Dhaabasaa Waaqjiraa: Kitaaba Daaniyaa fi Eenyummaa

May be a graphic of text that says "DAANIYAA 00000 Maatii Sabaa"

Namni Kitaaba Daaniyaa kana dubbise Amantii Ormaa jala hin deemu Eenyummaa isaa as keessatti argata.

👉🏻Barreessichaaf Galata:

DAANIYAAn kitaaba obboleessi keenya Dhaabasaa Waaqjiraa mana hidhaa keessa utuu jiruu barreesseedha. ✍️

Dhaabasaan Televizhinii Itophiyaa Qophii Afaan Oromoo keessaa hojjechaa ture..

Qophiin Afaan Oromoo ofi jalatti kutaalee sadii qaba ture.

Dhaabasaan yeroo TV keessa turetti kutaa sagantaa keessa hojjetaa ture. Dhaabasaan Si’ayina waan qabuuf kan hojii galaalchessitoota biroo illee gamaaggamu isa akka ture wahiloonni isa waliin turan ragaa bahu.

Dhaabasaa Waajjira Galaalchessaa jabaadha jedhu wahillan hojii isaa yeroo sanii.

Gama hoggansaatiin Dhaabasaan nama gaarii tahus sagantaalee yeroo addaddaatti hojjeteen balleesseera jedhamee sirna IHADIG yeroo sanaan nama komatamaa turedha.

Fakkeenyaaf,👇

👉🏻Tibba magaalaan guddoo Oromiyaa, Adaamaadha jedhamee murteeffame sanatti Adaamaa magaalaa guddoo Oromiyaa tahuu hindandeessu jedhee namni ragaa qabatee jalqaba TV irratti mormii dhiheesse Dhaabasaa Waagjiraa ture Galaalechessitoota keessaa.

Magaalaan guddoo Oromiyaa Adaamaa tahuu akka hindandeenye tahuu ishee mirkaneessuuf ragaa inni yeroos dhiheesse jabaan tokko, magaalattiin yeroo yerootti lolaadhaan kan dhiqamtu tahuu ishee ture jedhu wahillan isaa waliin turan.

Dhuguma immoo naannoo bara 1994/95 keessa gamoolee hedduun Adaamaa keessatti lolaadhaan liqimfamanii turan. Yaadni yeroos Dhaabasaan dhiheesse sun ganda OPDO/ADWUI tti awwaara guddaa bubbisiise.

Duuba irras dhimmi kun Dhaabasaa tti dubbii fide. “Diinaa” wajjin hidhata waan qabuuf waayee magaalaa guddoo Oromiyaa sana morme jedhamee sababni adda addaa itti funaanaamee wahillan hojii isaa kan biraa Shifarraa wajjin hidhaatti darbataman.

Courtesy: https://www.pambazuka.org/categories/media-freedom-expression?page=150

☆☆☆☆

Dhaabasaan egaa utuu hidhaa sana keessa jiruuti namoota isaa wajjin hidhaa turanifi kaan irraa odeeffannoo walitti funaanee #DAANIYAA kan barreesse.

☆☆☆☆☆

Namootni saba isaaniif of kennan waan tokko hojjechuu barbaadan, waan akeekkatan hojjechuuf haallii fi yeroon kamuu daangaa isaanitti hintahu. Hojii isaaniis faayidaa dhuunfaatti argatanin hin shallagan .

Dhaabasaa Waaqjiraa kanaaf ragaa jiraataadha.

☆☆▪︎▪︎

Utuu ati barreessuu baattee namni akka keetti kitaaba kana barreessu silaa argamaa laata?

Natti hinfakkaatu.

Dhaloonni kitaaba kana bitadhaa dubbisaa nama of tahetu Saba isaaf taha.

Daaniyaa keessatti of argattu.

Leave a comment