DUBBII QUBEE AFAAN OROMOO

By Lammi Begna

Gidduu kana walfalmiin ‘Abalu Abbaa Qubee Oromooti’; ‘Lakkii, Abbaa Qubee Oromoo abalu’ kan jedhu ajandaa falmii ta’aa ture. Wal falmiin abbummaa kun kan irra deddeebi’amee dhihaatuuf namnuu gumaacha haqaan osoo hintaane nama maqaa dhahame sun ganda ykn ilaalcha ofiitti waan safaruufi. Dhimmi kun dhaloota ammaa kana akkas burjaajjessuu hin malle.

Afaan Oromoo gara barreeffamaatti fiduuf yaaliin yeroo dheeraa taasifameera. Yaaliin kunis kan taasifameef Afaan Oromoo qubee Gi’iiziitiin barreessuun akka hin mijanne qorannoo adda addaatiin waan mirkanaa’eefi. Oromoota dura faranjoonni hedduun Qubee Afaan Oromootiif tolu shaakalaa turan. Isaan keessaa muraasni:

1) Johann Ludwig Krapf (nama lammii Jarmanii): Krapf bara 1840’oota irraa kaasee barreeffamoota amantii Afaan Oromootti hiikaa waan tureef yeroo jalqabaaf qubee Laatinii fayyadame. Bara 1842 Vocabulary of the Oromo Language kan jedhu maxxansiisee ture. Haa ta’uutii, hanqinoota adda addaan hojii jalqabe itti fufuu dadhabee qubee Gi’iiziin fayyadamee Afaan Oromoo barreessaa ture.

2) Karl Tutschek (nama lammii Jarmanii): karl gara Oromiyaa dhufee saba Oromoo argee hin beeku. Oduu ijoollee Oromoo gabrummaatti gurguramanii Jarman magaalaa Munic dhaqan irraa dhaga’een baay’ee booji’amee ijoollee Oromoo afur waliin ta’uun qubee laatinii fayyadamee sirna barreeffama Afaan Oromoo babal’isuu yaale. Keessumaa ilmi Oromoo Aagaa jedhamu dhimma Afaan Oromoorratti isa gargaaree ture. Karl bara 1844tti Oromo Dictionary and Grammer Book kan jedhu maxxanse. Haalli inni itti qubee Laatinii Afaan Oromootti madaqsuu yaale Qubee nuti amma fayyadamaa jirruun baay’ee walitti dhihaata.

3) Martino Mario Moreno (nama lammii Italy): Bara 1930’oota tibba Xaaliyaaniin Itoophiyaa weerarte sana, Moreno Afaan Oromoorratti qorannoo bal’aa gaggeessee ture. Moreno, yaalii duraan taasifame caalaatti jechoota jabaa fi laafaa, dubbifamaa fi dubbachiistuu, gabaabaa fi dheeraa adda baasuun qubeen Laatinii Afaan Oromootiif baay’ee mijataa akka ta’e kitaaba isaa Grammatica della ligua Oromo jedhu bara 1939 maxxansiisee falmiif dhiheesse.

4) Martial de Salvaic (nama lammii Faransaay): Martial de Salvaic amantii kaatolikii babal’isuu karoorfatee nama waggaa dheeraaf Oromoo keessa jiraatedha. De Salvaic tooftaa itti Afaan Faransaay itti barreeffamu fayyadamuun Afaan Oromoo qubee Laatiniitiin barreessuun ni danda’ama yaada jedhu dhiheesse. Kitaaba isaa Les Oromo jedhuunis yaada isaa ibsatee ture.

Ijoollee Oromoo: Ijoolleen Oromoo dammaqiinsa siyaasaa fi aadaa horatte karaa adda addaa Afaan dhaloota isaanii gara barreeffamaatti fiduuf yaalii adda addaa taasisaa turan. Isaan keessaa muraasn:

1. Sheek Bakarii Saphaaloo: Hayyuu beekamaan kun daggal-saaqii (pioneer) Qubee Afaan Oromooti. Hojii Sheek Bakarii kan adda taasisu Afaan Oromootiif qubee addaa bocuu isaati. Bara 1950’oota keessa hojiin isaa baay’ee beekamee ture. Sababa sanaaf mootummaa Hayilasillaaseetiin baay’ee ari’atame. Sheek Bakariin qubee bocu sanaan kitaaba guutuu akka barreessee ture ni himama. Garuu kitaabni sun fudhatamee dhabamsiifame.

2. Onesmos Nasiib (Abbaa Gammachiis): Abbaa Gammachiis qubee Gi’iizii fayyadamee Afaan Oromoo barreessuudhaan daggal-saaqiidha. Nama kitaaba qulqulluu yeroo jalqabaaf guutummaa isaa Afaan Oromootti hike fi Gannoo Salbaan waliin weedduu, geerarsaa fi walaloo hawaasa keessa jiru walitti funaanuun maxxansiise. Hojiin isaa hanga Qubee Afaan Oromootiin bakka buufamutti kitaabota adda addaan maxxanfamee baay’inaan raabsameera.

3. Dr. Hayilee Fidaa: Yaaliin fi falmii waggaa dheeraaf turerra dhaabbatee garee Qubee Laatinii Afaan Oromootti madaqsu Europe keessatti hundeesse. Bu’aa qorannoo isaatiis waltajjii heddutti dhiheessuun irratti falmisiise. Kitaabota lama, Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo fi Bara Birraan Bariite kan jedhu wal duraa duubaan maxxansiise. Kitaabota kana lamaan maxxansiisuu keessatti garuu namni shoora guddaa taphatee fi maqaan isaa baay’ee hin kaafamne jira.

4. Mitikkuu Tarfaasaa: Nama dandeettii afaanii guddaa qabu jedhama. Yeroo Dr. Hayilee Fidaa tuuta qubee Laatinii gara Afaan Oromootti madaqsu Europe tti hundeesse, Mitikkuu Tarfaasaa ammoo asuma Oromiyaarraa karaa Baaroo Tumsaa kaadhimamee tuuta Hayilee Fidaatti akka makamu taasifame. Hayileen concept bu’uuraa oggaa lafa kaa’u, Mitikkuu Tarfaasaa ammoo concept sana gara waaltessuu, barachuu fi barsiisuuf akka tolutti qindeesse. Jila bara 1991 Finfinneetti taa’ee Afaan Oromoo afaan barnootaa taasisuun raggaasise kan walitti qabe Mitikkuu Tarfaasaati.

5. Dr. Xilahuun Gamtaa: Hayyuu Afaanii beekamaa kitaaba seerlugaa (dictionary) baay’ee ajaa’iba ta’e qopheessedha. Kitaabaa fi qorannoon Dr. Xilahuun Gamtaa Afaan Oromoo sadarkaa har’aatti akka guddatuuf gumaacha olaanaadha.

6. Dr. Mohaammad Rashaad Abdullee: Gumaachi Dr. Mohaammad Rashaad Abdullee baay’ee olaanaadha. Dr. Mohaammad Qubee Afaan Oromoo guddisuu qofa osoo hin taane aadaa Oromoo mancaatiirraa baraaruu keessatti nama qooda guddaa jechi hin ibsine qabu. Jalqabarratti jecha ‘fidala’ jedhun kan duraa beekamu ‘Qubee’ jedhee bakka buuse. Moggaasni Qubee Afaan Oromoo jedhu akkasiin mirkanaa’e. Haayyuun kun Qubee Afaan Oromoo madaqsuun kitaaba isaa Oromo-Somali dictionary jedhuun beekama. Kitaabota 40 caalan Afaan Arabaa irraa Afaan Oromootti hiike. Bara 1976 hiriyaa isaa Abdushkur jedhamu waliin kitaaba Afaan Oromoo Fura Afaan Oromoo jedhu barreesse. Dr. Mohaammad taphoota ijoollee, mammaaksa fi waraqaa qorannoo Afaan Oromoorratti hojjete heddu barreesse. Raadiyoo Moqaadishoorratti qophii Afaan Oromoo yeroo jalqabaaf hundeesse. Shoora Afaan fi aadaa Oromoo dagaagsuu keessatti taphateef OSA irraa bara 2009 badhaasa umrii guutuu, OSA Lifetime Achievement Award argate. Dr. Mohaammad Rashaad Abdullee qareessa Qubee Afaan Oromoo sadarkaa har’aan gahan keessaa isa hangafa.

7. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO): Akka jaarmiyaatti dhaabni akka ABO Afaan Oromoo gara barreeffamaatti fiduuf ifaaje hin jiru. Dr. Hayilee Fidaarraa kan hafe hayyoonni qubee Laatinii Afaan Oromootti madaqsuuf ifaajan hundi miseensota ABOti. ABO hunda dura Afaan Oromoon barreessuu fi dubbisuu shaakalsiise. Afaan Oromoos yunivarsiitii fi wiirtuulee qorannoo caalaa bosonatti guddatee afaan barreeffamaa ta’e. Kana qofaa osoo hin taane, Afaan Oromoo kaarikulamii barnootaa keessatti akka hammatamuu fi OPDOn illee barattee akka barsiiftuuf ABOn baay’ee dadhabe.

Egaan guddina Afaan Oromoo keessatti boqonnaan afur guddatanii mu’atu.

1. 1880’ootaa – 1950’ootaa: Qareeyyiin muraasni kanneen akka Abbaa Gammachiis fi Sheek Bakarii Saphaaloo Afaan Oromoo gara barreeffamaatti fiduuf tattaaffii yeroo dheeraa taasisan.

2. 1968 -1970’ootaa: Barattoonni fi hayyoonni Oromoo Europe tti walitti qabamanii qorannoo bal’aa gaggeessuun qubee Laatinii Afaan Oromootti madaqsan. Dr. Hayilee Fidaa fi Mitikkuu Tarfaasaa qooda guddaa kennan.

3. 1973: Kitaabonni Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo fi Bara Birraan Bariite jedhu maxxanfamee Afaan Oromoo sirnaan gara barreeffamaatti fiduun danda’ame. ABO bara sanaa kaasee Afaan Oromoo qubee Laatiniitti madaqsuun bosonaa fi diaspora keessatti ittiin barreessuu fi barsiisuu shaakalsiise.

4. Sadaasa 3,1991: Guyyaa seena-qabeessa hayyoonni, qorattoonni, qondaalonni ABO fi kanneen qubee Laatinii Afaan Oromootti madaqsuuf ifaajaa turan Finfinneetti walitti qabaman ture. Guyyaa sana Qubeen Afaan Oromoo kan har’a dhimma itti bahaa jirru kun ifatti hojiirra oole. Sadaasni 3, 1991 Guyyaa Qubee Afaan Oromooti. Falmaan waggaa dheeraaf Afaan Oromootiif qubee Gi’iizii moo qubee Arabaa wayya jedhu injifannoo Qubee Afaan Oromootiin guyyaa itti goolabame. Injifannoo sanaaf ABO addatti ittiin yaadatama.

Qubeen Afaan Oromoo akka milkii afaanii qofatti hin ilaalamu. Qubeen mallattoo eenyummaa Oromooti. Qubeen hojii boonsaa jechoota dheeraa fi gabaabaa, laafaa fi jabaa, hidhaa, dubbifamaa fi dubbachiiftuu afaanota biroon itti rakkatan sadarkaa olaanaatti furee Afaan Oromoo gara sadarkaa olaanaatti ol guddise.

Guddinni Afaan Oromoo sadarkaa kana hunda keessa darbe. Guddina isaatiif faranjii fi Oromoo baay’een ifaajaniiru. Akka dhaabaatti ammoo ABOn gaafatama hunda fudhatee Qubeen Afaan Oromoo afaan Oromootiif akka mijatu taasise. Hojii ifaajee nama hedduu gaafatee bara dheeraa keessa milkaa’e kana abbaan abalu, lakki abalu miti abalu malee, yoo jenne gumaacha qareeyyii hedduu aarsaa itti ta’an rakasiisuu ta’a. Abbaan Qubee Afaan Oromoo qareeyyii fi dhaaba Afaan Oromoo afaan barreeffamaa fi barnootaa taasisuuf qabsaa’e hundaa ti.