Daily Archives: December 3rd, 2025

Sirna Gadaa: Hiriira Oromoo fi Seenaa Karrayyuu

AMN PLUS- Sadaasa 24/2018

‎Bakka  maluuf keessaa qooda dhabanii Gadaan isaanii xiyyeeffannoo dhabuu Roobaa Jiloo Luba Gadaa Dullachaa Karrayyuu AMN PLUS Roga Dubbiitti himan.

‎”Gadaan isaa akkuma Gadaa Oromoo biraa bakka argachuun wal nuuf qixxaatu barbaanna” jedhan. Giddugala Aadaa Oromoo keessaalee Abbaan Gadaa Karrayyuu Waajjira akka hin qabne eeruun.

‎”Karayyuun daangaa hin cabsu, Laga hin cabsu, nama hin miidhu” kan jedhan Roobaa Jiloo, wal- dhabdee mudatus iccitiidhaan Gadaa keessatti ilaalee akka furu dubbataniiru.

‎Karrayyuu keessatti Sirni Gadaa laafee akka hin beekne kaasuun, seenaa keessattis maqaa lafaatiin moggaasni namaa kan walitti dhufu Karrayyuu qofa keessatti ta’uu ibsaniiru.

‎”Maqaa lafaa, mukaa, Gadaa, maqaa keenyaan walitti hirkifnee daba nutti dhufu ittiin ofii fi biyya keenya falmina ” jedhan.

”Gadaan bakka tokko tokkotti huuqqatee jira” kan jedhan Roobaa Jiloo, uummatni Oromoo, “Dabballee irraa kaasee guutummaa guutuutti tartiiba Gadaa bakkatti deebisuu qaba” jechuun dubbataniiru.

‎”Gadaan ilmoo rabbiiti, dhugaadha” jedhanii,  Oromoon hundi kan wallaalee irraa alatti harkifatus ta’e, kan beekee itti siqes Gadaa gabbisuu qaba” jedhani

‎Akkuma “waan argan nyaatu malee waan argan hin dubbatan” jedhamu Karrayyuun iccitii walii qabatu jedhani Fantaallee Hawaas  Raaba Gadaa Baasoo Karrayyuu.

‎Seenaa keessatti maqaan sanyii maatii ofii akka hin banneef maqaan waliin naanna’a, maquma akaakkayuutiin ilmi akka moggaafamu himaniiru.

‎”Maqaa ilma angafaa akaakayyuu Karaa  abbaatti akka moggaasan himanii, maqaa mucaa lammaffaa amma akaakayyuu Karaa haadhaatti moggaasu” jedhan Fantaallee Hawaas  Raaba Gadaa Baasoo Karrayyuu.

‎”Gadaa jechuun nagaadha, sirni keessatti raawwatamus karaa nagaan ta’a” jechuun, bara kanas sirna buttaa qaluuf Godaanuuf akka jiran himaniiru.

‎Baatii 4 ffaa keessa godaansa warra baasuuf qophii irra akka jiran ibsaniiru.

‎Sirna sana keessatti namootni hirmaachuu qaban aadaadhumaan adda kan baafaman ta’uu kaasanii, namoota gumaata gara godaansaatti geessaniifis uffannaan kan kennamuuf ta’uu kaasaniiru.

‎Gadaan Diimookiraasii, akkuma cidhaatti eebbaafi gamnachuudhaan aangoon dabarfamee wal  harkaa sina itti fuudhamu ta’uu dubbatanii.

‎Guyyaa godaansa Gadaa isaanii kanattis mootummaanis ta’e, uummatni Oromoo biyya keessaafi alaa tumsa adda addaa akka taasisuuf turtii AMN PLUS Qophii Roga Dubbii waliin taasisaniin waamicha dhiyeessaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

Oromo Communities Under Siege: A 20-Year Conflict Overview

May be an image of fire and text that says "CINAAKSAN GINA"

HNN: The Price of Conflict – A Chronicle of Suffering in Chinaksen, Makanniisa Oromo, and Tulluu

Part One: Two Decades of Unrelenting Aggression

For over 20 years, the Oromo communities residing in the lands of Chinaksen, Makanniisa Oromo, and Tulluu have endured relentless attacks. These assaults have been carried out by forces of the Somali Regional State and armed factions of the Somali ethnic group. Living in a state of perpetual siege, these communities have never known a moment free from the threat of violence.

Women and children, in particular, are trapped in an endless cycle of terror and displacement. The joint military operations—codenamed A.L.A—conducted by the Liyu Police of the Somali Region and supported by these armed groups from 2004 to the present have had a singular, brutal objective: to exterminate, dispossess, and erase.

The strategy is systematic: **kill** those who resist, **forcibly displace** the survivors from their ancestral lands, and **loot or destroy** all their property. The victims of this war of aggression are countless. They include Oromo children, women, peaceful civilians, and even Oromia regional militia and police officers, with casualties estimated in the thousands.

The following list names just a fraction of the Oromo individuals killed by Somali attackers. It is not exhaustive and primarily documents victims from 2020 onward. A forthcoming analysis will provide detailed statistics on the total casualties (2020-2025), the scale of property destruction, and the systematic looting that has accompanied this campaign of forced displacement.

List of Victim Names: Oromo Sons of Chinaksen and Makanniisa Oromo

1. Aadam Usmaa’il Ahmad

2. Abdeeq Mahamud Abdulahi

3. Abdi Ali

4. Abdi Kalif

5. Abdi Xahir

6. Abdi Adam Ali

7. Abdi Adam Yuusuf

8. Abdi Ahmad

9. Abdi Ahmad Adam

10. Abdi Ibrahim Abdi

11. Abdi Ibrahim Adam

12. Abdi Iseemuhumad

13. Abdi Mahamud Ahmad

14. Abdi Samatar Muhumad

15. Abdi Feeysal Ibrahim

16. Abdii Jibriil

17. Abdii Issee

18. Abdii Aadam Jamal

19. Abdii Abtidoon Huseen

20. Abdii Adam Ow Issee

21. Abdii Ahmad Abdii

22. Abdii Ahmad Mu Mad

23. Abdii Ahmad Xahiir

24. Abdii Ahmadee

25. Abdii Farah Hassan

26. Abdii Ibroo Abdullee

27. Abdii Issee Ow Abdii

28. Abdii Kadar Ahmad Gu Reey

29. Abdii Mahamad Ow Muyadiin

30. Abdii Mu Humad Mahamud

31. Abdii Muhumad Mahamud

32. Abdii Mussaa Gu Reey

33. Abdii Nuur Adam Hassan

34. Abdii Ow Issaa

35. Abdii Umaar

36. Abdii Xahiir

37. Abdii Yuusuf Mu Mad

38. Abdii Alii Faraah

39. Abdinasir Indoo Buur

40. Abdinur Adam Hassan

41. Abdinur Mahamad Hassan

42. Abdi Nuur Abdi Doon

43. Abdinuur Mahmad Hassan

44. Abdirashiid Abdullahi Asgar

45. Abdu Naasir Hashim Yusuf

46. Abdu Razaaq Ahmad

47. Abdu Razaq Ahmadee Muhu Mad

48. Abdulfata Abdullah

49. Abiib Ahmad Iggee

50. Abiib Geedi Yuusuf

51. Abrahiim Ahmad Gu Reey

52. Abshiir Ali Usmaan

53. Abshir Ha/Ahmad

54. Adam Abdii Usmaan

55. Adam Imaan Farah

56. Adam Mahamud Alii

57. Adam Mussaa

58. Adam Shun Mahamad

59. Ahamad Ibrahim Abdullahi

60. Ahmad Yuuyaa

61. Ahmad Abdii Abiib

62. Ahmad Abdii Adam

63. Ahmad Idiris Soodan

64. Ahmadnur Mahamad Idlee

65. Ali Abdii Mahamad

66. Ali Abdulahi Ahmad

67. Ali Abdurahman Husseen

68. Ali Habannee

69. Ali Imaan Dukalee

70. Ali Isaaq Muhumad

71. Ali Sheek Mussaa

72. Alii Issaaq

73. Alii Abdu Rahman Yusuf

74. Alii Habbanee Aammee

75. Amadee Muussaa

76. Araab Muhu Mad

77. Aydiid Adoosh Ahmaad

78. Badee Abdi Abdulahi

79. Basassoo Abdii Ahmad

80. Bashiir Ali Xahiir

81. Buduul Xahir Usmaail

82. Daawwee Abdullaah

83. Faraah Mussaa Ahmad

84. Faraah Abdi Yusuf

85. Faraah Dhagoolee

86. Farahaan Abdulaahi

87. Farahan Abdu Nasir

88. Farahan Ahmad Issee

89. Farahan Harreed

90. Farahan Mahamud Ahmad

91. Farahan Rashid Abdullahi

92. Farhaan Ahmad

93. Farhaan Hareed

94. Fu’aad Abdullah Yusuf

95. Guddon Adam Mahamad (Shun)

96. Haawaa Abdii

97. Habiib Abadiir Ali

98. Habsa Husseen Amad

99. Hannaa Hussen Ahmad

100. Hasan Abdii Xahiir

101. Hasan Farah Adam

102. Hasan Mahamade Muhumad

103. Hasan Xayib Mahamad Abdi

104. Hashi Aleel

105. Hassaan Faraah Adam

106. Hassan Abdi Ibrahim

107. Hassan Abib

108. Hassan Adam

109. Hassan Ali Ahmad

110. Hassan Alii Nuur

111. Hassan Dawid

112. Hassan Dayib Mahmmad Abdi

113. Hassan Farah

114. Hassan Ibrahim Ali

115. Hassan Mahamad

116. Hassan Mahamad Bidaar

117. Hassan Mahamad Muhumad

118. Hassan Qaasim Muhumad

119. Hassan Umar Ali

120. Hassan Yusuf Ibrahiim

121. Hassannur Hilin

122. Hassn Usma’il Gu Reey

123. Huseen Adam Bahadoon

124. Husseen Jibril

125. Husseen Abdii Xahiir

126. Husseen Ali Bariis

127. Husseen Arab

128. Husseen Jibril Ahmad

129. Husseen Yuusuf Hassan

130. Hussen Abdu Lee

131. Ibraahim Abdii Aammee

132. Ibraahim Ali

133. Ibraahim Gu Reey

134. Ibrahiim Abdii

135. Ibrahiim Husseen

136. Ibrahiim Adam Keeyshee

137. Iliyaas Mahamad Mussaa

138. Jamaal Abdullee Muussee

139. Jamal Ahmad Hashii

140. Kadar Hassan Faraah

141. Kadar Jigree

142. Kadar Mowliid

143. Kadarmahamad Jibriil

144. Kadiire Qeebe

145. Kadiir Muktar

146. Kaliif Ibraahim Mader

147. Kon/Abdii Adam Yk (Yaree)

148. Kon/Kadiir Abdurahaman

149. Mahadi Ali Heydar

150. Mahadii Abdii Haajii

151. Mahad Mahamad Hassan

152. Mahamad Habib

153. Mahamad Hassan Adam

154. Mahamad Hassan Ibrahim

155. Mahamad Abdulahi Hassan

156. Mahamad Abdulahi Bilal

157. Mahamad Abdulahi Doolal

158. Mahamad Ahmad Hashii

159. Mahamad Arab Ahmad

160. Mahamad Mahamud Mussa

161. Mahamad Nu Re Adam

162. Mahamad She/Mussaa

163. Mahamad Usmaa’il

164. Mahamad Usmaa’il (Indabur)

165. Mahamad Usmaan

166. Mahamad Xahiir Amad

167. Mahamad Adam Usmaa’il

168. Mahamad Ali Habiib

169. Mahamad Alii Abdullaah

170. Mahamad Amad Kabiroo

171. Mahamad Musse Ibrahim

172. Mahammad Abrahimee

173. Mahammad Nuuree Adam

174. Mahammad Yuyaa

175. Mahamud Artee Amad

176. Mamadin

177. Mowlud Mahamud Amboo

178. Muhumad Hassan Abdulahi

179. Mursal Ahmadnuur

180. Musadhere Ahmad

181. Mussa Adam Abdii

182. Mussa Ow Abdiumar

183. Muussa Awo Abdiumar

184. Muyyaddiin Adam Xahir

185. Nasiir Usmaanee

186. Nimaan Askaar

187. Qasiim Abdii Adam

188. Rashid Ahmad Ali

189. Rashid Ahmad Hassan

190. Rashiid Adam Igee

191. Rashiid Usmaan Alisho

192. Rudwaan Abdii Hassan

193. Shamshadin Abdusalam

194. Sharaf Mahamad Ukash

195. Shu’eeb Faysal Muhumad

196. Shu’eebi Abdii Mahamad

197. Siyaad Ahmadiftin

198. Siyad Abdi Karee

199. Toofiq Umaar Faxansaa

200. Umaar Mahamad Abduulahi

201. Umar Abdulah Habiib

202. Umar Abdullah

203. Umar Abdullahi

204. Umar Abrahim

205. Umar Ahmad

206. Umar Ahmad Mussa

207. Umar Farah

208. Umar Mahamad Hussen

209. Usma’iil Ahmad

210. Usma’iil Ahmad Muhu Mad

211. Usmaa’iil Abdulaahi Xahiir

212. Usmaa’iil Farah Hassan

213. Usmaa’il Amad Adam

214. Usmaa’il Yusuf Umar

215. Usmaa’il Ahmad Adam

216. Usmaan Mahamad Hassan

217. Usmaan Mussa Umaar

218. Xahiir Abdii Ahmaad

219. Xayib Geellee Askar

220. Xayib Umar Filfil

221. Xayib Usma’il Muhumad

222. Xayiib Ahmad Ibro

223. Xayiib Musaaa

224. Xayyiib Hassan Alii

225. Yaayee Aliyyi Abdulahi

226. Yahayaa Ahmad

227. Yasiin Usmaan

228. Yasinee Ahamad

229. Yoniis Yuyaa Adam

230. Yusuf Aadam Usmaan

231. Yusuf Farah Ali

232. Yusuf Alimuhumad

233. Yuusuf Ahmad

234. Yuusuf Jamaa Ashuur

235. Zakariyaa Abrahiim Adam

236. Ziyaad Ahmadiftin

237. Ziyad Abdii Karee

238. Ziyad Ahmad

**By Ilias Abdella Mohammed**

**December 02, 2025**

Seenaa Gadaa: Ajjeecha Fi Dhukaasa Godina Shawaa Bahaa

May be an image of candle holder and text

Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaallee, Bakka “Mootoma Kaarra” jedhamutti ta’e.

Guyyaa Mudde 1, 2021, guyyaa Roobii ture. Abbootiin Gadaa, Jarri Michillee ka Dullachaa, waaq-kadhataa bullanii, buna ganamaa dhugatanii, mana wallirra ya’anii wal biifatan. Wal jalaa eebbisanii, qe’etti horii bobbaafachuun deeman. Halkan galgala waaq-kadhataa bu’uun manatti deebi’anii rafan.

Horiin isaas yeroo boodaa qe’umatti deebi’ee bobba’e, qalbii nagaaan hordofee itti aane. Naannoon kun naannoo nageenyaa, qe’ee Gadaa, qe’ee siyaasa kamirraas bilisaa ture. Waraanni mootummaa qe’ee kana dhufuun waan nuu godhu hin shakkine. Diinni ofirraa eeganis, humni finxaaleyyii Am**raa Faannoo ofiin jedhu Qorkee fi Gororaa irraa qofa ture. Diina biraa eessaa akka dhuftu hin yaadanne.

Garuu, waan ofirraa hin eegneen isaanitti dhufe. Waraanni mootummaa—milishaa, humna addaa Oromiyaa, fi poolisii idilee—qe’ee warra Gadaa mooraa dhufe. Dhufuu qofa, moti dhufanii, eddoo (abbaa-duulaa) warra Gadaa sheenuf yaalan.

Eddoon Gadaas, qaama hidhate dhiisii, qaamumti beekamtii Gadaa wajjin akka argite hin sheenamu. Kabajaa fi safuu qabdi. Ittiin bulmaata mataa isii qabdi. Kaay’oo isii dabartee deemuu hin dandeessu. Yoo didde, dabartee qe’ee isiittu jiraata. Akkuma mooraan biyya bulchu, mooraan Gadaas eeggannoo fi dandeettii bulchaa ofii qaba.

Waraanni kun safuu hundaa cabsee, eddoo sheene. Yeroo san, warri Korma Garaa hidhee, miseensonni Gadaa, fi jaarsonni mooraa faajjii Gadaa fidaniif agarsiisanii, seera qe’ee sanii himaniif: “Akka isaan itti hin sheenneef ofirraa kadhaa.”

Waraannis “Lakkii! Nuti isin miidhuufii motii walitti nuu qabamaa” jedhan. Warri meeshaa harkaa qabu tarkaanfii ofirraa deebisuu qophaa’anii turan. Yeroo kana jaarsonni isaan dhaabanii, “Qawween yoo asitti dhiifti, ijoolleen fi dubartoonni hin hafanu. Ijoolleen fi dubartoonni qe’ee kanaatti dhiiga dhangala’u. Nuti waan feene haa ta’u” jedhanii.

Ergasii daa’imaa fi dubartiif jecha, meeshaan isaanii lafa kaayan. Waraanni mootummaa meeshaa mana hunda funaane. Dubartii fi dhiira hundaa walitti qabee, kiilomeetira tokkoo fagaatee deemsisee, dubartii gadi lakkise.

Dhiiraa guutuus bakka “Dhakaa Nyaaqoo” jedhamutti geessan. Achittis, Abbaa Bokkuu, warra Korma Garaa hidhee, Qaalluu, fi jaarsa Gadaa adda baasanii, fuula lafatti gadi deebisanii, harka matarraan qaxxamursanii akka ciciisan ajajan. Warri kaanis akkuma kana ciciifamanii booda, konkolaataan fe’amanii deeman.

Gareen Abbaa Bokkuu, Korma Garaa, fi jaarsa Gadaa, ammoo bakka “Dhakaa Cabbii Aanolee” jedhamutti geessanii, ammas fuula gadi deebisanii, harka hidhanii, tumuu eegalan. Erga qaama isaanii quncisanii booda, korommiin Michillee sagalee xumuraa dhageessise: “Yaabboo! Nuttin taphatinaanii jirtan, silaa meeshaa harkaa qabdaniif qawwee nutti dhukaasaa, nu fixaa!”

Waraanni isaanitti taphataa ture konkolaatota baay’ee fi ajajoota dabalatee dhufe ture. Warri Godina Shawaa Bahaaatiifi bulchaan Aanaa sanaa tureefis bilbilaan itti himaman ture. Isaan irraa namni tokko abbootii Gadaa kanaa wallaale hin turre; garuu akka rashanamaniif ajaja isaanii kennan ture.

Dhuma irratti, namoota 16 ramadamaniif. Yeroo warri meeshaa dhaabanii qophaa’an, abbootiin Gadaa kana jedhan: “Sa’atiin itti ajjeefamtan waan ga’eef, waan kiisaa qabdaniif baasaa nuu kennaa.” Isaanis kiisa isaanii keessaa maallaqa funaananii, erga isaaniif kennanii booda… rashanan. 😭

Abbootiin Gadaa kun bakka namni hin geenyetti geeffamanii rashanaman. Maatiin fi biyyi eessatti akka dhumanillee dafanii hin beekanu. Booda dhagayanii reeffa fudhatuuf dhaqan, waraanni lolaa itti bobba’e. Dhumarratti, yeroo bira gayan, reeffi isaanii eenyuu akka ta’e hin beekamneen, bineensa nyaatame ture.

Akkasitti, korommiin Michillee fi Gadaa Oromoo hanbaa osoo wal hin dhiifatin, boolla takkatti galtaniiru. 😭


#Yaadannoo_Abbootii_Gadaa_Karrayyuu #Mudde_1, 2025