
Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaallee, Bakka “Mootoma Kaarra” jedhamutti ta’e.
Guyyaa Mudde 1, 2021, guyyaa Roobii ture. Abbootiin Gadaa, Jarri Michillee ka Dullachaa, waaq-kadhataa bullanii, buna ganamaa dhugatanii, mana wallirra ya’anii wal biifatan. Wal jalaa eebbisanii, qe’etti horii bobbaafachuun deeman. Halkan galgala waaq-kadhataa bu’uun manatti deebi’anii rafan.
Horiin isaas yeroo boodaa qe’umatti deebi’ee bobba’e, qalbii nagaaan hordofee itti aane. Naannoon kun naannoo nageenyaa, qe’ee Gadaa, qe’ee siyaasa kamirraas bilisaa ture. Waraanni mootummaa qe’ee kana dhufuun waan nuu godhu hin shakkine. Diinni ofirraa eeganis, humni finxaaleyyii Am**raa Faannoo ofiin jedhu Qorkee fi Gororaa irraa qofa ture. Diina biraa eessaa akka dhuftu hin yaadanne.
Garuu, waan ofirraa hin eegneen isaanitti dhufe. Waraanni mootummaa—milishaa, humna addaa Oromiyaa, fi poolisii idilee—qe’ee warra Gadaa mooraa dhufe. Dhufuu qofa, moti dhufanii, eddoo (abbaa-duulaa) warra Gadaa sheenuf yaalan.
Eddoon Gadaas, qaama hidhate dhiisii, qaamumti beekamtii Gadaa wajjin akka argite hin sheenamu. Kabajaa fi safuu qabdi. Ittiin bulmaata mataa isii qabdi. Kaay’oo isii dabartee deemuu hin dandeessu. Yoo didde, dabartee qe’ee isiittu jiraata. Akkuma mooraan biyya bulchu, mooraan Gadaas eeggannoo fi dandeettii bulchaa ofii qaba.
Waraanni kun safuu hundaa cabsee, eddoo sheene. Yeroo san, warri Korma Garaa hidhee, miseensonni Gadaa, fi jaarsonni mooraa faajjii Gadaa fidaniif agarsiisanii, seera qe’ee sanii himaniif: “Akka isaan itti hin sheenneef ofirraa kadhaa.”
Waraannis “Lakkii! Nuti isin miidhuufii motii walitti nuu qabamaa” jedhan. Warri meeshaa harkaa qabu tarkaanfii ofirraa deebisuu qophaa’anii turan. Yeroo kana jaarsonni isaan dhaabanii, “Qawween yoo asitti dhiifti, ijoolleen fi dubartoonni hin hafanu. Ijoolleen fi dubartoonni qe’ee kanaatti dhiiga dhangala’u. Nuti waan feene haa ta’u” jedhanii.
Ergasii daa’imaa fi dubartiif jecha, meeshaan isaanii lafa kaayan. Waraanni mootummaa meeshaa mana hunda funaane. Dubartii fi dhiira hundaa walitti qabee, kiilomeetira tokkoo fagaatee deemsisee, dubartii gadi lakkise.
Dhiiraa guutuus bakka “Dhakaa Nyaaqoo” jedhamutti geessan. Achittis, Abbaa Bokkuu, warra Korma Garaa hidhee, Qaalluu, fi jaarsa Gadaa adda baasanii, fuula lafatti gadi deebisanii, harka matarraan qaxxamursanii akka ciciisan ajajan. Warri kaanis akkuma kana ciciifamanii booda, konkolaataan fe’amanii deeman.
Gareen Abbaa Bokkuu, Korma Garaa, fi jaarsa Gadaa, ammoo bakka “Dhakaa Cabbii Aanolee” jedhamutti geessanii, ammas fuula gadi deebisanii, harka hidhanii, tumuu eegalan. Erga qaama isaanii quncisanii booda, korommiin Michillee sagalee xumuraa dhageessise: “Yaabboo! Nuttin taphatinaanii jirtan, silaa meeshaa harkaa qabdaniif qawwee nutti dhukaasaa, nu fixaa!”
Waraanni isaanitti taphataa ture konkolaatota baay’ee fi ajajoota dabalatee dhufe ture. Warri Godina Shawaa Bahaaatiifi bulchaan Aanaa sanaa tureefis bilbilaan itti himaman ture. Isaan irraa namni tokko abbootii Gadaa kanaa wallaale hin turre; garuu akka rashanamaniif ajaja isaanii kennan ture.
Dhuma irratti, namoota 16 ramadamaniif. Yeroo warri meeshaa dhaabanii qophaa’an, abbootiin Gadaa kana jedhan: “Sa’atiin itti ajjeefamtan waan ga’eef, waan kiisaa qabdaniif baasaa nuu kennaa.” Isaanis kiisa isaanii keessaa maallaqa funaananii, erga isaaniif kennanii booda… rashanan. 😭
Abbootiin Gadaa kun bakka namni hin geenyetti geeffamanii rashanaman. Maatiin fi biyyi eessatti akka dhumanillee dafanii hin beekanu. Booda dhagayanii reeffa fudhatuuf dhaqan, waraanni lolaa itti bobba’e. Dhumarratti, yeroo bira gayan, reeffi isaanii eenyuu akka ta’e hin beekamneen, bineensa nyaatame ture.
Akkasitti, korommiin Michillee fi Gadaa Oromoo hanbaa osoo wal hin dhiifatin, boolla takkatti galtaniiru. 😭
#Yaadannoo_Abbootii_Gadaa_Karrayyuu #Mudde_1, 2025
