kabaja ni jaalata sabboonaa dha” jechuun ibsu.

Professor Mohaammad baqattoota Oromoo biyya alaa jiranitti gargaaruun beekamu. Waraqaa baqattootaaf State Department fi UNHCR fa’itti ergeefii gargaaraa nama turaniiru.


Jireenya Ammaa: Soorama fi Gumaacha

Professor Mohaammad Hasan amma sooramarra nama jirani. Nama bultii qabanii fi ilmaan lama qaban. Dhiyoo kana hawaasni Oromoo kutaa bulchiinsaa Joorjiyaa jiraatu gumaacha isaaniif sirna galateeffannaa qopheesseeti ture.

Professor Mohaammad Hasan qorataa seenaa qofa osoo hin taane, falmaa mirga namoomaatiifis dhaabbata. Dhiyeenya marii nageenyaa Taanzaaniyaatti mootummaa Itoophiyaa fi ABO-WBO gidduutti gaggeeffame irrattis gama ABO-WBO’n namoota bakka bu’anii argaman keessaa isaan tokko turaniiru.

Xumura: Professor Mohaammad Hasan hangafa seenaa Oromoofi qabsicha isaa lammiileen Oromoo, akka qorattootaatiifi akka hawaasaatti, yeroo dheeraaf yaadatamuuf mirkanaa’oodha.